Sabboontoti Oromoo Sochii Qeerroo Keessatti Qooda Olaanaa Qabaataa Kanneen Turan Oromiyaa Keessaa Adamfamanii Hidhamaa Jiru.
Sochii fi Bu’uuressuu Qeerroo Bilisummaa keessatti qooda guddaa kennaa jijjirama har’a faarfamu kan argamsiisan gaggeessitooti warraaqsaa hedduun yeroo ammaa kana mana hidhaa jiru, Sirni Wayyaaneen irra deddeebi’ee hiidhuu fi miidhaa samuu,qaamaa gahaa ture. Ammas ammoo mootummaan jijjirraa dhiigaa fi wareega Qeerroon dhufeen dhaadatu Jaallan Qeerroo keessatti gahee guddaa qaban mana hidhaatti guuraa jira.Biyya Oromiyaa keessa seerri hin jiru,mootummaan biyya taliiguu fi ummata tohatu waan hin jirreef kan hidhuu fi hiisisu wallaalamee jira.
Eda galgala Qeerroolee nagaan jiraatan magaalaa Finfinnee keessaa mana itti cabsuun hidhaa bakka hin beekamne geessanii jiru.
Jaallan
1) Gadaa Bultii
2)Addunya Keessoo
3) Biqilaa Amanuu
4) Firoomsaa
5) Abdii Guuttataa
Mana hidhaa hin beekamne waan geeffamaniif hatattamaan gadhiifamuu baatnaan mootummaa kasaare kanatti kaasaaraa hiriyyaa hin qabne akka itti dhufu mirkana!!