ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa kan tibbanaa fi Sagalee Godinaalee Oromiyaa gara-garaa kessaa nu dhaqqabe jiru.Gurraandhalaa 17/2018

Aside

Continue reading

Naqamte Guyyaa Har’aa Simannaa Gootota Hidhaa Bahee.

Aside

Continue reading

VOA-Shamarree Dirribee Ittaanaa, Qananii Taammiruu fi weellistuu Seenaa Solomoon, Voa Afaan Oromoo irratti gaafii deebii Jaallannee Gammadaa waliin taasisanii turan.

Aside

Mana hidhaa woyyaanee keessatti rakkoo fi dararaa akkamii akka keessummeessaa turan hunda dubbatanii jiru, ! baay’ee nama gaddisiisa. Kamiifuu baga harka diinaa keessaa bahani.

Afaan Qawween FXG Dhaabuun, Gaala Qaawwa Lilmoo Keessa Huluqsisuu Yaaluu Waliin Tokko !

Aside

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Guraandhala 17,2018
Wayyaaneen waggaa 27 uummata Oromoo ajjeesaa, dararaa, Lafarraa buqqaasaa, baqattuu taasisaa, Hidhaa, barnootarraa ari’aa hanga yoonaa jiraatte. Haa ta’u malee afaan Qawwee Wayyaanee jalatti uummanni diddaa garbummaa jabaa taasisaa tureen, dhommoqa impaayera biyyattii dhommoqa gala hinqabne  dhommoqseera. Akka duutee jirtuuf, barbadooftee jirtu hubatuurraan sirni afaan qawweetti amantu Wayyaaneen YKN TPLF uummata Oromoo irratti kallattiin waraana labsitee waggoota hanga kana lafee ilmaan kitillayyoo caccabsitee burkuteessite. Har’a ilmaan Oromoo harka garboonfataa Wayyaaneen lubbuun darban lakkoofsaan itti bahuun kan nama rakkisuuf hidhamtoota kuma dhibbaan lakka’aman Oromummaa qofaa yakkamanii mana hiraarsaa wayyaaneetti gidiramaa jiru.

Continue reading

ONN-Qophii Kaayyoo Marii Gaggeessitoota Qeerroo Idil-Aduunyaa Waliin.

Aside

Continue reading

SQ Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo: Gaafii fi Deebii Barisiisa Tokko Waliin Ta’e

Aside

Dhiisi Maaloo Sitti Bariitee Jirti!

Aside

Damee Booruutiin

Hooggantoon TPLF reenfa meeqa irra tarkaanfatan dhufanii akka uummata Itopiyaa hundaa waraana Dargii jalaa akka bilisa baasan bara bittee isaanii kana hundaa yaroo xibaaraa jiran dhagaa jira. Har’as akkuma kana. Dhugaan jiru garuu waraana Dargii kan cabse qabsoo uummatoota Itopiyaa hundaatti. TPLF bara Dargiin jiru biyya isaanii keessatti  warana Dargii lolaa turte. Uummatni Eritiraa, uummatni Oromoo,  Uummatni Ogaaden , Uummatni Sidaamaa, Uummatni Gambeela fi kan hafanis amma humna isanii of irratti loludhaan aangoo Dargii cabsan.

TPLF qofaatti  loltee mootee injifannoon galuu ishee namni arge hin jiru. Warri gaafa sana jirru kan aggarre fi raga seenaa dabarsinu TPLF biyya Tigray amma Finfinnee galtu  konkolaatan buraaqte dhfuu dha.  Gaafa sana TPLF waraana Dargii faca’ee irraa kilaashinkovii fi meeshaa waraanaa gugguddaa saamachuu ayyaana argatee jirti. Karaa biraa biyya Oromoo kan fidee dhufte yoo jiraate  cinii, bujalee, shiraa fi haxxummaa  qofa. Continue reading

ONN: Ibsa Qeerro Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname Gurraandhala 16/2018

Aside

QOPHII KAAYYOO GURAANDHALA 16 2018 ONN : Marii haala Yeroo irratti hayyoota Oromoo Dr Asfaawuu Bayyanaa fi Hundee Dhugaasaa waliin godhame

Aside

Magaalaan Waliisoo Simannaa Gootota Hidhaa Irraa Baheef Taasisan.

Aside