Dhiisi Maaloo Sitti Bariitee Jirti!

Damee Booruutiin

Hooggantoon TPLF reenfa meeqa irra tarkaanfatan dhufanii akka uummata Itopiyaa hundaa waraana Dargii jalaa akka bilisa baasan bara bittee isaanii kana hundaa yaroo xibaaraa jiran dhagaa jira. Har’as akkuma kana. Dhugaan jiru garuu waraana Dargii kan cabse qabsoo uummatoota Itopiyaa hundaatti. TPLF bara Dargiin jiru biyya isaanii keessatti  warana Dargii lolaa turte. Uummatni Eritiraa, uummatni Oromoo,  Uummatni Ogaaden , Uummatni Sidaamaa, Uummatni Gambeela fi kan hafanis amma humna isanii of irratti loludhaan aangoo Dargii cabsan.

TPLF qofaatti  loltee mootee injifannoon galuu ishee namni arge hin jiru. Warri gaafa sana jirru kan aggarre fi raga seenaa dabarsinu TPLF biyya Tigray amma Finfinnee galtu  konkolaatan buraaqte dhfuu dha.  Gaafa sana TPLF waraana Dargii faca’ee irraa kilaashinkovii fi meeshaa waraanaa gugguddaa saamachuu ayyaana argatee jirti. Karaa biraa biyya Oromoo kan fidee dhufte yoo jiraate  cinii, bujalee, shiraa fi haxxummaa  qofa.

Waan hundaa caalaa dandeettii  fi ogummaan TPLF afshalummaa hiriyyaa hin qabne qabaachuu dha. Gaafa Dargiin kufe sana otuu maqaa Mootummaa ce’uumsaa jedhuun ijaarsota jiran maraa wal itti hin qabnee nageenyi  Impayeera Itopiyaa keessatti argamuun ni jabaata. Mootummaa kana keessaa qooda fudhachuuf hunduu afaan banee seene. Akka nama hundaaf fudhatama qabaatutti chartera baaftee nama hundaaf qoode. Aangoos  xiqqaatu malee warra yaroof qabachuu barbaadan hundaaf hirteef jirti. Lafa jalaan garuu akkataa itti orma kana hundaa dhabamsiisu dandeessu tarsiimoo fi  tooftaa baafatee lafaa qabdi.

Erga nagaan biyya Ipaayera Itopiyaa tesgabeefatee booda  uummata harkaa qawwee funaanatee kaatee  shira ishee  tokko tokkon hojii irra olshuu jalqabde.  EPLF humnan dabsachuu akka hin dandeenye waan beektuuf akka Ertiraa fudhatee irraa baatu karaa mijjeessiteef.  ABO waraana keessan kaampii galshaa malee  jette dirquun kaampii keessatti itti marsitee waraana muxxannoo bara dheeraa qabu macaqi gootee fixe. Sana booda ergamtoota ishee warra OPDO xiqqo bakka laateef akka hojii uummata Oromoo jilbeefachiisuu itti boba’an dirqama itti laate.

Sagantan TPLF inni duraa biyyi isaanii waraanan waan miidhameef gargaaramuu fi deebi’ee ijaaramuu kan jedha dha. Kanaafu qabeenyi biyya Impayeera Itopiyaa keessa jiru gaaffii tokko malee gara Tigray guramuu danda’a. Warashaan hoomi shaa fi kan waraanaa hunduu buqaa’ee gara Tigray akka deemu tahe. Albudni Oromiyaa, bosonni Oromiyaa, bishaan , ibsaa fi wal gala qabeenyi uummta Oromoo dhuunfaa TPLF tahe. Amma danda’an guranii biyyaa isaanii keessatti  karaa konkolaata, karaa baaburaa, bakka xiyyarri qubatu, Hospitaalaa , universitti fi warshaa hormaate lakkofsa hin qabne biyyaa isaanii keessatti ijaaratan.

Uuumata Oromoo lafa isaa irraa buqisaanii  darban. Lafa Oromoo si’a  lama- sadii deebisaanii gurgurachuun badhaadhan .Namni Oromoo lafti isa irraa fudhatame balbala eguu fi kosii haruuf illee ayyaana dhoowwatanii akka kadhatu tahu godhan. Bara kana  OPDOn illee dalaala taate lafa Oromoo gurgursiisuun waan argate irraa butachaa turte. Saamichi karaa hundaan godhamu uummata Oromoo hiyyumaa argee fi dhagee hin beekneef dabarsee keenne. Kana malee TPLF cinii fi bujalee fidee dhufte uummata Oromoo itti harcaaftee gita olaana taate Uummata Oromoo gadi ilaaluu jalqabde.

Hara’a biyya Impayeera Itopiyaa keessati sooromaan kan beekamu Tigiroota. Manni  nyaataa, manni dhugaatii, manni daldalaa, manni hooteela, manni  bashananaa  fi fooqiin samii gahuu kun hunduu kan Tigiroota akka tahe eenyu jalaa iyyuu dhokkataa miti. Hoomishinni  maqaa nama tokko tokkoon biyya keessa   jiran keessa  warri aangoo irra jiru akka harka guddaa keessa qaban dhoksaa hin qabu.

Namonni dhalootan Tigree tahanii biyya Oromoo keessa jiran baasaasa ykn dabballee TPLF akka tahan mamiin hin jiru. Waanuma Tigree tahaniif Mootumaa TPLF kan jalatti aangoo fi aayyaana waan barbaadan argachuu qabu. Namni Tigree tokko bushaa OPDO naannoo tokko caalaa aangoo qaba. Waan Tigree taheef duwwaa nama Oromoo tokko tumee, hidhee, saamee ykn ajjeessee ykn gudedee yoo deeme namni isa gaafatuu danda’u hin jiru. Kanaafuu qabsoon Uummata Oromoo warra kana akkuma waraana Wayyaanee yoo akeekate qajeelaa dha.

Uummatni Tigray uumatoota Impaayeera Itopiyaa keessa jiran wajjin rakkina addaa fi addati hin qabu. Garuu qabeenya naannoo biraa Mootummaan TPLF saamee fidee biyya Tigray yaroo ijaaruu ittiin jiraachaa jira. Yaroo Mootummaan kun uummatota biraa lafa irraa dugugee balleessu maaliif kun tahe jedhanii yaroo dura dhaabatan hin mul’atu.  Haalli kun Uummata Tigray fi TPLF gargar baasuu rakkina tahaa jira. Haala burree kana kan ifa baafachuu qabu Uummata Tigray tahuu qaba.  Mootummaan TPLF akka badu mamii qabaachuu hin qaban. Mootumaan TPLF gaafa badu wajjin baduu irraa qabsoo uummatni  Impayeera  Itopiyaa gochaa jiru wajiin dhaabbchuun qajeelaa dha.

Akka warri OPDO afuuftu utuu hin Impaayera  Itopiyaa  keessatti gararrummaa Tigree fi Afaan Tigray dhoksaa waltajii irraatti argamu. OPDOn waan of sobduuf nama biraas akkasumaa waan sobaan dhugaa dhoksuu dandeessu  itti fakkaata. Har’a Afaan Tigree, gumruka keessatti , airportiitti, waajiraa federaalaa keessatti … afaan rakkinaamalee fi baasii tokko malee( password) ittiin darbama akka tahe namni agarre jiraa? Yoo jiraate OPDO duwwaa dha. Tajaajilli nama afaan kana dubbatuf godhamu qofaa dha. Oromoon barate tokko Tigree barumasa isa qabu wajjin hojii dorgomee argataa?  Nama Oromoo meeqatuu hojii irraa ari’amee Tigree laatama?  Yaa OPDO koo wal qixxuummaan kun isa jiraa?

Mootummaan TPLF hoji kolonftaa isa duraa (classical colonialism) biyya Oromoo irratti deemsisa jirti. Qabeenya uummata Oromoo saamtee biyya ishee ittiin guddisuun haala isa duraa ti. Uuummata Oromoo ajjessuu, hidhuu fi gidiraa baayyee irratti raawwachuudhaan  akka biyyaa isaa irraa buqqee badu gochuudhaan lafa uummata Oromoo irra uummata ishee qubachiisaa jirti. Shira adda adda  uumuudhaan saba fi sab-lamii naannoo Oromoo jiran lenjiftee, hidhachiifte uummata Oromoo irratti bobaasuudhaan kaayyoo uummata keenya lafa irraa dugugdee balleessuu toora hundaan irratti xiyyeefatee jirti.  Uummatni Oromoo waraana TPLF kana barbadeessu malee akka nagaa hin arganne hubtee, harka wal qabatee irree tokkichaan ka’ee jira. Ummatni Oromoo TPLF wajjin hojjechuu fi waliin jiraachuu bakka hin dandeenye irra gahee jira. Dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’ee, darara dhala Oromoo irraa gahee fi qabeenya uummata Oromoo saamameef  kan furmaata argamu TPLF irraa guyyaa bilisa bahuu qofa. Akkuma waraana Haayile Selaasee fi warana Dargii waraana TPLFis qabsoo uummata bal’aatu facaasa. Kunis fagoo hin jiru.

Yaadni koo silaa wal gahii guyyaa kudhanii booda beeksissa OPDO baasite kan ilaalu ture.  Waan OPDOn geerartu dhagee ka’ee  dhiisi maloo  si  itti bariitee jirtii jechuun barbaade. Utuu OPDOn jecha kana waggaa26 dura jettee jiraate anaanuu garaa na raafti. Ilma akkamitu Oromoo dhalate jedhee nan gammada ture.  Har’a erga eenyumaa ishee xiqqaa fi guddaan Oromoo hubatee booda “hoogganna ijaarsa kee” dhuka dhaaphu yaroo jettu qaama kootu na suukanna’e. Bulchaa OPDO jalatti Oromoo akka balaa salphate. Gudataa fi guddatuun Oromoo kumaatan mana hidhaa keessatti  waxxalamee dhume. Kumaatamaan ajjeefamanii  irrbataa alattii fi bineesaa tahan. Biyya isaanii irraa ari’amanii gamoojii fi bishaan keessatti kan dhuman lakkobsa hin qaban.  Kan qaamni hiratee fi maraate meeqatu jira.

Utuu OPDOn ilaaltuu Onkololessa 2, 2016 ayyaana Irreecha Haroo Arsedee irratti  Oromoonni 700  ol tahan guyyaa tokko itti dhuman.  Dhiigni Oromoo akka bishanii dhagala’e sanaafiOPDOn itti gaafatama duraa qabdi. Dhumatii Calanqoo lamaffaa,  ajjechaa Shamannee, Amboo, Balee , Harar bakka adda adda, Booranaa fi Shamboo keessatti kan itti gaafatamu OPDO dha.  Erga uummata kana nutu si bulcha jedhanii nageenya isaafis kan itti gaafatamu isaan tahuu beekuu qabu. Ija OPDO duratti Uummatni Oromoo miliyoonni tokkoo ol tahu inni du’u du’ee kan hafe qe’ee isaa irraa buqqaa’ee akka hantuutaa karaa irratti hafe. Beelaa fi dheebuun , qabanaa fi buluqni , hiyumaa fi dhukkubni itti wal furaa jiraa. Uummata Oromoo gamoojii Balee , Hararii fi Boorana keessatti  qongee dha’amee garaan isaa fi dhugdii isaa wajjin  walitti gogee jiru nu duraa mul’achuu qaba. Gaaga’ama kana hundaa kan Uummata Oromoo irratti fide OPDO dha.

Lafa uummata Oromoo TPLF wajjin kan charachara bahee uummata Oromoo hiyyimaa fi gadadoof dabarsee kenne OPDO dha. Mana Oromoo jiru keessa dhiigni hin dhangalaanee fi imimaan hin lolaafamne hin jiru. Har’as artistonni , qaroonni , beektonni fi  haayyoonni Oromoo mana hidhaa keessatti gidiraa dhala namaaf hin jirre argaa jiru. Utuu salphinni kana fakkaatu jiru an ijaarsi kee jette OPDOn yaroo na qabaa na gadiisaa jettu  waan ji’a(baatii) irraa  gadi buute fakkaatti.

Uummata Oromoo afaanfajjeessuuf yaluun waan tokko.  Waan olmaan isaanii warra Habashaa wajjin taheef uummata Oromoo Habashaa caalaa tufachuun waan biraa. Habashoonni  Uummatni Oromoo garaamii waan taheef kan abbaa isaa ajjeesetti  haadha heerumiisa  jedhanii  yaadu. Walii gala gumaa baafachuu hin beeknu jechuu fedhu. Kanaafuu ammaan kana  Qabsoo Xumura Garbummaa kana dhiifne OPDO dugdatti marxifatee qajeela jedhanii yaadu. Lakki dhiisi yaa OPDO uummatni Oromoo har’a bakka atti beektu sana hin jiru. Yoo siif gale qabsoo uummata Oromoo itti makkami.  Qabsoo bilisummaa Uummata Oromoo gageessuuf kaayyoo fi  akeeka isaa hin qabdu. Abbaan Kaayyoo fi akeekaa ABO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo jiru.

OPDOn  waan jettu dhugaa irraa akka fagoo tahe kan agriisu heddutut jira. Ijaarsota Oromoo  ala jiran wajjin hojjechuuf fedhii qabana jedhu. Maarree hooggantoonni OFC obbo Baqalaa Garba, Addisuu Bulala, Gurmeessa Ayyannoo fi Dejene Tafaa  mana hidhaa keessatti diinni Oromoo haamilee isaanii cabsuu warra itti xapataa jiru baasanii wajjin hojjechuu jalqabuun hin dursuu? Labsiin shororkeessumaa utuu hin haqamiin warra alaa wajjin hojjenna jechuun dhugaa irraa fagoo jira.

Waamicha OPDO kanaaf namni dura owwate immoo Obbo Leenchoo Lataa tahuun caalaa waan nama ajaa’ibu tahee jira.  Dr. Mararaa Gudinaa Pralaamaan Awuropa  afeera godheef iirratti argamee fedhii isaa malee waan bukkee Dr. Birhaanu Nagaa( Ginibit 7) taa’eef Shororkessummaan himatamee mana hidhaa keesstti gidiraa meeqa erga argee booda dhiibaa uummataan hiikamuu danada’u hunduu quba qbna. Obbo Leencoon kan Ginibot 7 wajjin  walii galtee  tokkummaa qabu akkam godhee akka OPDO wajjin hojjechuu danda’u namaaf hin galu. Obbo Leencoon kun waamicha argatee miti ofumaa iyuu figee galee morma qabanii darbachaa olu. Namni ku uummata isaaf miti ofuma isaaf iyyuu nama dhaabbii dhabee akka ,“namni  bishaan nyaate hoomocha qabata” jedhanii waan tahe nama ajaa’ibuu hin qabu. Nama harkaan of xiqqeesse waan gargaaran hin jiru. TPLFis tahe OPDO jijjirama inni fiduu danda’u hin jiru.

Jiraachuun OPDO seenaa Uummata Oromoo keessaatti bakka suukkanneessa qaba. Kana booda TPLF cabsuu dura ergamtuu ishee OPDO of keessaa baasnee gatuufdirqamna. TPLF qabeenya  keenyaa dhala dhalaaf ishee gahu samatee jirti. Kana booda kan barbaaddu yoo jiraate nagaan teessee isa saammatte nyaachuu dha. Nagaan jiraachuu kan dandeessu yoo qabsoon Uummata Oromoo gufate duwwaa akka tahe adda baaftee agartee jirti. Qabsoo  Uummata  gufachiisu kan  danda’uu waraana ishee caalaa akka OPDO taate illee hubatee jirti. Kanaafuu karaa feeteen OPDO akka qabsoo uummata Oromoo cabsitu hidhachiiftee uummata Oromoo irratti bobbaasuu filateetti.

Tooftaan TPLF fi  OPDO baayyee xaxxamaa miti. Ummatni Oromoo uummata nagaa jalatu waan taheef , afaan isaa dubbatanii, yaada issa fudhatanii suuta suuta ofitti qabanii qabsawwan haqaaf dhabbatan akkuma kana duraa keessaa funaananii  fixxuudhaan qabsicha kolaasuu dha. Yaa Uummata Orommoo nu gaha! Lamuu Habashaaf hin gowwomnu! Tasa deebinee hin gabroofnu! Aarsaa gahaa baafnee jirra! OPDOn warruu waggaa 26 darban kana dhiiga uummata keenyaa dhagalaasaa bahee fi qabeenya  keenya saamaa fi  saamsisaa ture!  Warri kun nuuf haaraa miti!  Garuu tooftaa haaraan nuu fakkaatan nu balleessuu  deemaa jiru! Filmaatni keenya ykn isaan ammannee baduu ykn Fincila Xumura Garbummaa bakkaan gahuuf qabsoo keenya murannoo guutuun itti  jabeessu dha!

 

                                                                Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!

                                                Injifannoo Uummata Oromoof!

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s