On the Arrest of Mr. Betie Urgessa, the OLF Public Relations Officer and His Driver Mr. Wondoson Abdulkadir
Miseensi Gumii Sabaa ABO Jaal Amaan Filee waggaa tokkoo oliif Kan mana murtii hin dhiyyaatiin ture
Gumii Sabaa ABO Jaal Amaan Filee waggaa tokkoo oliif Kan mana murtii hin dhiyyaatiin ture sababa network plasma dide jedhamuun dhiyyeenya mana murtii qabda jedhamee deemus himata itti shakkame osoo hin bariin jira.Sab-Quunnamtiin Hawaasaa ABO jaal Battee Urgeessaa Magaalaa Buraayyuutti ukkaamsaman.

OBS-Filannoo fi ABO, I/G sub-qunnamtii ABO obbo Battee Urgeessaa waliin turtii taasisne kutaa 1ffaa fi 2ffaa
Jaal Battee Urgeessaa turtii DW waliin taasise.
IBSA IJJANNOO MISEENSOTA ABO FI QEERROO BILISUMMAA OROMOO AANAA DADAR FI ONA OBORRAA IRRAA
Nuti Miseensotni ABO fi Qeerroo Bilisummaa oromoo Aanaa Dadar Murni ABO irraa fottoqanii Maafi’aa PP wajjiin maqaa Kora sabaatin Afanfajjii fi yakka gantummaa dalagaa jiran ni balaaleffanna.Ibsa Ejjennoo Miseensota ABO Konyaa Washington, DC
Ibsa Ejjannoo Gamtaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Shaallaa Irraa Kenname :
Akkuma beekamu dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo ABOn” Dhaaba woreegama qaalii kafalee Ijaarame kiyyoo Diinaa Baay’ee Injifatee Osoo Diinni Ilkee Itti Qaratu Badhinnaaf Dhiphinna Hunda Dandamachuu Dhaan Ciniinnatee Ardha Gahe “Ta’uu Diinnis Firris Sirritti Beeka. ABOn Kaayyoof Akeeka Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa Irrati Gootota Daangaa Hin Qabne Gabbarree Aarsaa Gurguddaa Kafalee Ardha Gahee Jira. Ammas Kafaluu Irratti Argama.IBSA EJJENNOO MISEENSOTA ABO KONYAA OSLO
Kora sabaa seeraan ala maqaa ABOtiin waajira Mummee ABO Gulalleetti gaggeeffame ni mormina.
Hookkarri gantoota keessaa fi tika mootummaan qindaa’e guddatee guyya Bitootessa 13, 2021 Kora Sabaa Hooggantooti, Miseensotni fi Deggertootni Adda Bilisumma Oromoo kamuu irraa quba hin qabne “Kora Sabaa ABO geggeeffanne” jechuun bifaa Ummata Oromoof arrabsoo ta’een gartuun armaan ol maqaa dha’ame gad ba’u isaa beekameera. Gantootni dantaa fi garaaf of gurguran muraasni maqaa dhaabichaa fi galfata kana dura Kora Sabaa 4ffaa irrattis itti kenname meeshaa godhachuun tika mootummaa PPtti hirkachuun gantummaa dhiifama hin qabne raawwataniiru.
Ammas akkuma kaleessaa shirri keessaa fi alaa dhaaba keenya waliin akka jiru ifatti mul’ataa jira. Bu’aa qabsoo dhaabni keenya galmeessaa as ga’e kana dabarsanii diinaaf kennuu fi boodatti deebisuuf murnoonni maqaa “Hooggana dhaabaa” jedhuun diinatti hirkitanii jeequmsa babal’isaa turan, waajjira ABO muummee Finfinneetti argamu humna tikaa fi poolisaan cabsanii seenuun, darbees isaanumaan eegamaa “Kora Sabaa ABO gaggeeffanna” jedhanii as bahan. Kun hedduu saalfachiisaa fi qaanessaa ta’uu isaa hubanna. Continue reading



