Wallagga Aanaa Gullisoo Ganda Calliyaa Keessatti Gooti Barataan Oromoo Karrasaa Caalaa Rasaasa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen Wareegame.

Aside

Muddee 03,2015 Calliyaa

Hiriira barattoota Oromoo guyyaa har’aa  Muddee 03,2015 amma itti jiramu irratti  Wallagga Aanaa Gullisoo Ganda Calliyaa Keessatti Gooti Barataan Oromoo Karrasaa Caalaa Rasaasa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen erga rukutamee booda bayyaannachuu dadhabuu irraan Wareegame.

Gootichi Oromoo Barataa Kutaa 10ffaa Ta’e Dajanee Sarbeessaa Osoo Mirga Saba Isaaf Falmuu Magaalaa Bantuutti Loltoota Wayyaaneen Wareegame.

Aside

Hub:- Suuraan Gooticha Barataa Oromoo Dajanee Sarbeessaa Poolisa Wayyaaneen Ajjeefamee  Daa’immaan Ilaaluuf Haalaan Sukkanneessaa Waan Ta’eef As Irratti Hin Maxxansine.

Muddee 03,2015 Gabbaaa Qeerroo

Godina Shaggar  Kibba Lixa Aanaa Tolee Magaalaa Baantuu Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa guyyaa 3,12,2015 yokin guyyaa 23/03/2008 ganama keessa hirriiraa mormii maaster pilaanni mormuun bahame irratti barataan kutaa 10ffaa barataa Dajanee Sarbeessa du’aan kan boqote yoo ta’u barattoonni lama akka malee rasaasaan dhahamanni hospitaala walisootti geeffamani jiru. Mucaan du’e kunooti reefi isaa erga du’e namni lafa kaasu lolaafu dhabamet sa’aatti 2:00 irratti kan du’e Poolisoonni akka namni hin kasne dhowun sa’aatti 4:13 irratti reefaa lafa kaasee humni darbata walisoo irraa dhufe.

 

Oduu Ammee:- Barattooti Oromoo Riiftii Vaalii, Teeknikaa fi Ogummaa Naqamtee, Kolleejjii Barsiisotaa Naqamtee Warraaqsaa Bilsummaa Qabsiisan.

Aside

Mudde 3,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte

ergamtuu

ergamtuu

Waajjira Barnoota Godina Wallaggaa Bahaa fincila diddaa garbummaa maksuuf barattooti sadarkaa duraa fi lammaffaa barnoota akka dhaaban taasisanis dhaabbileen barnootaa hafan magaalaa Naqamtee keessatti itti fufanii jiru.

Sa’a sadii hanga sa’atii ja’aattikan itti fufe hiriirri kun poolisooti Oromiyaa hidhannoo hiikkachiisaman callisanii waan ilaalaniif poolisiin federaalaa itti ramadamee bittinneesseera. Yeroo ammaa kana konkolaattoti kallatti kamittuu Naqamtee keessaa socho’aa waan hin jirreef sosochii uummataa fi rukkinni jabaan mul’ata

Dhaadhannoon kunis uummata wajjin kan geggeeffame yeroo ta’u,
1 Maaster pilaanii finfinnee hojiirra hin oolu
2 Faayidaan uummati keenya finfinneerraa argatu habeekamu
3 lafti walabummaa Oromoon Bilisummaa dheebonne

Jechaa kan turan yeroo ta’u, amma kana magaalattiin afuura bilisummaatii irraa bubbisa.
Qabsoon Itti Fufa

Wallee Haaraa “Nuti Qeerroon Leenca Goota” 

Aside

Wallagga,Naqamte Keessaa Manneen Kaabinoota Wayyaanee Dhagaan Reebamaa Jira,Barattuun Mana Barnootaa New Generation Tokko Rasaasa Wayyaaneen Wareegamte.

Aside

Muddee 03,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamtee

Kamisa torbee har’aa yeroo Barattoonni daaloo sadarkaa duraa sagalee isaanii dhageessisanii kaasee naqamteen fincila fufaa geggeessaa jirti, Keessattuu Jimaata Barattoonni Qophaa’inaa Naqamtee FDG yeroo taasisan humna waraanaa itti bobbaafameen Barattoonni hedduun humnaa ol reebamuun kaan mana hidhaatti darbaman.
Wiixatas sochiin barattoota kanaa ka barattoota New Generation dhaabbata dhuunfaan waliitti makameen fincila diddaa barattootaa geggeessameen lubbuun Shamarree tokkoo hin ba’in hin hafne jedha odeessi Qeerroo.
Hawaasi Oromoo magaalaa Naqamtee yeroo ammaa kana nu gurgurattanii nu keessa hin teessan jechuun mana kaabinoota Wayyaaneetti dhagaa guuraa tikoota wayyaaneetii wajjin wal’aansoo wal qabaa jira.

Har’a 3/12/2015 barattooti Daandii Boruu naannoo warshaa gommaa duriitii kaasanii hawaasi magaalaa Naqamtee fincila itti fufeetti humna tikaa bobbaasuun Jiraattota Magaalaa Naqamtee hedduu ganda 07 fi 05 tti guuranii hidhaa jiru. Godinuma Wallaggaa kanaa utuu hin ba’in ajaja Waajjira barnoota godinichaa irraa darbeen Barattoonni torbee tokkoof gara maatiitti haa geggeessaman malee fincilli uummataa gabaa dirree ispoortii fi bakkeewwan uummati itti argamanitti geggeessaa kan jiran yeroo ta’u bal’ina odeessaa kana akka nu qaqqabeen isiniif dhiyeessina.

Guutuu Gabaasa FDG Oromiyaa:- Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ)Muddee 2, 2015

Aside

Wallagga Magaalaa Gullisoo Keessatti Barattuun Oromoo Caaltuun Gootota Mirga Sabaaf Aarsaa Kafalan Keessaa Tokko

Aside

Godina Wallaggaa Qellem Dambi Doollotti FDG Finiine, Aanaa Jimmaa Horroo Irra Barattootni 4 Ukkaamfaman.‏

Aside

Muddee 02,2015 Dambii Dolloo

Mormiin Maaster Pilaanii kallatti hundattuuu bal’atee yoommuu itti jabeeffameedha. Godina Qellem wallaggaa manneen barnootaa sadarkaa garagaraatti Muddee 2/2015 sa’a booda mana barumsaa cufuudhaan hiriira mormii bahuun dhaga’ame.  Mana barumsa Oliiqaa Dingil, Mana qophaayinaa Qellem, Mana barumsaa Maskaramii fi koolleejjiiwwan barsiisotaa garagaraa walitti dhufuudhaan mormii master pilaanii ifatti mul’isanii jiru. Uummanni bahee FDG barattoota waliin finiinsee jira. humni waraana wayyaanee godina dhiyaa irratti ramadame gara sanatti bobbaafamaa jira.

Itti fufuudhaan aanaa Jimmaa Horroo keessatti dargaggootni oromoo ukkaamfamaa jiru.  Qindeessitoota FDG jedhamuun waraana wayyaaneen qabamanii bakka buuteen isaanii dhabame godina Qellem wallaagaa aanaa Jimmaa Horroo irraa

1.       Oliiqaa Israa’el

2.       Nagaasaa Hiisaa

3.       Dirribaa Jabeessaa

4.       Sanbataa Oljiraa

Daraggoota oromoo sabboontota qabamanii gara akka bu’an hin beekamin yoo jiraatanillee

Sirbootni

–          Loli hin lollaa  ABO tu lola beela

–          Loli hin lollaa Injifannoon gallaa

–          Loli hin lollaa WBO tu lola beeka

Jechuudhaan sirbootaa fi dhaadannoo dhageessifamaa jira. dargaggootni kunneen yeroo ammaa eessatti akka hidhaman wallaalamullee FDG uummataan itti fufee kan jiru godina Qellem Wallaggaa aanaalee garagaraa keessatti itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.

Guyyaa Har’aa Wallagga Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa Keessatti Barattooti Oromoo 3 Rasaasa Wayyaaneen Wareegaman.

Aside

Sabboonti Barattoota Magaalaa Calliyaa Keessaatti Wareegaman 

1. Guutuu Abarraa Dheeressaa n
2. Barataa Lilisaa Bantii,
2. Addunyaa Malakuu

Oromo oromiaMuddee 02, 2015 Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa fi Aanaa Ariyaa keessatti Warraaqsa FDG karaa nagaan uummatni gaaffii Mirga abbaa Biyyummaa fi mormii Master pilaanii Finfinnee irratti gochaa jiru Irratti Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee waraana uummata irratti banuun ‘’Yaakka Duguuginsa sanyii (Genocide) uummata irratti gaggeessuun Ilmaan Oromoo 3 Wareegaman.
Mootummaan Abbaa Irree Fashitii wayyaanee gaaffii mirgaa Barattootni Oromoo fi uummatni Oromoo karaa nagaan dhiiyeeffachuun hiriira mormii abbaa irree wayyaanee irratti uUmmatni harka duwwaan ba’ee sagalee mormii waan dhageesisee fi isi jalatti hin bullu jechuun sirni
bulchiinsa wayyaanee hin fudhannuu, maqaa Master pilaanii finfinnee jidhuu fi Labsii Magaalota Oromiyaa hin fudhannu jechuun Uummatni Oromoo barattootni fi sabboontootni Oromoo FDG kaachisuun Sagalee isaanii Oromiyaa cufatti dhageesisaa kan jiran yoo ta’uu, Guyyaa hardhaas qawwee fi waraanaan dorsifamnee mootummaa gabromsaa jalatti hin bullu jechuun Uummatni Oromoo fi Dargaggootni Barattootni Oromoo Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa keessatti FDG karaa nagaa gaggeeffamaa jiru irratti mootummaan Wayyaanee Jibbinsa guddaa ilmaan Oromoo irraa qabuu irraa ka’uun waraana uummata hiriira bahan irratti banuun ilmaan Oromoo nagaan utuu gaffii mirga abbaa biyyummaa fi Oromummaa isaaniif falmanii waraana Wayyaaneen baneen Wareegamuu maddeen keenya gabaasan.

Ilmaan Oromoo yakka waraana Wayyaaneen rawwachaa jiruun wareegaman:
1. Guutuu Abarraa Dheeressaa n
2. Barataa Lilisaa Bantii,
2. Addunyaa Malakuu kanneen jedhaman keessatti argaman ilmaan Oromoo yakka genocide wayyaaneedhan ajjeefamuun mootummaan Wayyaanee mootummaa abbaa irree fi sharorkeessan ilmaan Oromoo fixaa jiraachuun ibsame jira. Namootni hedduun rasaasan dhamuu amma illee gabaafama jira dhukaasni Mootummaan Wayyaanee Gullisoo fi Ayiraa irratti har’a bane itti fufinsaan dhukaafamaa jiraachuu madden keenya ibsan.
Uummatni Wareegama fedhee kanfalla malee humnaa fi Qawween jilbeeffannee hin bitamnu jechuun FDG itti fufe jira. Ilmaan Oromoo
bakka jirtan hundaa sagalee FDG jabeessuun mootummaa nu fixaa jiru dura dhaabbannee mirga keenya haa kabachiifnu jechuun sabboontootni
Qeerroon dargaggootni Oromoo dhaamsa dabarfatan.

Oduu Ammee:-Barattootni Oromoo Magaalaa Burraayyuu Amma Galgala Kana Sa’aa 11:30 Irraa Egaluun Warraqsaa FDG Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside


IMG01251-20141106-1957 Muddee 02,2015
Barattootni Oromoo Magaalaa Burraayyuu Amma Galgala Kana Sa’aa 11:30 Irraa Egaluun Warraqsaa FDG dhoosuun Sagaalee Mormii Guddaa karoora Mastyer Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa fi Kabajamuu Mirga abbaa biyyummaa Oromoo mormii isanii dhageesifachuun mooraa M/B Barumsaa Burraayyuu Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina keessatti dhaadannoo dhageesisuun gara Magaalatti gadi ba’uun Iyyaan Mootummaa Abbaa irree Wayyaanee Sagalee Dhaadannoo guddaan balaaleffachuun Warraaqsaa FDG Oromiyaa hundarratti gaggeeffamaa jiru daran jabeessuun Warraaqsaa itti fufsiisan.
Mootummaan Wayyaanee Uummatnii fi Daraggootni qeerroon barattootni Oromoo Magaalaa Burraayyuu keessa jiran FDG narratti kaachisuuf jedhee sodaa guddaa irraa kan ka’een Waraanaa guddaa Magaalaa Burraayyuu irra qubsiisuun uummata eegsiisa kan oole yoo ta’u, eeggichi Wayyaanee galgala kana gootota barattoota Oromoo Mana Barumsaa Burraayyuu sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina ittisuu hin dandeenye Barattootni galgala kana sa’aa 11:30 iirraa eegaluun Warraaqsaa FDG qabsiiasanii sagalee dhaadannoo Oromiyaan kan uummata Oromooti, Burraayyuu dabarsinee hin gurgurruu, waraannii uummata goolaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba, Gaaffii mirga abbaa biyyuummaa fi kan bilisummaaf deebiin haa kennamu sagalee jedhu dhageesisuu eegalan .
Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Magaalaa Burraayyuu fi Dargaggootni oromoo Magaalaa Burraayyuu keessatti argaman guyyaa hardhaa Warraaqsaa dhoosuuf Yaalii guddaa gochaa kan olaan, waraana Wayyaanee guyyaa guutuu namni lama fi sadii ta’ee wal duukaa akka hin adeemne ittisaa turaniin danqaa guddaan utuu jiruu waraanni Wayyaanee sagalee dhaloota qubee ittisuu hin dandeenye galgala kana sagaalee mormii guddaa dhageesisuu akkuma eegalaniin humna waraanaa guddaa itti bobbaafamee fi aduu dhiha irra bu’uu irraan addaan bittineeffaman.FDG daran jabaatee itti fufa hanga Oromoon bilisoomuu fi Oromiyaan Walaboomtutti.