FDG Yuniversitii Wallaggaatti Qabatee Itti Fufeen Barattooti 100 Ol Hidhaman,Irra Guddaan Isaanii Barnoota Waggaa 4ffaa Kanneen Baratani Ta’uu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mudde 04,2015 Naqamte

Because I am OromoHalkan edaa Fincila Diddaa Gabrummaa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti qabate irratti mootummaan barattoota Oromoo hedduu reebuu fi doormii galee qabeenya isaanii gutuu saamuun bittinsuu fi sakatta’uun mancaasaa ture. Irra Guddaa isaanii reebichaan yeroo mooraa keessaa wal qabaa turanitti barattoota Oromoo ta’an 100 ol ammo mana hidhaatti guuree jira.

Kanneen keessaa:-

  1. Barataa Gaxxuu Abdiisaa  Elektirical engineering Waggaa 4ffaa
  2. Barataa Badhaasaa Tufaa Mechanical engineering Waggaa 4ffaa
  3. Barataa Ayyanoo Kumsaa Elelctiral Waggaa 4ffaa

Kanneen jedhan keessatti yeroo argaman galmee namoota hanga ammaatti hidhamanii yeroo gabaabaatti Qeerroon ni gabaasa.

Muddee 03,2015 Oromiyaa Bahaa Haroomayaa Keessatti Diddaan Gabrummaa Uummata Oromoo Itti Fufeen Waraanni Wayyaanees Dhukaasa Uummata Nagaa Irratti Roobse.

Aside

GABAASA ADDAA:- Sagalee Qeerroo Bilisummaa (SQ) Mudde 3, 2015

Aside

Mudde 03,2015 Wallagga Najjoo Keessatti Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufee Oole.

Aside

Godina Lixa Shaggar Aanaa ADA’AA BARGAA Magaalaa MOGOR Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Itti Fufee Oole.

Aside

Muddee 3,2015 Ada’aa Bargaa

Irree diinaa ni cabsinaMuddee 3,2015 Warraaqsii FDG Godina Lixa Shaggar AANAA ADA’AA BARGAA Magaalaa MOGOR Keessatti Uummataa fi Gootota Dargaggoota Qeerroo Barattoota Oromoon haalan jabaatee gaggeeffama ole, Warraaqsaa Gaggeeffameen Qabeenyaan Investeroota Wayyaanees barbadeeffame.
Goototni Uummatani Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni fi Barattootni Oromoo Uummata Waliin ta’uun Qabasoo kabajamuu Mirga Abbaa Biyyummaa fi Mormii Master Pilaanii finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa irratti dabarfamee duula duguuginsa Sanyii , saamichaa fi diigumsa
biyyaa nurratti labsame gamtaan kaanee of irra ittisna, Ilmaan Oromoo Warraqsaa FDG irratti wareegamaa jiraaniif Dirmannaa gochuu qabna, Qabsoo irratti Wareegamaa jirru hanga galii bilisummaa keenya Gonfannee samtoota investeroota Wayyaanee of keessa baasuu qabna jechuun Warraaqsi haalan jabaa ta’ee finiine itti fufe!. 

Dhaadannoon Gurguddaan kan Qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuu fi Mootummaa Wayyaanee balaaleffatu, Mormii Master Pilaanii Finfinnee fi Magaalota Oromiyaan Mormu haala dhageessifatan. Guyyaa Har’aa Magaalaa MOGOR keessatti Warraaqsaa FDG uummatni gaggeessaa jiruun hanga ammatti Warraaqsaa FDG uummataa fi dargaggoota Qeerroo Barattoota Oromoon gaggeeffamaa jiruun :

Goototni Uummatni Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo Biyya abbaa keenya Investerootaa fi Angawoota Wayyaaneetti dabarsinee hin kenninu jechuun Waarraaqs FDG jabeessuun Uuummatni Magaalaa fi Baadiyyaa walitti Dabalamuun warraaqsa Injifannoo guddaa qaqbu gaggeessa kan olaan ta’uu Qeerroon Mogor irraa gabaase jira. Mootummaan Wayyaanee Sochii Warraaqsaa FDG Mogoritti Gaggeeffamaa jiru kana irratti Waraanaa Agaazii, Poolisii federaalaa fi Poolisoota Liyyuu Haayilii Kora Bittinneessa jedhaman garta Mogoritti guuraa jiraachuu fi yeroo
amma kanatti dhukaasnii mootummaa Wayyaanee irra Magaalaa Mogor irratti banamee jiru haalaan ulfaata ta’uu madden keenya gabaasan,

Buraayyuu Keessatti Diddaa Baratootaa Ka’een Kan Wal Qabatee Poolisootni Oromiyaa 7 Ukkaamfaman. Naqamtetti Ammoo Poolisoonni Naannoo Oromiyaa Motummaa Lagachaa Jiru.

Aside

Oduu Ammee:  Mudde 3,2015 Odeessa Qeerroo Finfinnee

img0029a

Godinaalee addaa oromiyatti akkuma kaleeysa odeessa dhaamne FDG osoo wal irraa adda hin citannee magaalota addaa Oromiyaatti ittuma fufeetu jira.
Har’a magaala Buraayyuutti diddaan barattoota mana barumsaa sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga mana barumsaa qophaayinatti kan itti fufee jiru tahuu Qeerroon gabaasaa jira.Haaluma kanaanis deggertoota FDG jedhamuun Poolisoonni Oromiyaa 7 ukkaamfamanii jiru. Barattoootni mana barumsaa garagaraa Buraayyuu yeroo ammaa kana didda finiinsaniin mormii Maaster Pilaanii balaaleffachuu hanga daandiin
cufamuun waraanni wayyaanee fi korri bittimneessaan bobbahee dhufuttis jabinaan itti fufanii jiru.
Daandiwwan konkolaataa hunduu cufamee jira. Namootni nagaanis yeroo ammaa kana daandiirraa qabamuun ukkaamfamanii bakka buuteen isaanii dhabamaa jira. Dhaadannoon mormii Maaster pilaanii fi gaaffiin mirgaa garuu miidhaa uummata irra gahaa jiruun hin dhaabbanne itti fufeetu jira.

Kana malees Poolisoonni Oromiyaa godina Wallaggaa magaalaa Naqamtee sochii FDG deggeruun mootummaa Wayyaaneetti dudda galagalchuun walgahii isaanii lagataa jiru.

Oduu Ammee:- Baha Oromiyaa Magaalaa Calanqoo fi Dhiha Oromiyaa Jimmaa Horroo Keessatti Diddaan Barattoota Itti Fufee Jira. Uummanni Nagaas Qabamee Hidhamaa Jira.

Aside

Mudde 03,2015 Jimmaa Horroo

photo.phpGodina Qellem wallaggaa Ona Jimmaa Horrootti har’a ganama sa’a 5:30 irraa kaasee WBO fi ABOn uummataan faarfatame. Hiriirri mormii Maaster Pilaaniis itti fufee jira.
Odeessa Qeerroo ona Jimmaa Horroo irraa, FDG akkuma jabaatee itti ffuetti barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa har’a uummatas kaasanii ofii dura bu’uudhaan qonnan bulaan tokko osoo hin hafnee daldalaan, hojjetaan mootummaa diddaa gaaffii abbaa biyyummaa mormii
master pilaaniitti hirmaatee jira.
Dhaadawwannoowwan har’a magaala Jimmaa Horrootti barattootaan dhaadeffaman Mootummaan wayyaanee nurraa haa ka’u ABO n nu haa bulchu Hidhaa fi ajjechaan ilmaan oromoo irraa haa dhaabbatu Ajjeefamuun, hidhamuun, rasaasaan madeeffamuunii fi doorsifamuun mirga keenyaaf falmachu hin dhaabu Mootummaa wayyaaneetiin ilmaan oromoo ajjeefamuun haa dhaabbatu Yeroo ammaa kana magaalaan Jimmaa WBO fi ABO faarsuudhaan diddaa isaa itti fufee jira. Barattootni hedduun ukkaamfamanis gaaffiin abbaa biyyummaa haala wal irraa hin cinneen kan itti fufee jiruudha. FDGnitti fufa!

Kana malees har’a Muddee 3,2015 Oromiyaa Bahaa  magaalaa Calanqoo keessatti FDG guyyaa har’aa itti fufee ooluu Qeerroon gabaasee jira. Haala gabaasaa kanaa guutuun ni dhihaata.

Kaayyoon FDG Maali?? Raadiyoon Sagalee Oromoo Qindeessaa Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Giddu Galaa, Falmataa Lammii, waliin Gaaffii fi Deebii Addaa godhee jira.

Aside

Sabboontoti fi Dargaggooti Oromoo Magaalaa Buraayyuu Waraana Wayyaaneen Marfamanis Diddaa Sirnicha Itti Fufanii Jiru.

Aside

Mudde 03,2015 Buraayyuu

81

Burayyuu

Magaalaa Burraayyuutti Gootootni Dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo fi Sabboontootni uummatni Magaalaa Burraayyuu Mootummaa Abba irree Uummata dararaa jiruu fi dirqamaan karoora Master Pilaanii Finfinnee fi labasii magaalota Oromiyaa Hojiitti hiikuuf tattafatu irratti FDG dhoosuun Sagalee Mormii Magaalaa Burraayyuu keessatti Waraana Waayyaaneen Utuu Marfamanii jirani kaachisan, Magaalaan Burraayyuu Caalmatti kaaleessa galgala irraa eegaluun eeggichi warana Wayyaanee akkan kan irratti jabaate yoo ta’u, Guyyaa Hardhaas warraaqsaa FDG itti kaachisuun Hoomaa waraana Magaalaa Burraayyuu Keessa yaa’u waliin waldura dhaabbatan. Magaalittin Waraanaan qabamtee eegamaa waan jirtuuf Akkuma Dargaggootni Qeerroon Oromoo haala rakkisaa eeggicha waraanaa keessatti FDG itti
kaachisanitti Waraanni fi Poolisootni Magaalaa Burraayyuu eegaa jiran itti duuluun bittenneessan.

Dargaggootni fi Uummatni sabboontootni Oromoo humna waraanaan bittinneeffaman kun walitti deebi’uun FDG kan itti fufsiisan ta’uun dhaammatan. Mootummaan Wayyaanee Uummatnii fi Daraggootni Qeerroon barattootni Oromoo Magaalaa Burraayyuu keessa
jiran FDG narratti kaachisuu soda jedhuu irraa eeggicha guddaa gochaa kan ture, Guyyaa Goototni dargaggootni fi uummatni Oromoo Magaalaa
Burraayyuu Xalayaa Iyyannoo Qopheeffachuun Bulchiinsa Magaalaa Burraayyuutti galchuuf utuu jiranii Waraana Wayyaaneedhaan wal dura
dhaabbachuun FDG qabsiisan. Ammas sa’aa booda Warraaqsii FDG kan itti fufu ta’uu ibsatan,Warraaqsi FDG Magaalota Addaa Nannawaa Finfinnee Magaalaa Sabbataa, Holotaa, Galaan, Sulultaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Duukam fa’attis ergaa qeerroon dargaggootni Oromoo waliif
dabarsaniin soda guddaa FDG irraa ka’een Wayyaaneen waraanumaan uummata ittisaa jiraachuun ibsame jira.

Godina Baha Oromiyaa, Haromaayaa Keessatti Ummanni Oromoo Barattoota Tumsuufn Diddaa Sirna Abbaa Irree Wayyaanee Irra Jira.

Aside

 Mudde 03,2015 Haromyaa