Guyyaa Har’aa Wallagga Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa Keessatti Barattooti Oromoo 3 Rasaasa Wayyaaneen Wareegaman.

Sabboonti Barattoota Magaalaa Calliyaa Keessaatti Wareegaman 

1. Guutuu Abarraa Dheeressaa n
2. Barataa Lilisaa Bantii,
2. Addunyaa Malakuu

Oromo oromiaMuddee 02, 2015 Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa fi Aanaa Ariyaa keessatti Warraaqsa FDG karaa nagaan uummatni gaaffii Mirga abbaa Biyyummaa fi mormii Master pilaanii Finfinnee irratti gochaa jiru Irratti Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee waraana uummata irratti banuun ‘’Yaakka Duguuginsa sanyii (Genocide) uummata irratti gaggeessuun Ilmaan Oromoo 3 Wareegaman.
Mootummaan Abbaa Irree Fashitii wayyaanee gaaffii mirgaa Barattootni Oromoo fi uummatni Oromoo karaa nagaan dhiiyeeffachuun hiriira mormii abbaa irree wayyaanee irratti uUmmatni harka duwwaan ba’ee sagalee mormii waan dhageesisee fi isi jalatti hin bullu jechuun sirni
bulchiinsa wayyaanee hin fudhannuu, maqaa Master pilaanii finfinnee jidhuu fi Labsii Magaalota Oromiyaa hin fudhannu jechuun Uummatni Oromoo barattootni fi sabboontootni Oromoo FDG kaachisuun Sagalee isaanii Oromiyaa cufatti dhageesisaa kan jiran yoo ta’uu, Guyyaa hardhaas qawwee fi waraanaan dorsifamnee mootummaa gabromsaa jalatti hin bullu jechuun Uummatni Oromoo fi Dargaggootni Barattootni Oromoo Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa keessatti FDG karaa nagaa gaggeeffamaa jiru irratti mootummaan Wayyaanee Jibbinsa guddaa ilmaan Oromoo irraa qabuu irraa ka’uun waraana uummata hiriira bahan irratti banuun ilmaan Oromoo nagaan utuu gaffii mirga abbaa biyyummaa fi Oromummaa isaaniif falmanii waraana Wayyaaneen baneen Wareegamuu maddeen keenya gabaasan.

Ilmaan Oromoo yakka waraana Wayyaaneen rawwachaa jiruun wareegaman:
1. Guutuu Abarraa Dheeressaa n
2. Barataa Lilisaa Bantii,
2. Addunyaa Malakuu kanneen jedhaman keessatti argaman ilmaan Oromoo yakka genocide wayyaaneedhan ajjeefamuun mootummaan Wayyaanee mootummaa abbaa irree fi sharorkeessan ilmaan Oromoo fixaa jiraachuun ibsame jira. Namootni hedduun rasaasan dhamuu amma illee gabaafama jira dhukaasni Mootummaan Wayyaanee Gullisoo fi Ayiraa irratti har’a bane itti fufinsaan dhukaafamaa jiraachuu madden keenya ibsan.
Uummatni Wareegama fedhee kanfalla malee humnaa fi Qawween jilbeeffannee hin bitamnu jechuun FDG itti fufe jira. Ilmaan Oromoo
bakka jirtan hundaa sagalee FDG jabeessuun mootummaa nu fixaa jiru dura dhaabbannee mirga keenya haa kabachiifnu jechuun sabboontootni
Qeerroon dargaggootni Oromoo dhaamsa dabarfatan.

1 thought on “Guyyaa Har’aa Wallagga Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa Keessatti Barattooti Oromoo 3 Rasaasa Wayyaaneen Wareegaman.

  1. Pingback: Oromia: Gootichi Barataa Yuuniversitii Haromaayyaa Gazzahinyi Oliiqaa Rasaasa Wayyaaneen Wareegame. Gullisoo Keessatti Barattuun Oromoo Caaltuun Gootota Mirga Sabaaf Aarsaa Kafalan Keessaa Tokko | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s