Diddaan Xumura Gabrummaa Oromiyaa Bakka Gara Garaa Keessatti Itti Fufee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Adoolessaa 19/2017 Oromiyaa Lixaa  Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqemtee Keessatti Guyyaa har’aa Sochiin Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Duullii gabaa lagachuu, mormiin gibiraa fi qaraxa adda addaa dhorkachuu itti fufe. Qeerroon dargaggootni Magaalaa Neqemtee fi uummatni Daldaltootni Sabboontootni Oromoo guutummaatti mana daldalaa isaanii

✔manneen nyaataa fi hoteelotni cufamanii tajaajila dhaabaniiru

✔dunkanoonni (Suuqiiwwaan) daldaltootas hojii dhaa uun cufamaniru  Continue reading

Magaalaa Naqamtee fi Naannoolee Godina Wallaggaa Keessatti Qeerroon Waamicha FXG Bal’inaan Tamsaasaa Jiraachuun Gabaafame.

Aside

20139599_10103252738048673_8889980020033865440_nAdoolessa 18,2017/Godina Wallagga  magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa barruuleen fxg  guutummaa magaalaa Naqamtee keessa facaafamaa akka jiran Qeerroon gabaase.
Sirni gabroomfataa Wayyaanee kan afaan hololaa fi kijiba diimokiraasiin biyya Oromiyaa kan  saamaa ture itti xiqqaannaan ittuu diinummaa isaa addunyaatti mullisuuf maqaa saamicha gibiraan daa’effatee uummata saamaa akka jiru hundu quba qaba.Haaluma kanaan gootowwan Qeerroon magaalaa Naqamtees diddaa sirna wayyaaneef qabanirraa ka’uun guutummaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa barruulee warraaksaa kan diddaa kaffaltii gibiraan wal qabatu facaasaa akka jiran madi oduu Qeerroo leeqaa gabaase. Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Adoolessa 18, 2017

Aside

http://sigma1.yeyi.org/sigma1-170718-1630.mp3

Gabaasa FXG Godinoota Oromiyaa Garaagaraa.

Aside

Itti fufaGodina Arsii.

IMG_20170718_152636Adooleessa 18,2017/Godina Arsii Aanota hedduu keessatti guyyoota lamaan har’aaf kaleessa lagannaan gabaa kan taasifame yoo ta’uu Suuqonni daldalaa magaalota akka Seeruu,Balee, Geersaa, Shaashamannee,Adaabbaa, Dodola,Roobe,Saddiiqa, Waabee, Eddoo, Kofalee, Nageellee, Ajjee keessatti Gibira Wayyaanen Ummatarratti feete mormuun gabaa lagatanii jiru. Tajaajilli Geejjibaas dhaabbateera Konkolaachiftoonni fi Abbootin qabeenyaa sabaan Oromoo hin ta’in muraasni isaanii dalagaa isaanii didanii kan itti fufan yoo ta’uu. Diddaa kanatti akka makaman karaa adda addaatin Qeerron ergeefii kan jiru yoo ta’uu gaaffii isaanif dhiyeessine kana fudhachuun gara ummataa hin goran yoo ta’e Qeerron tarkaanfii Qabeenya isaanii irratti akka fudhatus hubachiisee jira. jedhu Gabaasaalen Qeerroo magaalota adda addaa irraa nu gahaa juru.

kana malee Continue reading

Oromiyaa Keessatti Diddaan Gabrummaa Itti Fufee Jira.Ummanni Oromoo Gootummaa fi Tokkummaa Isaan Sirna Gabromfataa Yaaluu Itti Fufe.

Aside

Bordodde Dirree QaalluuAdoolessaa 18/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Adaa’aa Bargaa Magaalaa Incinnii Keessatti Qeerroon Dargaggootni Oromoo Sochii Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG daran jabeessuun finniinsaa jiruu, Warraaqsii kun yeroo amma sagalee dhaadannoo jabaa dhageesisuun itti fufani jiru. Continue reading

ONN: Oduu Oromia News Network Adolessa 18, 2017

Aside

SBO: Adoolessa 19 bara 2017. Oduu, Gaaffii fi Deebii Artiist Nafiisaa Abdulhakiim waliin taasifame -kutaa 3ffaa fi Qophii Haala Yeroo Irratti Fuuleffate Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Guyyaa Har’aa Jalduu Keessatti Diddaan Ummataa Itti Fufe.

Aside

Adoolessa 17_2017/Wayyaaneen TPLF bifa kasaaraa dinagdee dhibbantaa 85% keessa galee jiru suphachuuf jecha ummata Oromoo irratti gibira gara malee fe’uun beekamaa dha haalli kun gibiraan uummata saamu mormuun Qeerroon Jalduu hardha guyyaa guutuu FDXG finiinsaa ooluun mootummaan Wayyaanee fi lukkeelee isa muddama keessa oolcheera.muddama kanaan kan kadhe lukkeelee isaani konkoolaachiftootaa fi imaaltoota konkoolaataa irraa harcaasuun reebichaa fi saamicha gaggeessa oluusaani Qeerroon addeessa. Continue reading

FXG Lixa Shaggar Magaalaa Waliisoo Keessatti Itti Fufee Jira.

Aside

#OromoRevolution Adoolessaa 17/2017 Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalaa Walisoo Keessaatti Sochiin Warraaqsaa FXG tajaajila geejjibaa taskiifi bajaajiin hojii dhaabuun mormii sirna nama nyaata wayyaaneef qaban jabeessani itti fufan. #gibirri fi #qaraxni adda addaa guutummaatti labsiin bahee hanga akka humna uummatatti sirreeffamuutti,fi gaaffiin migaa abbaa biyyummaa mootummaan abbaa irree teessoo afaan qawween ijaarrate irraa gadi bu’ee hanga deebiin kennamuuf bilisummaan uummata Oromoo mirkanaa’uutti mormiin wal irraa hin citu.

Finfinnee Labsii Sitti Baasanii? “Waatu Dhufa Barana” Wallee Hawwisoo Qeerroo 2017

Aside