Aside

” Oromiyaa Harmee Gaaffii Qabna Sirraa”  Wallee Hawwisoo Qeerroo

 

 

 

Sochii Qeerroo Keessatti Qooda Olaanaa Qabaataa Kanneen Turan Oromiyaa Keessaa Adamfamanii Hidhamaa Jiru.

Aside

because-i-am-oromoSabboontoti Oromoo Sochii Qeerroo Keessatti Qooda Olaanaa Qabaataa Kanneen Turan Oromiyaa Keessaa Adamfamanii Hidhamaa Jiru.

Sochii fi Bu’uuressuu Qeerroo Bilisummaa keessatti qooda guddaa kennaa jijjirama har’a faarfamu kan argamsiisan gaggeessitooti warraaqsaa hedduun yeroo ammaa kana mana hidhaa jiru, Sirni Wayyaaneen irra deddeebi’ee hiidhuu fi miidhaa samuu,qaamaa Image may contain: 5 people, outdoor gahaa ture. Ammas ammoo mootummaan jijjirraa dhiigaa fi wareega Qeerroon dhufeen dhaadatu Jaallan Qeerroo keessatti gahee guddaa qaban mana hidhaatti guuraa jira.Biyya Oromiyaa keessa seerri hin jiru,mootummaan biyya taliiguu fi ummata tohatu waan hin jirreef kan hidhuu fi hiisisu wallaalamee jira.
Eda galgala Qeerroolee nagaan jiraatan magaalaa Finfinnee keessaa mana itti cabsuun hidhaa bakka hin beekamne geessanii jiru.
Jaallan
1) Gadaa Bultii
2)Addunya Keessoo
3) Biqilaa Amanuu
4) Firoomsaa
5) Abdii Guuttataa
Mana hidhaa hin beekamne waan geeffamaniif hatattamaan gadhiifamuu baatnaan mootummaa kasaare kanatti kaasaaraa hiriyyaa hin qabne akka itti dhufu mirkana!!

 

 

Aside

Ibsa Ejjannoo Miseensota Konyaa ABO Victoria – Australia

ABOHagayya 25 bara 2019
Miseensotni ABO Konyaa Victoria – Australia walgahii idilee Hagayya 25 bara 2019 gaggeessannee jira. Walgahii idilee kana irrattis haala biyya keenyaa ilaalchisee marii bal’aa taasisne. Hirmaattotni walgahichaa ibsi ejjannoo kanaa gadii murteeffatan.
1. Jijjiiramni wareegama Qeerroo fi Qarreen biyya Ethiopia keessatti mul’atee jira haa jedhamu malee miidhaa saba keenya Oromoo fi saboota akka Oromoo irra geessisamee ture har’as bifa jijjiirratee itti fufee jira. Seeraan ala guuramanii hidhamuun, mooraa waraanaa keessatti tiksamuun, ajjeessamuun, qabeenya saamamuun fi dararamuu fi ariyatamuun saba keenya irraa hin dhaabbanne.
2. Sabni keenya daangaa Oromiyaa gara garaa keessaa dachee isaa irraa weerara humna waraanaan buqqisame biyya isaa keessatti godaantuu tahee beelaa fi dhukkubaan harcaasamaa jira. Continue reading

Aside

Hdawudaala turtii qabsoo Bilisummaa Oromoo erga hogganni ABO biyya galee as, hanqinaaf cimina qabsoof gufuulee mudatan

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Hagayya 26,2019

Hogganni adda Bilisummaa Oromoo Fulbaana 15,2018 erga biyya galee as maaltu adeemaa jira, maaltu raawwate? Maaltu milkaa’ee? Maaltu hanqate? Kan jedhu wal hubachiisaa adeemuuf jecha barruu qophaa’e.

Addi Bilisummaa Oromoo hogganni isaa biyya alaatii qabsoo karaa nagaatti amanuutii biyya isaa Oromiyaatti galuun isaa nii yaadatama. ABO’n biyyatti kan galeef ija Oromummaan wal ilaaluutiin mootummaa kana waliin wal ta’iinsa siyyaasaa kan hanqate waliin guutuuf, qabsaa’ota waggaa 28 dura dhabaman wal ta’iinsaan barbaadanii arguu yaada jedhuu fi siyyaasa karaa nagaa gaggeessuuf filannoon wal dorgomna ejjennoo jedhu qabatee hogganni olaanaan biyya isaa Oromiyaa gale. Continue reading

Aside

ONN LIVE | FXG GUDAR QEERROO

 

 

Aside

Lixa Shaggar ona Gudaritti Fincilli geggeeffame.

[SQ Hagayya 25/2019]

Image may contain: one or more people and outdoor

Hidhaafi ajjeechaan uummata Oromootti jabaachuufi mootummaan maqaa Oromootiin of waamu kun “ABO deeggartan” jedhee nama dararuu waan hammeesseef, sababuma kanaan mana uummataa gubuufi qabeenya uummataa saamuun waan daran babal’ateef uummanni Oromoo obsa fixatee jira. Haaluma kanaan Lixa Shaggar magaalaa Guda
r keessatti Qeerroon Bilisummaa fincila dhoosuun mormii agarsiisaniiru. Akka odeeffannoon arganne ibsutti, Qeerroon magaalaa Gudar daandii cufuudhaan mormii isaanii agarsiisanii waajjira ODP Aanaa Tokkee Kuttaayee fi konkolaataa mootummaa irratti tarkaanfii fudhataniiru. Sababaan fincila kanaas, waraanni mootummaa naannawa Amboo warshaa rasaasaa Omachoo keessa qubatanii achirraa uummata Oromoo dararuuf bobba’an mormuun akka eegale maddeen keenya ibsanii, kanuma waliin hidhamtoota mana hidhaa Sanqalleefi bakkoota adda addaatti dararamaa jiraniif birmachuuf akka ta’e gabaafame. Fincilli kun gaaffii Abbaa Biyyummaafi Hiree Murteeffannaa Oromoof kan haga dhumaatti geggeeffamu ta’uutu ibsame
.

Abbaan Gadaa Tulamaa duraanii: “Nuyi Irreechas hin dhaqnu, hin barbaadnu”

Aside

Abbaan Gadaa Tulamaa duraanii: “Nuyi Irreechas hin dhaqnu, hin barbaadnu”
Madda BBC Afaan Oromoo
24 Hagayya 2019
Abbaa Gadaa Bayanaa

Walgahii haala nageenyaa irreechaa irratti waaman akka hin teenye dhorkamu isaanii Abbaa Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sanbatu BBC’tti himaniiru.

Xalayaan chaappaa waajjira tokkummaa abbootii gadaa Oromoo jedhuun, guyyaa 14/12/2011 barreeffame fi Abbaa Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sanbattun mallattaa’e dhimma Irreechawwan Hora Finfinnee fi Hora Harsadii irratti magaala Bishooftuutti mariin waan adeemsifamuf miidiyaaleen akka gabaasaniif affeera.

Haa ta’u malee mariin Sanbata xiqqaa ganama sa’aa 2:30tti eegala jedhame osoo hin taa’amin haqameera.

Godina Horroo Guduruu Shaambu Keessatti Dargaggoon Raayyaa Ittisa Biyyaan Hidhamaa Jiru.

Aside

By Dachaasaa Wiirtuu

Image may contain: 1 person Bilisummaa Amantee jedhama guyyaa har’aa Hagayya 23/2019 G/H/Guduruu magaalaa Shaambuu keessaa humna waraanaa mootummaan qabamee hidhamuu maatiin dubbatu.

Dargaggoo kun barataa yoo tahu yeroo boqonnaa isaattis ummata waliin waan gaarii ummata tajaajiluun kan dabarsu ture.
Hojii isaa kanaanis kabajaa fi jaalala ummata magaalaa shaambuu biratti argateera.

Namootni ummata biratti jaallatamu Humni tikaa qabanii dararuun jibbisiisuuf tahe jedhamee kan hojjetame tahuu jiraattotni magaalaa shaambuu dubbatu.

 

 

 

Wallagga Naqamte Keessaa Oromoonni 2000 Ol Waraana EPRDFn Badii Tokkoon Malee Hidhamanii Jiru.

Aside

By Kumsaa Buraayyu

Image may contain: one or more people, hat and closeup Dhugaasaa Mangashaa Baloo jedhama. Abbaa-qabeenyaa fi jiraataa magaalaa Naqamteeti. Obbo Dhugaasaan humnoota Komaandi Postiitii magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee goolaa jiraniin erga qabamee hidhamee baatii sadii ta’uuf deema. Obbo Dhugaasaa qofa osoo hintaane yeroo ammaa kana Oromotni hedduun magalaa Naqamtee fi naannoo ishee jiraatan hidhaa keessatti gidirfamaa jiraachuun isaanii ifaadha.

Odeeffannoon naannoo sanaa maddu akka ibsutti, obbo Dhugaasaa fi namootni 200 ol tahan yeroo ammaa kana Masaraa Kumsaa Morodaa keessatti hidhamanii jiru. Lakkoobsi hidhamtoota magaalaa sana waliigalaa ammo 2000 ol akka ta’e odeeffannoon kun dabalee ibsa. Bakki namootni itti hidhamaan hundi adda ba’e waan hinbeekamneef lakkoobsa namoota hidhaa jiranii sirritti adda baafachuun nama dhiba.

Obbo Dhugaasaa fi namootni 200 tahan lafa-jala (basement) Masaraa Kumsaa Morodaa, bakka duraan buufata mi’aa (store) turee fi as dhiheenya kana ammoo horiin itti galaa turan keessatti wal irratti waan hidhamaniif dhukkuba adda – addaaf saaxilamaa jiraachuun isaanii bal’inaan dubbatama. Continue reading

Aside

 SAGALEE QEERROO HAGAYYA 14 2019 Dhimma qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fi dhimma buqqaatota ilmaan Oromoo bakka addaa qubsiifamanii jiran irratti