Mudde 3,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte
Waajjira Barnoota Godina Wallaggaa Bahaa fincila diddaa garbummaa maksuuf barattooti sadarkaa duraa fi lammaffaa barnoota akka dhaaban taasisanis dhaabbileen barnootaa hafan magaalaa Naqamtee keessatti itti fufanii jiru.
Sa’a sadii hanga sa’atii ja’aattikan itti fufe hiriirri kun poolisooti Oromiyaa hidhannoo hiikkachiisaman callisanii waan ilaalaniif poolisiin federaalaa itti ramadamee bittinneesseera. Yeroo ammaa kana konkolaattoti kallatti kamittuu Naqamtee keessaa socho’aa waan hin jirreef sosochii uummataa fi rukkinni jabaan mul’ata
Dhaadhannoon kunis uummata wajjin kan geggeeffame yeroo ta’u,
1 Maaster pilaanii finfinnee hojiirra hin oolu
2 Faayidaan uummati keenya finfinneerraa argatu habeekamu
3 lafti walabummaa Oromoon Bilisummaa dheebonne
Jechaa kan turan yeroo ta’u, amma kana magaalattiin afuura bilisummaatii irraa bubbisa.
Qabsoon Itti Fufa
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist
Irree tokkoon kaanee biyyaa keenya haa bilisoomsinu!
Jabaadhaa Oromiyaan ni ,Bilisoomti!