
Miseensa Gumii Sabaa ABO Jaal Amaan Filee tibbana Godina Booranaa Yaaballoo irraa mana murtii qabda jedhamuun mana hidhaa itti hidhamee jiru irraa gara mana murtii deemta jedhanii plasman akka dhimma isaa hordofuuf itti himanii bakka plasman connection hin jirretti ykn hin dalagnetti geessanii guyyaa lama bitootessa 17fi 18/2021 akka taa’aa oolee gara mana hidhaatti deebi’u taasifameera .
Plasma network waan hin dalagneef beellama kee hordofuu hin dandeenye guyyaa plasman dalagu dhiyyaatta jechuun beellama isaa Ebla 6/8/2013 A.L.H beellamanii akka jiranis barameera
Kuni kanaan osoo jiruu hanga ammaatti garuu ,himatnis Jaal Amaan Filee harka akka hin geenyee fi maaliin akka mana murtii isa dhiyyeessuuf akka jiranis hin baramne.
Jaal Amaan Filee waggaa Tokko dura hogganaa Olaanaa ABO jaal Abdii Raggaasaa Mana hidhaa magaalaa Buraayyuutti gaafachuu deemanii kan qabaman yoo tahu dhimmi isaanii mana murtii kibba baha Oromiyaa magaalaa Shaashamanneetti argamutti akka dhiyyaatu Xalayaa qajeelchi poolisii magaalaa Yaaballoo Tibbana barreesseen akka dhimmi isaa isaan bira hin taanee fi imaanaa ykn adaraa isaan biratti hidhamee jiru beeksisuun isaanii ni yaadatama.
Yeroo ammaa kanas jaal Amaan Filee osoo qaamaan mana murtiitti dhiyyeessuun dandahamuu beellama qaba jechuuf qofa bakka plasman hin dalagne geessanii asiin dhimma kee hordofta jechuun dhiibbaa gama hundaan irra gaheef beellama qaba jechuuf malee himatni akka irratti hin banamne baruun dandahameera.