Gurraandhala 3/2017 Godina Arsii Keessatti barruulee warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Godina Arsiitin maxxanfamaa jiruun wal qabatee barattoonni manneen barumsaa diddaa isaanii karaa adda addaatin gaggeessaa jiraachuun himamaa jira, Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa godin Arsii Aanota gara garaa keessa jiran guyyoottan darban keessatti FXG karaa adda addaatin ibsachaa turuun isaanii kan yaadatamu yoo ta’uu ammallee Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kan Akka manneen barnootaa Caffee Sabiroo, Doommaroo, Abaadir,Gabbee, Siree, Jiddaa, Bullaalla, Haddaa Baamoo, Ataabaa Bookee, Haliilaa, Kullaa, xiichoo, Jimaata, Xaqqee ciimoo, Ajjee keessatti argaman faaruu alaabaa faarfachuu dhaabudhaan barattoonni daa’imman fuulduraan hiriiranii jiran faaruu eegaluun warra duuban hiriire dargaggootaf shamarran farfachuurraa uf qusachuu isaanii hibatuun daa’immanis addaan kutanii jiraachudhaan Dura taa’onni manneen barnootaa gola golaan irra deemudhaan barattoota akka faaruu faarfatan doorsisaa jiraachuu Qeerroon barattoonni Oromoo gabaasaa jiru, Qabsoon karaa hundaan itti fufa. Continue reading
Blog Archives
Itti fufna qabsoo
Aside

Kabaja Guyyaa WBO fi Dirmannaa Sabaa (Oromo Mobilization), Washington DC, 01-21- 2017 – Kutaa 1
Aside
“Gufuu Namaa Kaayan Abbuma Kaaye Dhaha”
Aside
Michuu Lammii Irraa
Oromoon yoo mammaaku boolla namaaf qottu gadi hin fageessin, abbaa dura bu’u hin beekanii jedha. Egaa dubbiin itti gala qaba. Har’a hedduun kiyyoo kiyyeessanii danuu ittiin kuffisaniin yoo kufan argaa jirra, eeboo ittiin nama waraanaa turanis deebisee yoo isaan waraanu ifatti mul’achaa jira. Sareen lafuma nyaattuu dutti akkuma jedhamu opdo’n kaleessa gooftoliisheef ergamtee ilmaan oromoo nyaataa turte hedduun har’a maqaa kiraa sassaabdummaatiin yeroo itti dararaman argaa jirra. Guutummaa oromiyaa keessatti, bakkeewwan hedduutti kaleessa qarriffaa diinaa ta’anii kanneen saba isaanii alanfatanii, caccabsaniii nyaachaa turan, har’a ilkaan isaanii deebisee of nyaataa jira.
Warreen ergama tplf fudhatanii saba isaanii gidirsaa turan kunneen kaleessa eessa turan yoo jenne, deebiin isaa salphaadha.isaan kun kaleessa wayyaaneef lukee ta’uun saba isaaniitti diina warren turanidha.akkuma nama aangoo fi ofitti amanamummaa qabu tokkoo dhaabni keenya,dhaabni dimookiraatawwaa fi misoomaa jechuun wayyaaneef soyyolaalee (jalaa qabuun) weeddisaa turan.dhaaba saba isaanii dachee irraa dhabamsiisuuf saganteeffate waliin dibbee reebaa turan. Continue reading
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Guraandhala 2, 2017
Aside
Hidhamtoonni Oromoo Maakalawwiitti Gidirfamaa Jiran Haala Hedduu Rakkisaa Keessa jirachuun Himame.
Aside
Gurraandala 2,2017
Hidhamtoonni Oromoo qaqqaaliin Makalaawwitti hidhamanii jiran dararaa hedduu ulfaataa keessa jiraachuu maddee keenya gabaasa.Akka oduu SQ gahe ifa taasisutti reebichi Makalaawwii keessatti Uummata Oromoorra dhaqqabaa jiru kan midhama gurguddaa hanga sammuuf qaama hir’achuurra geessisuuf jiru ta’uutu himama.Hidhanii rarraasanii reebuu,humna ibsaan torch taasisuu fii rukuttaa hamaan hidhamtoota Oromoo nagaa irratti taasifamaa jira.Haaluma kanaan hidhamtoota Naqamteerraa hidhaman keessaa kan miidhamni isaanii sadarkaa yaaddoo irra gahee jiru keessaa barreessaa Kitaaba Uddeellaa barataa Galataa Caalii fi Gaaddisaa mucaa jedhamurratti reebichi qaama bicuu Wayyaaneen gageeffaamaa jiruun dhibee sammuun illee cuqamanii jiraachuu hin hafan kan jedhu keessa Beektonni folisoota Makalaawwii sana keessa hojjetan .nuuf himanii jiran. Continue reading
Qophii “Kaayyoo” Maree Obbo Dhaabaa Galataa fi Israa’eel Fayyisaa Waliin Taasise.
Aside
Godina Arsii Aanaa Balee Keessatti Gootonni Barattooti Oromoo Faaruu Alaabaa Sirna Wayyaanee Farfachuu Diduun FXG Itti Fufan.
Aside
Gurraandhala 2,2017 ,Godina Arsii Aanaa Balee keessatti barattoonni faaruu Alaabaa ganama ganama faarfamu faarfachuu diduun dhagayame.akka odeessi Aanicharraa dhufe himutti.Mana Barnootaa Mariiqaa Sad 1ffaa, Mana Barumsa Adamtuu Sad 1ffaa, Mana Barumsaa ingooyyee gooyaa Sad 1ffaa, Mana Barumsa Farzaanaa sad 1ffaa keessatti ganama har’aa faaruu Alaabaa faarfachuu dhaabanii jiru.
Wayyaaneen TPLF Gaaffii Ummataa Dabsee Afaan Fajjii Uumuu Yaale Itti Hin Milkoofne.
Aside
Gurraandhala 2,2017
Eega Warraaqsi Uummataa banbanee asitti sochii hawwasaa qabbaneessuuf karaa hedduu yaalaa turuun Wayyaanee nii yaadatama.Keessattuu uummata afaan qawween bulchuuf duula waraanaa irratti labsuun uummata shororkeessaa turtee ittis jirti.Duulli Wayyaanee uummatarratti bante kun kan adiyyooma ishee saffisiisu malee kan danbalii jireenyaa ta’eefuu dhommoqarraa ishee baraaruu ta’uu dhabuun humna Command Post erga uummata tasgabeessuu dadhabee duula oollota Oromoo uummatartatti kaasuu fudhattee turte.Hawwiinf fedhiin ishees qe’ee Oromoo humnaa cabsitee dhaaluuf fudhachuu qofaa waan tureef michoota taasifachuun naannolee ollaa irratti kaasuun daangarra Oromo jiran dararaa turtee Qe’ee Oromoo onsuufis irratti dalgaa turte. Continue reading