Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Guraandhala 17,2018
Wayyaaneen waggaa 27 uummata Oromoo ajjeesaa, dararaa, Lafarraa buqqaasaa, baqattuu taasisaa, Hidhaa, barnootarraa ari’aa hanga yoonaa jiraatte. Haa ta’u malee afaan Qawwee Wayyaanee jalatti uummanni diddaa garbummaa jabaa taasisaa tureen, dhommoqa impaayera biyyattii dhommoqa gala hinqabne dhommoqseera. Akka duutee jirtuuf, barbadooftee jirtu hubatuurraan sirni afaan qawweetti amantu Wayyaaneen YKN TPLF uummata Oromoo irratti kallattiin waraana labsitee waggoota hanga kana lafee ilmaan kitillayyoo caccabsitee burkuteessite. Har’a ilmaan Oromoo harka garboonfataa Wayyaaneen lubbuun darban lakkoofsaan itti bahuun kan nama rakkisuuf hidhamtoota kuma dhibbaan lakka’aman Oromummaa qofaa yakkamanii mana hiraarsaa wayyaaneetti gidiramaa jiru.
Qabsoon Oromoo hidhamtoota isaarraa balbala saaquu jalqabeera. Guutummaa hidhamtootasaa mana hiraarsaa baasuuf, qabsaa’ota haqaa qaaruu TPLF jalaa baasuufis qabsoo finiinsee jiru itti fufuu qaba. Qabsoo Oromoo dhaamsuuf Labsiin yeroo akka darbu kan murteessitee jirtu TPLF uummata Oromoo irratti daguuggaa guyyaa guyyaan gootu ittuu jabeessuuf akka akeekkatte hubataamaadha. Haa ta’uuyyuu malee, Qeerroon Bilisummaa Oromoo afaan Qawween Wayyaaneen, qabsoo isaa duubatti kan hin deebifne ta’uu martuu beeka. Uummata karaa nagaa mirga isaa falmataa jiru, uummata gaaffii abbaa biyyummaa karaa nagaa gaafataa jiru irratti waraana kallattii labsuun uummata badii gurguddaa fiduuf kan akeekkatan rakkoowwan rasaasa har’a qabaniin raawwataa jiraniif kan itti gaafataman ta’uu jala muree Qeerroon beeksisa.
Maayiirratti Afaan Qawween FXG Dhaabuun, Burqaa Laga Abbayyaa Cufuudha! Burqaa laga abbayyaa cufuun waan yaadamuuf yaadamee hinbeeknedha. Qabsoon FXG hanga Bisummaatti jabaatee akka itti fufu ammas Qeerroo Bilisummaa Oromoo beeksisa.
Injifannoon uummata Oromoo!
Gadaan gadaa xumura garbummaati!
Guraandhala 17,2018
Finfinnee Oromiyaa