Waamichaa Ariifachiisaa Uummatni Oromoo Hundii Bakka Jirtaan Aanaa, Godina, Ganda, Masyibaasii fi Bakka Argamtaan Hundatti Walitti Dhufuun Warraaqsii itti Fufuu qaba!!

Fulbaana 4,2016

QeerrooManni Hidhaa Wayyaanee Beekamaa fi guddichi kan Hayyootni qaroo uummata Oromoo ta’an keessaatti argamaan Ibiddaan gubachuu fi Wayyaaneen hidhamtoota Ibiddaa jalaa of baasuuf socho’an irratti dhukaasaa ba’uun lubbuun ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfamoo akka wareegamee fi madaa’uun midhamanii hospitala galanii jiraatuu median dubbattee jirti.Kanneen Wareegamanis ta’ee kanneen Madaa’aan yeroof maqaan addaa hin baafamiin jira, kanaafuu bakka Argamnuu Hundatti biyyaa keessaafi alatti Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG n Daran Jabaatee akka itti Fufuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ummata Oromoo fi Jaarmiyaalee Qabsoo bilisummaa Oromoo hundaaf Waamichaa Ariifachiisaa Dabarseeraa!!

1. Hayyootni Qaroo Uummata Keenyaa Essaa jiruu? Hidhamtootni Oromoo Hundii Mana Hidhaa Qilinxoo keessatti Argamaan Uummataa fi Maatii isaanitti Argisiifamuu qabu!! Badii tokko malee hidhamanii dararama waan jiraniif gaaffii tokko malee akka Hiikamaniif warraaqsaa gaggeessina !!

2. Kanneen Wareegaman, madoo ta’an maqaa isaanii waliin ifaa ta’uu qaba!! Kanneen madoo ta’an maatii fi uummatni akka waldhannatuuf nuuf haakennaman!

3. Mootummaan wayyaanee yakka duguuginsa sanyii balleessuu ummata Oromoo irratti rawwataa jiruuf aangoo gadhiisuun seeraatti haa dhiyaatu!!

4. Gaaffii mirga Abbaa biyyummaa kan bilisummaa ummata Oromoofi Walabummaa Oromiyaaf Deebii hanga Gonfannutti Warraaqsaa irraa duubatti hin jennu!! Gochi wayyaanee warraqsatti daranuu kan nu jabeessuudha!!

5. Dhaabni Ergamtuu Wayyaanee EPRDF /TPLF taate OPDOn Oromiyaa keessaa diigamuu qabdi, Oromiyaan bulcha jettee dubbatuu fi Oromiyaa keessaa socho’uu dhaabuu qabdii, Yeroo bulchiinsii naannoo Amaaraa aantummaa uummataa isaa argisiisaa jirutti OPDOn uummata keenyaa ajjeesaa waan jirtuuf bulchiinsii OPDO Oromiyaa irraa dhaabbachuu qaba. Sabboontootni ilmaan Oromoo OPDO keessatti argamtan gara uummataatti makamuun Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Akka jabeessuun dirqama lamummaa keessaan akka baatan!!

6. Daandiin konkolaataa bakka hundatti cufamuu qaba, kanfaltiin gibiraa fi buusiin taksii kamuu dhaabbachuu qaba, duulli gabaa lagachuufi qabeenyaa ofii gabaa laguu Jabaatee itti fufuu qaba!!

7. Mootummaan Cee’umsaa kan ABO fi dhaabbilee Siyaasaa Bilisummaa saba isaaniif socho’an hammate atattamaan akka hundaa’uu fi mirgii fi bilisummaan uummata Oromoofi saboota cunqurfamoo akka kabajamuuf warraaqsaa wal irraa hin citnee gaggeessina!!

8. Tarkaanfiiwwaan qabeenyaa aangawoota wayyaanee fi ergamtoota Wayyaanee barbadeessuu, qabeenyaa investeroota wayyaanee lafa ofii irraa barbadeessuun lafa ofii dhuunfachuun itti fufuu qaba, Waajjiraalee OPDO keessa jiru hundi barbadaa’uu qaba!!

INJIFANNOON UUMMATA OROMOOromiyaaOF!!

One response

  1. Ani oromoodha;kanaaf wanta oromoon aadeffatee fide osoo dhiisee bira hin dabarre anis fuudhee dhaloota dhufuuf akkan dabarsu shakkii hin qabu.Gaafa oromoon daangaa,qabeenya,mirgasaa fi eenyummaa isaa bakkeetti dhiisee akka deemuuf warri oromoo fi oromiyaa hin jaalanne haala mijeessan callisee taa’ee ilaaluu hin danda’u;taa’uus hin qabu! Kanaafikaa har’a uummanni oromoo irbaata rasaasaa ta’aa kan jiru.Ammas wanti hafe haa hafu malee ani oromoodha;oromiyaan ammoo biyya kooti kanaaf waan oromiyaan qabdu hundarratti ani qabsaa’aadha jedhee uummanni oromoo keessaa fi ala jiru ka’uu qaba!
    -qabsoon uummata oromoo akkasumaani warrior jedhanis jiru;isaaniin waanan jechuu barbaadu qabsoon oromoo hamma bilisummaan harka oromoo galtutti jedhaa naaf dabarsaa!
    Ammas borus hanga bilisummaan dhufutti duuba keenya hin ilaallu jabaadhaa;qabsoon itti fufa!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: