Oromoon akkuma biyyoota addunyaa irraa motummaa, bulchinsaa fi aadaa mataa isaa qaba ture. Garuu jaarraa tokkoo fi walakkaa dura qawwee koloneeffataan cabee haqa isaa kana dhabee hacuuccaa hangana hin jedhamineen gidiraa argaa jira. Hacuuccaan akkasii kuni Oromoo bara dheeraaf lafa isaa irraa fudhatee; akka hinbarannee fi afaan isaatiin hin dubbanne daangessee; lafuma isaarratti hidhaa fi ajjeesaa ture. Waanjoo gabrummaa kana saba isaaniirraa buqqisanii gatuuf ijaaramanii qabsaa’un barbachisaa ta’uu warri itti mul’ate ABO bu’uressuun qabsoo eegalani. ABOnis heeraa fi seera qabsoo ittiin geggeessu baafachuun, imaammataa fi kaayyoo dhaan masakamuun qabsoo hadhooftuu geggeessaa turee, har’as itti jira. Adeemsi wal’aansoo kanaas rakkoo malee hintuurre. Oromiyaan diinaaf galaana qurxummii keessaa qabatani, boba’a keessaa waraabbatani fi madda jalisii jireenya gaarii waan taateef hanganuma ciniinatani nu lolaa jiru. Lolli kunis nu qabuu, hidhuu fi ajjeesuu duwwaa osoo hintaane numa keessaa namootaa burjaajjoftuu, dantaadhaa fi qarshidhaan salphaatti bitaman qabachuun qabsoon keenya hanga yoona akka galma hin geenye gochuun bara gidiraa Oromoo dheeressaa jiru. Ammas akkuma baratan murna harcaatuu tokko baasuuf kan yaalaa jiran fakkaata.
Kanaaf, nuti miseensonni ABO Konyaa Washington DC, USA, gaafa Bitootessa 15, 2021 walgahii hatattamaa gaggeeffanne irratti haala adeemsa siyaasaa ABO fi murna maqaa hoogganaa qabatee dhaaba keessaa seera namuusaa fi heera dhaabichaa cabsee bahuun yeroo ammaa kana ‘Kora Sabaa (KS) ABO gaggeessine’ jechaa jiran irratti marii bal’aa goonee ibsa ejjennoo fi dura dhaabbannoo murna farra-qabsoo kana irratti baasnee jirra:
1. ABOn durumayyuu muuxannoo fi mudannoo bara dheeraa gitaa bittaa Xoobiyaa irraa barateen waanti biyyatti haa deeb’un kuni qaama 3ffaa hirmaachisuu akka qabu gaafachuun isaa ni yaadatama. Mootummaan seeraan ala amma aangoorra jiru kunii fi qaamoti tokko tokkos Oromoof Oromoo jidduutti jaarsummaan hormaa hinbarbaachisu jechuun akka dhaabni keenya wal-amantaa Oromummaan galu irratti dhiibbaa gochuun isaanii ni beekama. Erga murtiin haagalluu waliin murtaayee booda mootummaan EPRDF/OPDO kuni jibbiinsa fi sodaa dhaaba keenya irraa qabuun jalqabumaa eegalee irratti hojjechuu isaa kan agarsiisani qabxiilee tokko tokko xinxaallee dura dhaabachuuf murteefanneera. Hojii diinummaa fi diigumsaa isaa kanaanis murna hirkattummaa isaan sosso’aa jiru dhaaba keessatti tolchee dhaaba keenya dadhabsiisuuf yaalaa jiru kana cichoominaan ni fashalsina jennee murteessineerra!
2. Murni kuni, kanaan dura qaama koree hoji-raawwachiiftuu ABO tahani otuu jirani heeraa fi seera dhaabaan ala Poolisii mootummaan gargaaramanii walgahii waajjira ABO keessatti godhachuun isaanii ni yaadatama. Kan seeraa fi heeraan taa’e H/D ABO fi hoji-gaggeessitoota hunda achii baasanii cufsiisuun isaanii deggersa mootummaa Itoophiyaatiin dantaa dhuunfaa fi bolola aangoof jecha qabsoo haqaatti gufuu ta’u isaani cimsinee balaalefanna!
3. ABOn yeroo irraa gara yerootti miseensota isaa hidhamuun, wajjirri isaa jalaa cufamuu mootummaa Itophiyaatti iyyatus mootummaan filmaata malee aangoorra jiru kun rakkoolee kanneeniif furmaata dhowwatee hanga har’aatti dunuunfatee boollatti deemaa jira. Furmaata dhowwachuun mootummaa kanaa paartilee saba isaani birratti dhageettii fi jaalala qaban filannoon ala gochuuf karoorfachuu isaa agarsiisa. Kanaaf, kan barbaade ufitti maxxansee kaan immoo dhiibee keessaa baasuun isaa farra dimokrasii ta’uu isaa mirkaneessa. Murni fotoqxuun kuni mootummaa kanatti maxxanuun farra QBO ta’u isaanii fi tarkaanfii seera-dhablummaan fudhatan dura dhaabbannaa, ni faashalsinas!
4. ABOn waggaa darbe kana KS gaggeeffachuuf Gumii Sabaan murteessee koree kana irratti hojjetu filatee haala mijeefachaa osoo jiruu murni ergamaa fi karoora qaama biraa qaban kun seera dhaabaa cabsuun ariitiidhaan H/Dureen ABO fi miseensonni gameeyin bakka hin jirretti walgahii dhoksaan qopheesuun isaani seera dhablumaa dagaagsa jennee amanna. Seera dhablummaan akkasiis dhaaba saba tokko ijaaruu fi hundee dimookiraasii kan bilisummaatti geessu kan balleessu waan ta’eef tokkummaan dura dhaabbachuu akka qabnu murteessineerra!
5. Boordiin filannoo biyyattii, ABO maqaa H/D J/Dawud Ibsaatiin gaggeeffamuun isa biratti seeraan galmaayee otoo jiruu murna ABO keessaa bahee PPtti maxxanuun dhaaba keenya diiguuf shira shiraa jiraachuu osoo beekuu korri sabaa akka gaggeeffamu ABO beeksisee, qophiin KS danqaalee mootummaan uumeen gufatee osoo jiruu ‘Kora Sabaa’ murna bicuu seera dhabeeyii kanaan qophaa’e jedhamu irratti hirmaachuun isaa kan seera filannoo biyyoolessaa faallessu waan ta’eef jabeessinee mormina!
6. ABOn dhaaba bara dheeraa sabasaaf qabsaa’edha! Qabsoo kana irratis kaayyoof tarsiimoo dhaan masakamee hojjeta. Kanaan immoo jaalalaa fi amanamummaa saba isaa irraa argateera. Kuni ‘Paartii Bilxiginnaa’ wareersuun akkuma bara 1992 ABOn filannoo irratti akka hin hirmaanneef kutattee waan kaateef miseensota ABO hidhuu fi ajjeesuu irra tartee murna harcaatuu kana bixillachuushii akka faashalsinu ni mirkaneessina!
7. Dhuma irratti, murni kun dhuguma saba isaaniif ni yaadu yoo ta’e ummata Oromoo fi ABOtti diina ta’uu irraa akka of-qusatanii gara dhaaba isaanii duriitti deebi’uudhaan ijibbaata ABOn Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessaa Oromiyaa (MCBO) hundeessuuf taasisaa jiru akka deggeran gaafanna. Ta’uu baannaan diina QBO fi ummata Oromoo ta’uun seeraa fi seenaan kan itti gaafataman ta’uu hubachiifna !
IUOf!
Miseensota ABO Konyaa Washington DC, USA
Bitootessa 16, 2021