Duulli Waraanaa Ilmaan Oromoo Wallootti Baname Eenyummaa Oromummaa Balleessuuf kan Aggaammatedha.

Duulli Waraanaa Ilmaan Oromoo Wallootti Baname Eenyummaa Oromummaa Balleessuuf kan Aggaammatedha.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Akka seenaan saba Oromoo nu barsiisetti Oromoo cabsuudhaaf duulli jalqabaa kan eegale ilmaan Oromoo Walloo irratti. Duulli Oromoo cabsuudhaaf karaa kaabaa jaarraa 15ffaa keessa eegale haga walakkeessa jaarraa 19ffaatti Oromoon kaabaa gootummaa guddaafi ijaarsa cimaatiin lolatee diina isa weeraree koloneeffachuuf yaalu qolataa tureera. Ofirraa qolachuu qofas utuu hin taane, bulchiinsa jajjabaa ijaarratanii weerartoota irratti dhiibbaa gochaa turaniiru. Mootota Gondor akka barbaadanitti to’atanii nama barbaadan aangootti baasanii kan hin barbaanne buusaa turaniiru. Walakkeessa jaarraa 19’ffaa keessa garuu haalli jijjiiramee mootiin Tewoodiroos imaammata gurguddaa sadii (1, Oromoo cabsuu, 2. Habashaa tokkoomsuufi 3. Isilaamummaa balleessuu) labsate. Labsiin kun ilmaan Oromoo Walloo irratti hojiitti hiikamuu eegale. Tewoodiroos mootii moototaa jedhee erga of moggaasee Waxabajji 1855 duula waraanaa Oromoo Walloo irratti bobbaase. Duula waraanaa kanaan humni waraanaa Tewoodiroos gara laafina tokko malee ilmaan Oromoo duguuguu eegalan. Oromoota ajjeesuu bira darbanii kanneen booji’anillee harka isaanii lamaan muranii mormuma isaaniitti diranii deemsisu. Haala kanaan Oromoo Walloo cabsee gara Shawaatti darbe. Lola kanaan Oromoo Walloo haa cabsuyyu malee takkaayyu of jalatti bulchuu hin dandeenye. Tulluu Maqdallaa qabatee waraana itti fufe. Ilmaan Oromoo Walloos lola itti fufuun gootummaa dinqisiisaa argisiisaniiru. Tewoodiroos lola waggoota 13 Oromoo Walloo irratti taasise keessatti tasayyu jilbeenfachiisee of jalatti hin bulchine.
Mootonni Habashaa Tewoodiroositti aananii dhufan Oromoon gargaarsa biyyoota dhiyaatiin malee akka hin mo’amne hubatanii meeshaa ammayyaa kadhatanii duula waraanaa itti fufani.
Minilik erga mootii ta’ee lola kan eegale Oromoo Walloo irrattidha. Waggoota 10 walitti fufee ilmaan Oromoo Walloo lole. Kana seenaa Oromootu hima.
Duulli qindaa’aan mootota Habashaa waliif galchu guddichi Oromoo cabsuufi Oromiyaa dhuunfachuudha.
Mootonni Habashaa Oromoo cabsanii Oromiyaa dhuunfachuuf jalqaba Oromoo Walloo cabsuu qabu ture. Minilik gargaarsa alaafi gantoota akka Goobanaa qabatee Oromoo cabse. Hayile Sillaaseen gootota ilmaan Walloo gabaa walakkaatti fannise. Oromoon garuu guyyaa tokkoofillee mootota Habashaa kana fudhatee nagaan waliin bulee hin beeku.
Jiraachuu Oromiyaa har’aafi dagaagina sabboonummaa Oromoo har’aatiif qooda olaanaafi faarfamaa kan qabu ilmaan Oromoo Wallooti. Kutaaleen Oromiyaa biroo gabrummaa waggaa 150 yommuu himatan, ilmaan Oromoo Walloo garuu waggoota 400 ol mootota Habashaa weerara Oromiyaaf karoorfatanii deeman lolanii Oromoofi Oromiyaa jiraachisaniiru. Har’as haga Oromoon Walloo jirutti sochiin hordoftoota sirna mootota Habashaa duraanii galma hin ga’u.
Duulli qindaa’aan Oromiyaa dhuunfachuuf taasifamaa jiru kan mootummaa Federaalaan deeggaramee Mootummaa Naannoo Amaaraan hojiitti hiikamaa jiru bifa haaraan eegalee ilmaan Oromoo Wallootti banameera. Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo da’eeffatanii Oromoo balleessuuf dhaadatanii dhaadannoo sana hojiirra oolchuuf akka ka’umsaatti Kaaba Oromiyaa – Walloo magaalaa Axaayyeetti waraana banan. Dhiyeenya kana Perezedaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Agenyew Teshager “Addi Bilisummaa Oromoo diina keenya seenaati; ni lolla” jechuun dubbachuun ni yaadatama. Dubbii summaawaa kana hordofee ilmaan Oromoo irratti kallattii adda addaan lolli itti fufe. Humna Addaa Naannoo Amaaraatiin lubbuun ilmaan Oromoo hedduun darbee jira. Ajjeechaa gara jabeenyaa namoota gara mana yaalaa deeman irratti ambulaansii keessaa buusanii raawwataniiru. Kun agarsiistuu boora’insa nagaa biyya kanaafi duguuggaa Oromo irratti aggaamamedha jennee amanna.
Ilmaan Oromoo Walloo waggoota sadan darban keessa akkuma kutaalee Oromiyaa Lixaafi Kibbaa rakkoo ulfaataa keessa ture. Humnoonni Naannoo Affaariifi Naannoo Amaaraa dabareen itti wal furanii ilmaan Oromoo Walloo nagaa dhabsiisaa turaniiru. “Biyyi keessan as miti” jedhamanii manni irratti gubachaafi ajjeefamaa turanii ammas ajjeefamaa jiru. Ilmaan Oromoo Walloo garuu dhimma eenyummaafi biyyasaa irratti eenyu waliinuu marii akka hin teenye seenaan nu barsiisee jira/ammas nutti agarsiisaa jiru.
Qeerroon Bilisummaa Oromoos ta’e uummanni Oromoo bal’aan dhimma Oromoo Walloo irratti eenyuunuu callisee hin ilaalu. Wareegama feesisu kaffallee gootummaa ilmaan Walloo irraa dhaalleen biyyaafi saba keenya ni tikfanna. Yoomiyyu taanaan hundee sabboonummaa Oromoofi utubaa Oromiyaa kan taate Walloo irratti teenyee diina hin ilaallu. Duula Walloo cabsee Oromiyaa dhuunfachuuf deemu gamtaan hiriirree qolanna.
Kanuma waliin kan dhaamuu feenu, humnoonni Naannoo Amaaraa kan lola kana kakaasanii galtee siyaasaa irraa argachuuf deeman, kanneen ilmaan Oromoo Walloo kana qe’eerraa buqqisuu tarsiimoo qabsoo godhatanii deemaa jiran saba isaaniif naatoo akka qabaatan dhaamuu feena. Waggoota dheeraadhaaf Oromoo saboota adda addaa Oromiyaa keessa jiraatan waliin nagaan jiraataa ture/jira. Ammallee sabni keenya saba kaanirraa rakkoo homaatuu hin qabu. Dhiibbaan saba irratti xiyyeefatee ilmaan Oromoo Walloorratti eegale kun garuu nagaa biyya kanaa silaafuu hin jirre kana qilee hin bane buusa. Humnoonni Naannoo Amaaraa (Mootummaan Naannoo Amaaraafi humnoonni siyaasaa maqaa Amaaraan ijaaraman) saba isaanii Oromiyaa keessa faca’ee jiru kana ilaalanii tuttuqqaa ilmaan Walloo kana dhaabuu qabu jennee amanna; tuttuqqaa kana akka dhaabanis dhaamnaaf.
Dhumarratti, ilmaan Oromoo Walloo waggoota dheeraaf diina qolattanii Oromiyaa jiraachiftan roorroon kun kan dhaabbatu gaafa Oromiyaan bilisoomtee mootummaan uummataa ijaarame waan ta’eef, roorroo isin dhamdhamaa jirtan kana ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa hundaayyu argaa fi dhamdhamaa wan jiraniif, haga hiree keenya ofii keenyaan murteeffannutti wal quba qabeenyaan akka jabaannee weerartoota qolannu dhaammanna. Yoomiyyu ilmaan Oromoo guuruu Oromiyaa keessa jiran isin waliin jiru. Ilmaan Oromoo biyya alaafi keessa jirtan Oromoo Walloof birmannaa taasisuun Oromiyaa tiksuu ta’uu hubattanii yeroo kamiyyu caalaa jabinaan akka falmattan gadi jabeessinee waamicha goona.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 21/2021
Finfinnee
May be an image of one or more people and text that says "ΚΑΙ QEERRO!! National Oromian YOUTH Movement"

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s