Warraaqsa biyyoolessaa FXG utuu wal irraa hin citiin ji’a sagalii oliif guutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa tureen sirni Wayyaanee TPLF naasuu keessa seenuun waan qabdee lakkisu wallaalee uummata goolaa jira.
Guyyaa har’aa Fulbaana 5,2016 Baankiin daldala Ithiopiyaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa jiru guutummaan guutuutti duwwaa ta’uu irraan kan ka’e sirni Wayyaanee rifaatuu guddaa keessa seenuun uummata magaalaa Naqamtee goolaa jira.
Rifannaa isaa kana irraa ka’uudhaanis baankii keenya rakkoo konneekshiniitu mudate jechuudhaan maallaqa uummataa akka isaan hin fudhanneef dhorkaa jira.
Haaluma kanaan uummanni magaalattiis harki caalu maallaqni isaa waan dhowwatameef baayyee rakkachaa akka jiran bira ga’amee jira.
Uummannis morma keenya laanna malee maallaqa keenya fudhannu malee hin gallu jechuun mormii kaasaa jiraachuun dhaga’amee jira.
Blog Archives
Fulbaana 5,2016 Ummanni Magaalaa Dambi Doolloo qabeenya baankii Daldala Ethiopia keessaa qabu guutuutti baafachaa jira.
Aside
OLOMPIYAAN RIYOO BARANAA – OLOMPIYAA OROMOOTI
Aside
Sabboontota Oromoo hundaaf!
Aside
Aside
Fulbaana 4,2016 Guyyaa kalessaa Manni Hidhaa Qilinxoo kan Haayyootni Oromoo qaroo uummataa ta’an keessatti hidhamanii jiran ibiddaan barbadaa,uu gabaasaa kan turre fi kallatti hedduun gabaafama kan türe, Waraanni wayyaanee ilmaan Oromoo Balaa ibiddaa jalaa akka of hin olchineef dhukaasaa irratti banuun ibiddaa fi rasaasa gidduutti ittisaa kana tureen ilmaan Oromoo ammaf lakkofsi isaanii hin beekamiin dhukaasaa irratti banameen wareegamuu fi hedduun madeeffamuun kallattii hedduun ibsame.
Halkan edaa Hıdhamtootni Oromoo fi ilmaan Cunqurfamoo hedduun Mana hidhaa Qilinxoo irraa gara manneen hidhaa Biyyatti Kanneen akka Shaggar Roobıtı, fi Zıwaayitti kanneen kumootaan lakka’aman konkolaataa 80 oliin fe’amanii guuramaa jiraachuu maddeen gabaasaan kanneen lakkoofsii isaanii 500 irraa hin caallee immoo Mana hidhaa Qaallittitti akka geeffamani hidhaman ibsamee jıra. Mootummaan Wayyaanee yakka dalagaa jıruuf itti gaafatamadha!! ,
Qabsa’aan Wareegamuufı Hiraarfamuus Qabsoon İttı Fufa!!
Godina Arsii Magaalaa Waabee Eddoo Keessatti Gubachuu Mana Hidhaa Qilinxoon Sababeefachuun Ummanni Diddaa Itti Fufe.
Aside
Godina Arsii magaalaa Waabee Eddootti Qeerron Bilisummaa Oromoo fi ummanni guyyaa har’aa 4/9/2016 Gochaa sanyii duguuggaa wayyaanen mana hidhaa qilinxootti raawwatte sababeeffachuun mormii godhaa oolun daandii magaalattii seenu kallattii hundaanuu cufaa oolaniiru.Karaa biraatin asuma godina arsii magaalaa Boollootti Qeerron basaastuu wayyaanee Taammiraat Hayluu Assaffaa jedhamurratti gaafa3/9/2016 halkan naannoo saa’atii 6:00 irratti mana isaatii gadi baasun tarkaanfii irratti fudhataniin guyyaa har’aa 4/9/2016 wareegamuun isaa himameera.
Kana malees Godina Wallaggaa magaalaa Jaarsoo keessatti Qeerroon Bilisummaa barruulee warraaqsaa ummataaf raabsaa ooluu fi jala deemtota Wayyaanee akeekachiisaa turuun beekame.
Partial list of Oromos that have been killed as a result of Excessive force by Ethiopian Government armed forces during Peacful demonstration on August 6,2016, Oromia, Ethiopia
Aside
(Updated 4September 2016)
| Nr | Name | Sex | Age | Zone | Locality | Killed by |
| 1 | Abbuu Muummee | M | 17 | Arsii | Ticho | Agazi |
| 2 | Abdallaa Mohammed | M | – | East Harageh | Qobo | Agazi |
| 3 | Abda Jiloo | M | 24 | West Arsii | Asasa | Agazi |
| 4 | Abdaa Hasanoo | M | 31 | West Arsii | Asasa | Agazi |
| 5 | Abdii Daawud | M | – | East Harageh | Kombolcha | Police |
| 6 | Abdii Jamal Suraa | M | 27 | Arsii | Heraroo | Agazi |
| 7 | Abdallaa Kadir | M | 26 | Arsii | Baalee Roobee | Agazi |
| 8 | Abdisaa Gamachu | M | 23 | West Arsii | Shashamane | Agazi |
| 9 | Abdisaa Tolaa | M | 19 | West Arsii | Asasa | Agazi |
| 10 | Abdoo Tolaa Dibaba | M | 20 | Arsii | Dheraa | Agazi |
| 11 | Abdulsalam Milkeessaa | M | – | East Harageh | Qarsa | Agazi |
| 12 | Abdunasir Ture Xulloo | M | 24 | Baalee | Waabee | Agazi |
| 13 | Abdurraa Caabii | M | 26 | West Arsii | Asasa | Agazi |
| 14 | Abduu Rashaad | M | 19 | Baalee | Waabee | Agazi |
| 15 | Abdusalam Ahme/shekko | M | – | East Harageh | Haroo Maayaa | Police |
| 16 | Abdushakuur Dhaqqabaa | M | – | East Harageh | Awadayi | Agazi |
| 17 | Afandii Mohammed | M | – | East Harageh | Haroo Maayaa | Agazi |
| 18 | Ahmed Aman | M | West Arsii | Adaba | Agazi | |
| 19 | Ahmed Girboo | M | – | East Harageh | Quubsaa | Agazi |
| 20 | Ahmed Hakim H.Heddo | M | West Arsi | Adaba | Agazi | |
| 21 | Ahmed Hussein | M | 25 | West Arsii | Qore | Agazi |
| 22 | Ahmed Rahiman Umaro | M | West Arsii | Adaba | Agazi | |
| 23 | Ahmed Rauf Amana | M | West Arsii | Adaba | Agazi | |
| 24 | Aliyyii Jaqon Hasen | M | 19 | Arsii | Gobessoo | Agazi |
| 25 | Aliyyoo Said Aloo | M | 22 | West Arsii | Hajee | Agazi |
| 26 | Alii Simboo | M | 26 | West Arsii | Shashamane | Agazi |
| 27 | Amaan Bilbiltu Tolaa | M | 28 | West Arsii | Asasa | Agazi |
| 28 | Amaan Kamal Usman | M | 57 | Arsii | Sagure | Agazi |
| 29 | Amin Aburroo Turee | M | 30 | Arsii | Seeruu | Agazi |
Partial list of Oromos that have been killed as a result of Excessive force by Ethiopian Government armed forces Aug 2106
URGENT CALL OF RENEWED GRAND PROTEST FROM QEERROO:
Aside
September 4,2016
Qeerroo Bilisummaa Oromoo is calling for an urgent renewed call of grand protest in all of Oromia amidst killing of several Oromo prisoners in Kilinto (Qilinxoo) Prison by the regimes shooters as the prisoners run to save themselves from fire.
Here are the demands and banners the Oromo people is asked to hol:
1) Where are our relatives (prisoners)? We demand to see our relatives? Release all political prisonerrs!
2) We need the list of all that are killed! We need the list of all that are wounded! Those wounded should be released to their families for treatment!
3) The TPLF/EPRDF regime is committing genocide on the Oromo people and should step down!
4) Our demand is freedom of Oromia! Oromia shall be free!
5) While ANDM is standing on the side of the protesting Amhara people, OPDO is standing with the TPLF who is committing genocide on Oromo people! We demand that OPDO stand with their people or get out of the way of the Oromo people!
6) All roads will be closed until our demands are met! We call our people to exert economic sanction on the regimes companies and its surrogates.
7) We demand that a transitional government which includes OLF be established!!
8) We call our people to stand with Qeerroo as we destroy the regimes properties, properties of the regimes officials and surrogates, and so called investors!
Waamichaa Ariifachiisaa Uummatni Oromoo Hundii Bakka Jirtaan Aanaa, Godina, Ganda, Masyibaasii fi Bakka Argamtaan Hundatti Walitti Dhufuun Warraaqsii itti Fufuu qaba!!
Aside
Fulbaana 4,2016
Manni Hidhaa Wayyaanee Beekamaa fi guddichi kan Hayyootni qaroo uummata Oromoo ta’an keessaatti argamaan Ibiddaan gubachuu fi Wayyaaneen hidhamtoota Ibiddaa jalaa of baasuuf socho’an irratti dhukaasaa ba’uun lubbuun ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfamoo akka wareegamee fi madaa’uun midhamanii hospitala galanii jiraatuu median dubbattee jirti.Kanneen Wareegamanis ta’ee kanneen Madaa’aan yeroof maqaan addaa hin baafamiin jira, kanaafuu bakka Argamnuu Hundatti biyyaa keessaafi alatti Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG n Daran Jabaatee akka itti Fufuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ummata Oromoo fi Jaarmiyaalee Qabsoo bilisummaa Oromoo hundaaf Waamichaa Ariifachiisaa Dabarseeraa!!







