Adooleessa 21 _2017 Kutaa finfiinnee magaalaa buraayyuutti amma ganama kana lukkeelee wayyaanee uummata nagaan deemu tumaa ykn reebaa jiraachuu qeerroon addeessan,naannooma sana kattaa bakka jedhamutti duulli gabaa lagannaa akkuma itti fufetti jira gabaasa biraa dudduubaan..
Blog Archives
22 July, 2017 23:49
Aside
Adoolessa 22,2017/Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamannee keessatti galgala kana Daandilee hundarratti waraanni Wayyaanee Ummata Daandirra deemu hunda sakatta’aa jira. Sababni isaan Umnata itti sakatta’aniif garuu maal akka ta’e beekuu hin dandeenne jedha gabaasni Qeerroo irraa nu gahe
SBO: Adoolessa 23 bara 2017. Oduu, Daballii Gibiraatin Walqabatee FXG Finiinaa Jirurratti Gabaasa Qindaa’e Akkasumas Haala Sochii Warraaqsaa Godina Shawaa Lixaa Ona Gindabarat keessaa ilaalchisee Yaada Jiraataan naannichaa SBOf laatan.
Aside
SBO: Adoolessa 21 bara 2017. Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Gabaasa Sochii Warraaqsa FXG fi Gaaffii fi Deebii Artiist Nafiisaa Abdulhakiim waliin taasifame -kutaa xumuraa.
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Adoolessa 20, 2017
Aside

Odeessa FXG Oromiyaa Keessaa
Aside
Adoolessa 20_2017
Godina Wallagaa aanaa Gudayyaa Biilaa irraa,ummaanni gudayyaa biilaa sababa lukkeelee Sirna nama nyaataa mootummaan wayyaanee mirga hiree namummaa fi qabeenya uunfaa ofiitti fayyadamu sarbamnee murtoo balleessanii baduurra geenyeerra jedha qeerroon gudayyaa Biilaa.Godina Harargee lixaa Aanaa Dadar Magaalota Aanaa Jiranii Keessatti Diddaan Gabaa Lagannaa Itti Fufe.
Aside
jalatti Argaman keessatti lagannaan gabayaa itti fufeeti jira Qobbootti Lagannaan gabaa roga hundaan godhamaa kan jiru yoo ta’uu wayyaanen daldaltoota walitti qabdee dirqamaan gara hojii keessanii akka deebitan jettee doorsisaa jirti.daldaltoonnis gibirri humnaa ol nutti fe’ame kan doorsisa kamuu kan nu sodaachisuu miti.nuti waan waggaa kudhanitti dalagannee hin arganne waggaa tokkotti mootummaadhaaf kaffaluu maaltu fide osoo hin hojjanne jiraachuu ni dandeenya jechuun ergamtoota wayyaanee ufirraa oofaniiti jiru. Continue reading
Magaalaa Shashammannee Keessatti Barruun Waamicha Qabsoo Halkan Kana Tamsa’aa Jira.
Aside
Godina Arsii Aanota Hedduu Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Qeerroon Tamsa’aa Jira.
Aside
Adoolessa 19,2017/GODINA Arsii Aanota hedduu keessatti Barruulen waamicha FXG Gibiraan wal qabatu bal’innaan facaafamaa jiru.Magaalota Akka Roobee Diida’aa, Siree, Soloist, Seerofta, Boqqojjii, Lemmuuf Bilbiloo, Xannaa(Xiicho) Wandoo Gannat, Eddoo, Dheeraa, Itayya, Asallaa, Sagureef Magaalota hedduu keessatti maxxanfamaa Fi facaafamaa kan jiru yoo ta’uu guyyoottan Itti aananis bifa gara garaatin Ummataaf waamichaa kan godhu ta’uu Qeerron Aanota Garagaraa irraa qophii xummurachuu gabaasee jira Continue reading
Dhaamsa Gabaabaa Hooggantoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarfame.
Aside

Yeroo ammaa kanatti godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti Sochii Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabeessuun addatti duula gabaa Lagachuu, Mormii Saamicha gibira fi qaraxa dacha 3 oliin uummata keenyaarratti fe’amee jiru sababeeffachuun sochii Warraaqsa Oromiyaa keessatti qabsiifnee Warraaqsii bifa qindaa’eefi itti fufinsa qabuun finiinaa jiraachuun beekamaadha. Ammas Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FXG akka guutummaa Oromiyaatti adeemsaa armaan gadii kana hordofuun daran jabaatee kan itti fufu ta’uu irra deebi’uun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uummata Oromoo hundaaf Waamicha Keenya jabeessina. Continue reading