Godina Wallaggaa Ummanni Magaalaan Naqamtee FXG Diddaa Gabaa Lagachuu Akka Itti Fufanitti Jiru.

Aside

Exif_JPEG_420

Fulbaana 09,2016 diddaan gabaa lagachuu guutummaa magaalaa Naqamtee keessatti kan guyyoota sadan darban irra caaluun akkuma itti fufeetti jira.
Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti diddaan gabaa lagachuu daran jabaachuun itti fufee jira.
Guutummaan magaalattiis callistee jirti. Dunkaanonni magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa jiranis hunduu cufamuun gara diddaa gabaa lagachuutti makamuun mootummaa Wayyaanee nagaa dhorkaa jiru.
Konkolaataan kamiyyuu magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi socho’aa hin jiru.
Kanneen walii galtee uummataa cabsanii socho’an immoo tarkaanffii Qeerroo Leeqaatiin haleelamaa jiru.

Exif_JPEG_420

Baankonni magaalaa Naqamtee keessa jiranis baankii daldala Ithiyoopiyaa  irraan kan hafe hunduu diddaa gabaa lagachuutti makamuun mootummaa Wayyaaneetti kirkirffannaa guddaa naqanii jiru. Haaluma kanaanis baankonni kanneen akka:

  1. Baankii internaashinaalii Oromiyaa
  2. Baankii hojii gamtaa Oromiyaa
  3. Baankii Awwaash
  4. Baankii Hibirat
  5. Baankii konistraakshinii
  6. Baankii Nib
  7. Baankii Abiisiiniyaa
  8. Baankii Bunnaa fi kanneen kana fakkaatan magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessattiExif_JPEG_420guutummaan guutuutti cufuudhaan diddaa gabaa lagachuu uummata isaanii waliin ta’uun jibba mootummaa Wayyaaneef qaban mullisaa jiru.
    Hanga ammaattis dunkaanonni magaalaa naqamtee keessa jiranis heedduun isaanii fedhii uummataa malee dirqiin samsamaa akka jiran bira ga’amee jira.
    Mootummaan Wayyaanees yeroo ammaa kana diddaa uummanni Oromoo isaaf qabuun riffannaa guddaa keessa seenuun sagalee guddiftuu fidhatee magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi deemmuun uummata doorsisaa jira. Uummannis diddaa isaas sodaa tokko malee akkuma itti fufetti jira.

Magaalaa Awadaay Guyyaa Har’aa

Aside

awadaa awadaay

Barattooti Oromoo Boqonnaa Yeroo Gannaaf Yuniversitiilee Irraa Warratti Galan Waraana Agaaziin Qabamee Hidhamaa Jira.

Aside

14034982_1612317162399496_7680444488697492511_nWarraaksa biyyoolessaa guutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jiruun wal qabatee mootummaan gabroonfataan Wayyaanee ilmaan Oromoo sabboontota ta’an mana hidhaatti guuraa jira.1654404_264658403708853_1370759305_n
Fulbaana 08,2016 godina Wallaggaa lixaa aanaa Mana Sibuu ganda qonnaan bulaa Beengu’aa jedhaman keessaa dargaggoonni agartuu biyyaa ta’aniif saboontota ta’an gara mana hidhaatti guuramaa jiru.
Haaluma kanaan godina Wallaggaa lixaa aanaa Mana Sibuu ganda qonnaan bulaa Beengu’aa jedhamu keessaa dargagoonni Oromoo ganna kana boqonnaaf gara maatii isaaniitti galanii jiran gara mana hidhaatti guuramaa jiru.
Haaluma kannaan dargagoonni maqaan isaanii fi suuraan isaanii kanaa gaditti argamu magaalaa ganda qotee bulaa Beengu’aa jedhamu keessaa butamanii achi buuteen isaanii dhabamabamee jira..13876262_281719605517646_1826905278337307440_n
1,Mitikuu_Indaalu
2,Jaalal_Adunyaa
3,Xilahuun_Asfawuunaan

Aside

amboo

Amboon Guyyaa Har’aa Kana Fakkaatti

bishooftuu

Bishooftuu Keessa Guyyaa Har’aa Wayyaaneen Ummatatti Dhukaasaa Jirti.

naqamte

Naqamte Guyyaa Har’aa

Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Aanaa Abbaay Cooman Finca’aa Qeerroon Karaa Cufee Gabaa Lagachuun FXG Gaggeessaa Jira.

Aside

ficaaa

Godina Arsii Bulchaan Aanaa Qoree Namni Maqaan Mi’eessoo Duubee Jedhamu Waraana Agaazii Qabatee Ummata Irratti Ukaasisaa Jira.

Aside

Bulchaa Aanaa Qoree

Bulchaa Aanaa Qoree

Arsii Aanaa Qoree magaalan Qoree galgala kana 9,2016 dirree waraanaa fakkaattee jirti dhukaasni ummatarratti banamee namoonni hedduun rasaasa Agaazitiin rukutamanii jiru. Namni ummatarratti waraana bansiise bulchaa aanaa Qoree nama maqaan isaa Mi’eessoo Duubee jedhamu yoo ta’uu.Namoota rasaasan rukutaman keessaa kan maqaan isaanii barame

1,Dargaggoo Gammadaa Muddaa Tashitaa

2, Dargaggoo Sayyida Guyyee Galchuu14292445_287315021649945_436158234992706951_n

3, Dargaggoo Jamaal Tibboo kan jedhamaniidha

Kana malees  Qoree fi Ashookatti daandin cufamaa jira waraanni konkolaataa jahaan gara qoree deemaa jira.

Gama biraan ummanni magaalaa Shaashamannee kanneen Wayyaanee jala kaachuun gabaa lagannaa didan irratti magaala keessa deemuun adaba barbaachisu kennaa akka jiran beekame.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Fulbaana 8, 2016

Aside

SBO: Fulbaana 09 bara 2016. Oduu, Iyyannoo Hidhamtoota Oromoo Mana Hidhaa Qaallittii Keessa Jiranii fi Gaaffii fi Deebii Artiist Zarihun Wadaajoo waliin taasifame.

Aside

SBO: Fulbaana 09 bara 2016. Oduu, Iyyannoo Hidhamtoota Oromoo Mana Hidhaa Qaallittii Keessa Jiranii fi Gaaffii fi Deebii Artiist Zarihun Wadaajoo waliin taasifame.

Aside

Magaalaan Naqamtee Waraana Agaazii Wayyaaneen Jeeqamaa Jirti.

Aside

nqFulbaana 8,2016 Warraaksi biyyoolessaa diddaa gabaa lagachuudhaan wal qabatee torbee kana magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti daran jabaatee itti fufuurraan kan ka’e mootummaan gabroonffattuun Wayyaanee rifannaa guddaa keessa seenuudhaan uummata magalaa Naqamtee fi naannoo ishee irratti dhukaasa banaa jira.
Hanga ammaattis dhukaasa mootummaan gabroonffataan Wayyaanee uummata gaaffii mirgaa gaafachaa jiru irratti bansiiseen lubbuun namoota lamaa irbaata rasaasaa ta’e akka jiru bira ga’amee jira.
Kanneen du’an keessaa kan maqaansaanii nu ga’e:
1,Eebbaa waaqjiraa Bakka dhalootaa magaalaa Siree akka ta’es bira ga’amee jira.
Haaluma Kanaan  Yeroo ammaa kanas mootummaan Wayyaanee lafa seentu dhabdee oliif gadi waraanashee uummata magaalichaarra naannessuudhaan uummata doorsisaa jirti. Gidduuma kana dargaggoonni magaalaa naqamtee sabboontota ta’anis mana hidhaatti akka darbataman bira ga’amee jira. Kanneen keessaa:
1,Dargaggoo heenok Tananyee 2.dargaggoo muluqan  bootee.
3 Dar.Qaaluxee.
4.Dar.Taakuu shitayee
yeroodhaf maqaa abbaa issanii baruu hin dandeenye.  Dargagooni kun gidduuma kana  poolisota federaalattin marfamanii magaalaa naqamtee keessaa naannoo bakka jaamaa jedhamuu butamanii achi buuteen isaanii dhabamee jira.