
ABO, Dhaaba heeraa fi seera akkasuma sirna ittiin Bulmaataa jabaa qabu heera fi seera isaa cabsanii gareeleen akeekaa fi kaayyoo dhaabbichaa ganani PP sirna nafxanyaa kan dhiiga ilmaan oromoo dhangalasaa jiru wajjiin akkasuma eeggumsa Tika Mootummaatin kora sabaa jedhani Waajira Muummee Gullallee keessatti gaggeessan akka dabaa fi shira dhaaba keenya ABO irratti fi qabsoo ummata oromoo gufachiisuuf akka ta’etti fudhanna.
Namni Hayyu Duree shiraa ta’ee kaabinee PPtiin filame kun ona keenyati dhalatuus akka bakka nu hin buune Nuti Miseensotni ABO fi qeerroon walumaa galatti ummani Ona Oborraa hundi ibsachuu feena.
Nuti Miseensotni ABO fi qeerroon Aana Dadar fi Ona Oborra Qabsoo Bilisummaa oromoo akeeka fi kaayyoo ABO duubaan hiriirree hanga galma Bilisummaatti itti fufna.
Kanneen hadha fi Bu’aa bahii qabsoon qabdu irratti obsuu dhiisani dantaa fi karoora Bilxiginnaa galmaan ga’uuf dhama’aa jiran Gantoota baaburri QBO tufe waan ta’aniif shirri isaani akka lafa hin qabaanneef dura nu dhaabbanna.
IUOF
Miseensota ABO fi Qeerroo Bilisummaa oromoo Aanaa Dadar Magaala Qobboo IRRA