WAYYAANEE  FI WIXIFANNAA ISHEE ,,,,,,,

Aside

Barreessaa dhugaa baasa!SEENAA  Y.G(2005)

Gootummaan ummata Oromoo, guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa jira. Gootummaan Oromoo gabrummaan cabee hin hafnee. Gabrummaa jala jiraatee Ijoollee Bilisummaa manatti ol galchitu horateera. Diina waggaa 150 ol irratti duulee bayyaannatee, eenyummaa isaa Biyya abbaa isaa irratti kabachiisuuf sadarkaa xumuraa irra ga’eera. Beekumsaa fi dandeettii, ykn shiraa fi hammeenyi diinaan , eenyummaa isaa ganamaa irraa mulqee, Ummata Seenaa  fi eenyummaa hin qabnee hin taasifnee. Gabrummaa jala taa’ee , bu’ura walabummaa fi Bilisummaa isaa akka hin buqqaaneetti gadi dhaabeera. Ummata gadi fageessee yaadee, haa bultu dubbiin jedhee tarkaanfataa jiraateen, Ummata gabrummaaf dhalatee godhanii kanneen yaadan akkaan dogoggoruu isaanii har’arra dhaabbatanii ni argan. Ummata kana Sirbaa fi aadaa ykn Afaan isaa dubbannaan maal isa barbaachisa ? jedhanii kanneen herreegani fi humnaan cabsuuf yaalan, boolla gadi fagoo ofii qotaa akka jiraatan har’arra ga’anii arguu hin hafan. Bishaan ho’ee bakka isaa ga’ee malee hin danfu. Danfuu bishaanii ijaan osoo arguu kan harka isaa itti erguu, badiin kanuma isaatii. Maal si godhaa ? jedhee kan jajjabeessees akkasuma. Continue reading

Bookkisni Muummee Ministeeraa Wayyaanee fi dhaabota jalee sirnichaa qorannoon Unkuruun Gaaffii Mirgaa Ummatoonni Kaasan Hin Ukkaamsu!

Aside

ABOFulbaana 3, 2016

Impaayerri Itoophiyaa Warraaqsaa fi fincila ummataa seenaa ishii keessatti argitee hin beekneen raafamaa jirti. Biyyattii roorroo fi hiraarri gitni bittootaa ummatota irraan gahan hammaachuurraa diddaa fi qabsoon barootaa bokokee roga hundaa dhoowaa jiru tana keessatti rakkoon siyaasaa, abbootii irree masaraa Minilikirra bara-baraaf jiraatuu abjootaniin sadarkaa ukkaamsuun dandahamurra taree, dhabama sirna impaayerattii as kaleessaa jira.Aadaa fi amala moototaa fi sirnoota Impaayera tana bitanii tahee warreen ummata bulchina jedhan gaaffii mirgaa fi hawwii lammiileetiif karaa nagaatiin deebisaa kennanii hin beekan. Ijaa-gurra banatanii ummata qalbiin caqasuu mannaa shiraa fi humnaan fedhii sabaa ukkaamsanii aangoo qabatanirra bubbuluu filatu.Warraaqsa biyyoolessaa guutummaa Oromiyaa keessaa Ji’oota 9 oliif finiinaa jiruu fi sochiilee naannolee Impaayerattii adda addaa keessatti akkaan jabaataa jiraniin dhabamni sirna isaa dhiyaachuu kan hubate mootummaan wayyaanee, ammallee qarqara bool’aarra taa’ee akka homaa hin jirre fakkeessuun hojiidhuma aadaa fi amala isaa tahetti fuulleffatee jira.Sirni murna bicuu gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa Ummanni Oromoo gaafataa jiru, kan odoo inni ukkaamsuuf tattaafatuu goototni Oromoo wareegamaan addunyaaf ifa baasan, akkasumas mormii fi diddaa guutummaa biyyattii keessaa mootummaa isaarratti deemaa jiru, ifatti ummatarratti lola labsuu fi ergamtoota ummatatti bobbaasee afanfaajjii uumuun ukkaamsuuf abbala.

Continue reading

Baankiin Daldala Itiyoopiyaa Naqamtee Keessaa Duwwaa Hafaa Jira.

Aside

Fulbaana 3,2016
Naqamte33Qabsoon Oromoon mootummaa Waayyaanee hubdeen galagalchaa jiraachuun argamaa jira Qabsoo karaa nagaa Qeerroo idil addunyaatiin hogganamu keessatti sagalee tokkoon yaada walii fudhatee hanga diina isaa rifaasisutti har’aan gahee jira.Kunimmoo hangam uummatichi beekaa ta’uusaa addunyaaf ragaa bahaa jira.
Adeemsa kanaan gidduu kana duula gabaa lagannaa akka gaggeeffamuuf labsii labsamaa jiru waliif dhaga’uun Uummanni magaalaa Naqamtee haalaan hojirraa oolchuuf guyyaa sadii asitti baankii qabeenyummaan isaa kan diinaa ta’e Baankii Daldala Itiyoophiyaa keessaa maallaqa qaban baasaa jiru. Kunimmoo dinagdee mootummaatti kuffisuurra darbee hanga waan sochii diinagdee  sochootu dhabdutti gahuuf karaa jabaa saaqa,adeemsi haala beekumsa addunyaa ammaan gaggeeffamaa jiru kun qabsoo biyya Hindii Mataammaa Gaandiin durfamaa turee waliin akkasuma,qabsoo gurrachota Ameerikaa mirga isaaniif duula taaksii lagannaa gaggeessaa turan waliin wal fakkaataadha. Kanarraa walii dhageenyee bakkayyuu dinagdee mootummaa onsuun qabsoo omishaa fi diinagdee mootummaa lagannaa kana akka galmaan geenyu gochi Uummanni Magaalaa Naqamtee hanga baankittiin haguugamtutti maallaqa baafachuun wal sardaa turan ragaa amansiisaa nuuf kenna.Qabsoon nama barateen gaggeeffamu haala kanaan diina mataa jaanjessa.

SBO Fulbaana 04,2016. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Gaaffii fi deebii Atilet Eebbisaa Margaa Ijjiguu waliin

Aside

Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessaa Ummanni Maallaqa Baankii Qabu Osoo Wayyaaneen Fudhatee Hin Badiin Hiriira Galee Baafataa Jira.

Aside

Naqamte

Yeroo Ammaa Kanatti Manni Hidhaa Qilinxoo Abiddaan Gubachaa Jiraachuun Gabaafame.

Aside

qil Qilinxoo QlinFulbaana 3,2016 #Qeerroo_News Yeroo Ammaa Kanatti Manni Hidhaa Qilinxoo Magaalaa Finfinnee Kan Hidhamtootni İlmaan Oromoo fi Sabootni Cunqurfamoon biyyatti walumaagalatti 7000 Olitti Lakkaa,aman keessatti argaman İbiddaan Barbadeeffamaa jiraachuu Maddeen Keenya Gabaasan!!
Uummatni Maatiin Hidhamtootaas Akka Gara ilmaan isaanii fi Firootta isaanii hidhamanii jiranitti Darbanii hin baraarreef dhorkamaa jiru, Waraanni wayyaanees dhukaasaa guddaa banaa jira , Waraanni guddaan Bishooftuu irraa Gara Finfinneetti Socho,aa jiraachuu Maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Finfinneerraa Gabaasan. Gabaasaa Guutuun Walitti deebina!!

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ)Qophii Fulbaana 2, 2016

Aside

Gaaffiif deebii rakkoo baqataa oromoo Artist Hirphaa gaanfuree Abdiisaa waliin taasise.

Aside

“Siif- Anaafis OROMIYAA” Artist Kamaal Ibiraahim

Aside

New Single “Hegereen Keenya” Hirphaa Ganfuree Burqaa & Habtamu Lamu coming soon!!

Aside