Guyyaa har’aa Fulbaana 7,2016 FXG Itti Fufee Magaalaan Naqamte Cal-Cal jettee Jirti.

Aside

Konkolaataan tokkoyyuu magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi imalaa hin jiru. Suuqiinis manni nyaataas hunduu cufamanii jiru.
Mootummaan gabroonffattuu murna bicuu Wayyaanees naasuu guddaan shororkooftee uummata suuqii fi mana nyaataa irra deemuun doorsisaa jirti.
Uummannis sodaa tokko malee diddaa mootummaa Wayyaaneef qabu duula gabaa lagachuutiin mirkaneessaa jira.

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

” Irrraa Hin Bitiin, Itti Hin Gurguriin ” Hawwisoo Qeerroo Sochii Gabaa Lagachuu Bara 2014 .

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Fulbaana 6, 2016

Aside

SBO Fulbaana 07,2016. Oduu, Haala yeroo irratti gaaffii fi deebii dargaggoo Godina Bahaa Dachaas waliin geggeeffame, akkasumas gaaffii fi deebii Atilet Eebbisaa Margaa Ijjiguu waliin geggeeffame kutaa xumuraa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan magaalaa Naqamtee fi naannoo keessatti argaman fulbaana 05/2016 halkan guutuu barruullee warraaksaa maxxansaa fi bittinsaa bulan.

Aside

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Waraqaan kun  uummanni magaalaa Naqamtee fi naannoo ishees Ficila Xumura Gabrummaa FXG  akka finiinsaniif waraqaan waamichaa godhameefii jira.
Barruulleen warraaksaa dhimma hidhamtoota mana hidhaa Qilinxoo iirrattis haalaan guutummaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa facaafamaa bulee jira.
Kanneen keessaa:
– Hidhamtoonni balaa abiddaa qilinxootin du’an uummatatti haa mullifaman.
-Hidhamtoonni rasaasa Wayyaanneetiin boqotan uummatatti haa agarsiifaman.
-Biyya isaa irratti abbaan biyyummaa Oromoo haa kabajamu.
-Abbaan biyyaa Oromoodha.
-OPDOn farra qabsoo bilisummaa Oromooti.
-OPDOn diina uummata oromooti jechuudhaan  ,dhaadannoolleen kunneen facaafamaa bulanii jiru.
Mootummaan Wayyaanees naasuu keessa seenuun uummata nagaa karaa irra deeman tumanii manatti olseensisaa jiru.
Uummanni magaalaa Naqamtees guyyaa keessaa naannoo sa:a 11 iirraa kaasuun guutummaan guutuutti suuqii cufuun ,taaksiin akkasumas konkolaataan kam iyyuu karaarra akka hin deemneef walii galteedhaan murteessuun jibba mootummaa Wayyaaneef qaban mullisanii jiru.
Mootummaan gabroonffataan Wayyaanees kirkirffannaa keessa seenuun uummata magaalaa Naqamtee namni tokko suuqiis ta’u kaaffeen,manni nyaataa akka hin cufne  jechuun doirsisaa jira.

Seenaa Goota Oromoo Jaal Elemoo Qilxuu

Aside

Abbaa Urjii tiin  

elemo_qilxuuQabsoon bilisummaa ummata Oromiyaa, arra sadarkaa if duuba hin-deebinee fii abdachiisaa geeysee jirti. Dhuma bara 2015 irraa kaasee hamma yoonaatti, lammiin Bahaa-Dhihaa fii Kaabaa-Kibbaan mirga isaanii tiif anaannata bira dabranii xiqqaa fii guddaan dhiiraa fii dhalaan wareegamaa, caphaa, dhiigaa jiran. Wayyaaneen, warra waraana Dargiirraa boojitee fii abbootii garaa kanneen ummata Oromiyaarratti muuddeen irreen aangorra jiraachuuf ijibaanni godhaa jirtu guyyuma-guyyaan bu’ura dhabaa jira.

Qabsoo bilisummaa tan arra xiqqaa fii guddaa lammii Oromiyaa Bahaa-Dhihaa fii Kaabaa-Kibbaan, “bilisummaa ykn du’a!” jachisiisaa, Wayyaanee dhaabaa-dhaabbata waakkachaa jirtu bu’ureesuuratti qabsaawaan qoonni isaa hundaa ol tahe Elemoo Qilxuu ti.

Elemo, arra, gaafa ummanni Hiddii Lolaa keessaa “Burraayyuun teenya”! ja’an, warri Gincii “dhiiga nama keenyaa kan Aaw-Wadaayitti dhangala’e ni baafanna!” ja’an, haala kanaa fiis, xiqqaa guddaan – dhalaa dhiiraan, diina ibidda itti harutti, harka duwwaa deeman, odoo hin taane, gaafa haalli kanaan faallaa, gaafa ummanni Oromoo ifii fii waliis wallaalanii dukkana keessa turan “akki kuni isaaniin hin malle” jachuun, jiruu sadoo tan keeysa ture dhiisee, maatii isaa biyya alagaa keessatti gatee, qaanqee qabsoo hidhannoo bilisummaa qabsiisuuf nama Adanirraa biyya seene.

Maqaan warri Elemoof moggaasan Hassani. Akka aadaa hawaasa Baha Oromiyaatti maqaan buruja ykn haala dhalataa ykn dhalattuu laaluun moggaafama. Maqaan afaan Arabaa kan haala san hordofuun Elemoof moggaafame, hiikkaa sadii qaba. Isaaniis, Bareedaa, Gaarii ykn Tolaa fii, Nama rakkataa ykn dhimma kabajamaa tahe gargaaru kan ja’u. Namni akkuma dhalateen haalli armaa olii irraa calaqqise kuni, Abraahim Umarii fii Aashaa Aammad irraa Baha Oromiyaa, Godinaa Bareentumaa Konyaa Gaara Mul’ataa, Aanaa Qarsaa, Ganda Galaan kan Raaree Bululoo keessatti arkamutti, toora bara 1936 keessa dhalate. Continue reading

Gurmuun Tumsa Qeerroo Biyya Asutraliyaa Kutaa Perth Jedhamu Keessatti Ijaarame Qeerroon Qaama Warraaqsaa Murteessaa Ta’uu Ummataaf Ibsa Kenneen Beeksise.

Aside

Fulbaana 5,2016 Gabaasa Tumsa Qeerro Perth

Gurmuun Tumsa Qeerroo biyya Australia kutaa Perth ummata Oromoo magaalichaaf wa’e Qeerroo ifa godhan. Gurmuun Tumsa Qeerroo Perth, yeroo jalqabaaf, guyyaa gaafa Amajjii 1, 2016 magala Perth keessati qindoomiinan dhabaate. Gurmuun kun kayyoo fi mul’at Qeerroo bilisumma Oromooti amanuunun tumsa gama hundaan gochuuf miseensota gara nama 27n hojiiti seenee jira.

Ummatichas faaruu Alaaba Oromoo faarfachuu, faaruu gootota farfachuu, walaloo nama kakasaniif agarsiisa garagara dhaan ummata oromoo magalicha keessa jiraan dadamqsuu irratti hojii hojachaa jira. Olola gara garattiin hawwasa Oromoo qulqulluu fi sabboonaa ta’e  amantii fi nannoo dhaan gar-gar diiguuf warra carraqan dura dhabbachuun, ummaticha danddii dhugaa irratti tiksuuf muranoon hojjacha jiraachuun isa ifaadha.

Kana malees ilamaan Oromoo magalicha keessatti dhalatanii, afaan Oromoo hin beeknes ta’e kanneen hin qajaalfatne  gurmuu Qeerrooti dabaluun Afaan Oromoo,seenaa fi aadaa Oromoo barsiisa, nii hordofa, enyumma ykn Oromuummaa isaanis akka baranii guddatan irratti ni hojjata. Gurmuun Tumsa Qeerroo Perth, dargaggota ummatoota biro wajjiin illee wal-qunnamti ummani jiru. Fakenyaaf; yeroo gara gara Ogaden youth wajiin akkamiin walii wajiin qabsoo akka gaggeessan akkasums iddo tokkotti ummata waamuun akka tajaajilan mari’atanii. Gurmuu Tumsa Qeerroo Perth, yeroo dhihooti haa dhabbatu iyyuu male, hojii heddu hojate jira. Waltajiilee gara gara irratiis yeroo heduuf hirmaate, wa’e Qeerroo hawwasichaf hubanna gudda kena jira.

Continue reading

Godina Arsii Aanaa Dododolaa Keessatti Abbaa Duulaa Gammadaa Fi Warqinaa Gabayyootu Dhufa Jechoon Ummataaf Durgoon Qarshii 500 Ramadameefi.

Aside

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 5,2016

14202537_1780401715561873_184352712532857267_nGodina Arsii Aanaa Dodolaatti guyyaa har’aa jechuun 5/9/2016 Ergamtoonni OPDO kanneen aanaa kanarratti ergama diinaa galmaan gayuuf tattaafachaa turaniif tattaafachaa jiran gaafa Fulbaana 6, 2016 Abbaan Duulaa fi Warqinaa Gabayyoo waan dhufaniif gondoota aanichaa hundarraa nama 20 akka ergaman waan jedhamaniif durgoon qarshii dhibba shan 500 isiniif kaffalamaa wal gayii marii nageenya fi misoomaa kanarratti akka argamtan jechuun ummata bifa itti roorrisuutin kakaasaa oolaniiru.

Kana malees Godina Arsii Aanaa Shaashamannee magaalaa Shaashamanne keessatti ummanni oromoo fi sabaaf sablammoonni hedduun maallaqa isaanii baankii Daldala Itoophiyaa keessaa baafachuun gara baankii internashinal Oromia hiriiran galfachaa oolaniiru

Haaluma wal fakkaatuun  Godinuma kana magaalaa Asaasaa keessatti guyyaa har’aa 5/9/2016 mormiin gaggeeffamaa oolee jira. Sababiin mormii kanaa magaalaa Asaasaa keessatti gibirri kaffalamuu erga dhiisee tiureera. haats’u malee hojjattoonni mootummaa galiiwwanii kanaan dura biiroon isaanii irraa gubatee ture osoo haala bakka teessuma isaanii hin mijeeffatiniif nagahee osoon kennin galii sassaabuf tattssfachuu isaanii fi guyyaa dheengaddaa miidhaa ilmaan oromoo mana hidhaa Qilinxootti irra gahe balaaleffachuun ta’uun dhagahameera

Warraaqsi Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessatti Halkan Kana Bifa Addaan Ka’ee Jira. Wayyaaneen Dhukaasa Banee Jira.

Aside

Fulbaana 5,2016
Warraaksi biyyoolessaa galgala sa’a 1:30 irraa kaasee guutummaan magaalaa Naqamtee raafamaa jira. Humni federaalaas uummata irratti dhukaasa banuun uummata goolaa jira. Humni kora bittineessaas magaalaa naqamtee keessaa naannoo boordii jedhamutti uummata rebaa jira. kaan immoo konkolaataatti naqanii butanii badaa jiru. Uummanni akka malee reebamaa jira.

Amma galgala kana Magaalaa Naqamtee Naannoo Boordiitti Uummata nagaarratti sodaa boriitiif dhukaasi banamee jira.Namoonni jireenya isaanii fooyyeffachuuf karaarra daldalanii bulanirra balaan Dhaqqabuu mala,ammaaf addan baafannee hin jirru.Qorachaa jirra nu hordofa waan dhalatu hin beekamu.

Abbaan Irree Wayyaanee TPLF Godina Arsii Aanaa Dododaa Magaala Dodolaa Ummata Nagaa Rasaasaan Goolaa Jira.FXGs Itti Fufe.

Aside

14192776_1093987890686579_478949996451881251_n14184353_1093987947353240_1319711451092704951_nGodina Arsii Aanaa Dodolaa Magaalaa Dodolaatti humnootni abbaan irree Wayyaanee dargaggoo Qeerroo Oromoo Kan maqaan isaa Abdullaxiif Sanbatoo jedhamu 4/9/2016 rasaasan naannoo masgiida fatihii gamoo muniir biratti rasaasa lamaan rukuttee hospitaala Dodolaatti yaalamaa jiruun yaalcha baqaqsanii hodhuutin rasaasni qaama isaa keessaa bahuun himamee jira.Sababuma kanaan ummanni magaalaa Dodolaa guyyaa har’aa hospitaala duratti yaa’un deeggarsa isaaf qaban agarsiisanii jiru jedha gabaasni Qeerroo Dodolaa14203241_1093995064019195_3656063882813952635_n 14233035_1093994994019202_6625600833057223318_n