Adoolessaa 18/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Adaa’aa Bargaa Magaalaa Incinnii Keessatti Qeerroon Dargaggootni Oromoo Sochii Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG daran jabeessuun finniinsaa jiruu, Warraaqsii kun yeroo amma sagalee dhaadannoo jabaa dhageesisuun itti fufani jiru.
Adooleessa 17/2017 Sochiin Warraaqsa FXG mormiin diddaa gibiraafi qaraxaa seeraan ala daran jabaachuun duulli gabaa lagachuufi tajaajila Geejjibaa dhaabuufi daandii Konkolaataa cufuu Godina Lixa Shaggar Addatti Magaalaa Amboo fi Naannoo Ishee, Giincii , Gudaar , Tokkee Kuttaayyee , Baabbichaafi bakkoota hedduutti daandiin konkolaataa gara Lixa Oromiyaatti geessuu waan citeef uummatni Imaltoonni gara dhihaa Oromiyaatti Socho’aan #buufata_konkolaataa_Finfinnee_muddan. Magaalaan Finfinnee naannoon buufatalee konkolaataa muddama cimaa keessa seentee jirti.
Gaaffiin Mirga abbaa biyyummaa uummatni Oromoo mirga isaa karaa nagaa gaafatee kumootaan itti wareegamaa jiru hanga deebii argatuufi karoorrii Master plan Finfinnee tooftaa jijjiirratee hojiirra oluuf wixineen wayyaanee guutummaatti hanga haqamutti qabsoon bifa wal irraa hin citneen itti fufa.