Caamsaa 30,2015 Mattuu
Barattootni Yuuniversitii Mattuu mooraa keessatti FDG guyyaa filannoon Wayyaanee gaggeeffame irraa kaasee itti fufiinsaan aarsaa kaffalaa jiru. Gama tokkoon barumsa isaanii dhiisanii gara mirga uummata bal’aa uummata Oromoo kabachiisuu dhaaf torbee kana guutuu humna waraana Wayyaanee dura dhaabbatanii FDG finiinsaa jiru, humni waraana Wayyaanees didaa yeroon kan wal qabate barattoota harka qullaa mooraa
fi doormii ciisicha isaanii seenuudhaan barattoota hedduu reebuu fi dhaanicha suukkanneessaa irratti raawwataa turan, barattootni sabboontootni moorichaa guutummaatti humna waraana Wayyaanee dura dhaabbataa turan, ammas haaluma kanaan kan itti fufe yoo tahu barattoota muraasa waraana Wayyaaneen qabamanii bahan guyyoota lamaan kana bakka buuteen isaanii dhabamee jiru keessaa:-
- Warquu Darajjee-barataa Engineering waggaa 3ffaa
- Guutuu Baqqalaa-barataa Engineering waggaa 2ffaa
- Amaddiin Jamaal- barataa Engineering waggaa 2ffaa
- Shimallis Durgommee-barataa waggaa 3ffaa
- Ibrahim Rundaas-
- Oliiqaa Gechoo-
- Ermiyaas Leellisaa-
Kana malees walakkaa ol yeroo ammaa bosona naannoo sanaatti badanii dhaanicha fi qabamuu baqatanii fi guyyaa guyyaadhaan barattootni ammas humna kanaan qabamanii bahaa akka jiran Qeerroon gabaasee jira.