LAFEE OROMOO CACCABSITEE NYAATAA?*

                         Taammanaa Bitimaa irraa

Lafa, lafee Oromoo
Qaama sabaa kan qomoo
Biyyee, Biyya Oromoo
Dachee sabaa kan Qomoo
Maaf irra dannabsa
Maalumaaf caccabsa?

Lafatoo saamamee
Lafeetoo raamamee
Biyyeetu summeeffamee
Biyyatu guuyyeffamee
Anoo kanaafan iyyaa
Na dhagayi yaa biyya!

Jarri gaaraa dhufe
Kan roorroo itti-fufe
Warri abbaa qawwee
Nutti ta’e jawwee!

Nutti ta’ee jawwee
Hundumaa dhudha’aa
Nu duguuguuf hawwee
Hundumaa qusa’aa!

Inni sodaa Waaqaan beeku
Homaa safuu biyyaan eegu
Odaa-dha mummura
Awwaala gurgura
Aayyoo-dha garafa
Aabboo-dha wacafa
Kichuu keenyammoo soqola
Namummaa keenyas fonqola!

Lafa keenya irratti
Lafee teenya caccabsee
Biyyee teenya irratti
Saba keenya daddabsee
Gabroota nu godhatee
Olii-gad nu unkura
Awwaala akkilee-llee
Gabaa baasee gurgura!

Laftoo lafee teenyaa
Kan irratti dhalannu
Kan irratti awwaalamnu
Yaa WAAQ maalumaafi
Kan irratti waadamnu?

Innis ilmoo namaa
Nutis ilmoo namaa
Dacheerraa duguuguuf
Maaliif nutti gamaa?

Isas Waaqatoo uumee
Nuyis Waaqatoo uumee
Inni maaf nu gabroomfata
Ofii-saan of-shuumee?

Dirra Oromoo madeessitee dhaantaa?
Lafee Oromoo caccabsitee nyaattaa?
Lafa Oromoo qiqircattee saamtaa?
Handhuuraa saba-koo ol-harattee baattaa?
Xiqqaa-guddaa keenya garaftee waaddaa?
Uummmata-koo jiraa-saallee awwaaltaa?

Laggeen summeessitee
Gandeen bulleessitee
Dubbii bukeessitee
Garaa-kee kan bineensaa
Kan namaa fakkeessita
Sammuu-kee isa iyyeessa
Kan gamnaa fakkeessita!

Qawwee fi beelaan biyya keenya lixxee
Joollee fi manguddoo waaddachuun fixxee
Kunoo, amma awwaallan abbilee
Maarree, kaabbaawwan aayyilee
Gurgurachuun horoosaa raamta
Lafee namas caccabsitee nyaatta!

Coqorsa ciccirtee
Coqortuu diddirtee
Jaarsa gadamoojjii hiitee-woo garaftaa
Jaartii warra-moodii huutee-too wacaftaa!

Siiqqee caccabsita
Dhugaa daddabsita
Yeeyyiitti hirkattee
Lafee teenya caccabsatta
Alatti hiixattee
Lafa keenya gadabsatta!

Kunoo, Oromiyaa teenya
Gabaa addunyaa baaftee gurgurta
Ilaa, Oromoo fi Kuush keenya
Eeleerratti baaftee guggubda!

Mee-yaa uummata-koo
Uumee-too saba-koo
Hamma yoomiitti waadamaa jiraatta
Hanga hammamiitti dhaanamaa gixaanta?

Abboo silaa duuti hin ooluu
Maleekanillee kana achin qoluu
Akka abbootii keetii hidhaddhuu gadbayi
Akka haadhotii teetii siiqqedhaan olka’i
Yeeyyota alaa-manaa
Qaltuu sa’aa-namaa
Gubduu margaa-mukaa
Awwaaltuu namaa-dhugaa
Ka’iitii asii fi achi bittimsi
Darbaddhuutii ofirraa figgimsi!

Hayyee gaye, gaye
Ilaa gaye, gaye
Olka’ii tokkummaa-kee cimsi
Gadbayii diina-kee bittimsi
Walatayii gabrummaa dhidhimsi!

Akka lamuun deebineef
Dhidhimsii fageessi
Akkan bayyananneef
Irree-kee jabeessi
Jabeessii ofirraa qoladdhu
Cimsii mirga-keef loladdhu!

Olka’ii tokkummaa-kee cimsi
Gadbayii diina-kee bittimsi
Walatayii gabrummaa dhidhimsi
Eekaa, dhidhimsii fageessi
Dachee Abbaa Gadaarraa
Biyya warra odaarraa
Gabrummaa balleessi!

Awwaala gabrummaa-rratti
Kosii roorroo gubbaatti
Republika Gadaa tolchii hundeeffaddhu
Dhiigaa-lafee keenyaan bu’ur-jabeeffaddhu!

Barliin – 10. 05. 11

************    Hubachiisa Miiljalee    ************

* Walaloon kun mee miseensota qutee-bulaa Oromoo fi warra Gambeellaa, isaan qeyee fi gandeen ofii irraa buqqifamaniif mararfannoo fi biradhaabannoo haa tahu! Akkanuma uummata obbolaa keenyaa, Somaalota Ogaadeen warra gabroomfattoonni Habashaa rasaasaa fi beelaan fixaa jiraniif, mararfannoo fi biradhaabannoo haa tahu!

Revolt against subjugation has continued: Qeerroo pro-democracy movement stepped up in Nedjo, Wallaga province

(Qeerroo Report, Nedjo, August 04, 2011)

Qeerroo pro-democracy movement for freedom has spread out in Oromia; the Oromo youth in Nedjo Wallaga province stepped up the movement for freedom and democracy. On August 03, 2011, leaflets and other written documents, with a cite note recognising the life of Oromo which is deprived or swindled by the TPLF government become distributed and widespread in the city and rural areas of Nedjo. The document also makes reference about the escalated movement of Qeerroo National Youth Movement for Freedom and Democracy. The youth has organised themselves in groups and distributed the documents in all key areas, including hotels and government’s offices in the district.

The distributed documents have cited three main issues regarding the contemporary life tendencies in Oromia. These are: 1) taxation burden and the largest galloping inflation which is putting pressures on Oromo people, coerce pressure on poor Oromo farmers through unfair land use policy, the looting strategy of TPLF regime in Oromia, etc. 2) Issues about Oromo Liberation Front (OLF), 3) Issues about the objectives and strategies of Qeerroo National Youth Movement for Freedom and Democracy. Some of the main areas where all these documents posted and distributed include:

  1. Markets and different shops
  2. Yerosan Hotel
  3. Tirunesh Hotel
  4. Wakwayya Hotel
  5. L/Colonel Abdissa Aga School
  6. Private and Public Colleges
  7. Public bus station in the city
  8. Post Office
  9. Government Offices
  10. Commercial Bank
  11. Private residence areas

As a reason of the widespread post and distribution of these written documents, the TPLF militias, cadres and securities ruined the normal people’s activity by closing many public pedestrian paths as well as roads in the city. On top of that, the securities went to different hotels and private residences and caused instabilities. They chased out and arrested many Oromo youths, workers and farmers. The in and out movement to the city has also been destructed by the control of government securities. Intense control has been set out in order to check youths and other peoples coming in to the city.

Because of internet connection problem we couldn’t be able to upload pictures taken while securities chasing people and causing instabilities, and we took pictures also when the public gathered together and read the distributed and posted documents. We promise to upload them in the future.

The struggle shall continue and the oppressor will fall!

 

 

 

 

Fincilli Diddaa Gabrumaa Itti fufe, Wallaga Magaalli Najjoo Sochii Qeerroon Howwite.

Gabaasa Qeerroo Najjoo Hagayya 04,2011

Sochiin Qeerroo Bilisummaa itti fufuun Hagayya 03,bara 2011 godina Wallagaa magaalaa Najjoo keessatti barruuleen haala jireenya ummata keenyaa fi rakkoo muutummaan Wayyaanee ummata Oromoo irraan gahaa jiru gadi fageenyaan kan ibsu adda addaa fi Akeeka sochii qeerroo bilisummaa Oromoo kan ibsu heddumminaan faca’ee  oole.Dargaggootiin Oromoo magaala Najjoo bakkoota bebbeekamoo ta’anitti gartuun bobba’anii waraqaalee qabsoo Oromoo deggeru ummataaf raabsoo irra darbanii manneen hojii mootummaa fi hoteelota adda addaa jalatti maxxansanii jiraachuu qeerroon gabaasa.

Waraqaan Qeerroon faca’e kun bifa sadii kan if keessaa qabu yeroo tahu. 1ffaa  haala gibiraa fi qaalawiinsa jireenyaa ummata keenya irra gahee fi qoteebulaan Oromoo lafa isaa irra jiraachuu dhadhabuu,saamicha murni bichuu Wayyaanee Oromiyaa irraan gahaa jirtuu fi kkf if keessaa qabu, 2ffaa ibsoota ABO. 3ffaa, Sochii dargaggoota biyyoolessaa ykn Qeerroo kan ibsuu fi Akeeka qeerroo kan gahaatti ummataa barsiisu ture.

Barruulee kana qeerroon magaalaa fi baadiyyaa Najjoo walgahanii bakkoota dhaabatanii hiraa oolan fi bakkatti facaasan keessaa.

  1. Suuqiilee guguddaa magaalaa Najjoo keessa jiran cinaa
  2. Hoteela Yeroosan
  3. Hoteela Xurunesh
  4. Hoteela Waawayyaa
  5. Mana barumsaa Letenal Kolonel Abdiisaa Aagaa
  6. Kolleejjii Fayyilichaa aa
  7. Buufata Konkolaataa Magaalaa Najjoo

Yeroo tahu bakkoota kaan ammoo gidaara manneen adda addaa irratti maxxanfame keessaa

Mana jireenya bulchiinsa Wayyaanootaa boroo, Mana barumsaa K.Abdiisaa Aagaa,Suuqiilee lafa gabaa

Manneen jireenya dhuufnaa dhagaa irraa ijaaraman mara.,Mana Baakii Daldagaa fi Mana Poostaa

Yeroo tahu, sochii kanaa fi gochaan qeerroo kana kan dhageesse Wayyaaneen humna waraanaa fi poolisaa heddumminaan guurrachuun magaalaa Najjoo keessaa akka namuu hin baane karaa hunda irratti yoo sakata’a gochuun nama jeequun hanqatnaan manneen jireenyaa dhuunfaa fi hoteelota hunda seenuun sakata’aa bal’aa gaggeessaa turan, humna poolisoota magaalaa keessaa jiran kaaniin shakkii irraa kaasanii qormaata jala galchuu fi namoota bebbeekamoo Oromoo magaalichaa qabaa turan.

Dargaggoota magaalaa Najjoo fi namoota naannoo biraa hojiif magaalicha seenanii jiran hamma ammaatti qabanii akka qorataa jiranii fi sochii kanaafs humna poolicaa akka dabalanii jiran gabaasi qeerroo Najjoo irraa  ergame addeessa.

Suuraalee poolisooti Wayyaanee yeroo jeeqamanii ummata goolaa jiranii fi waraqaa Qeerroon facaasetti ummati gammadee yeroo ifitti maxxansee ungataa ture kan kaafne sababa internata argachuu hin dandeenyeef yeroo biratti akka erginu abdiin qabana jedha gabaasi qeerroo Najjoo.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!

 

 

Disappearance of Oromo university students in the summer break

Qeerroo Report, Finfinnee, August 3, 2011

The whereabouts of many Oromo students from the different universities, who have joined their families in the summer break, are unknown. The intensified pro-democracy Qeerroo National Youth Movement for Freedom and Democracy has caused massive frustration in the TPLF government. Since April 15, 2011, the TPLF government’s security has imprisoned, tortured, poisoned and gunned many Oromo university students. Others have fled from their home land because of the persevered interrogation and torment. The TPLF government has invested huge resources to enhance the interrogation techniques or set of alternatives to bring down the activism of pro-democracy Qeerroo university students. Here are some of the reported lists of Oromo university students whose their whereabouts are unknown:

  1. Gemechis Yoseph, from Adama University
  2. Abdissa Meshesha, from Adama University
  3. Obse Bekele,  from Adama University
  4. Solomon Indalu, from Adama University
  5. Kumessa, from Ambo University
  6. Moyi Oljirra, from Ambo University
  7. Tariku Murmur, from Haromaya University
  8. Kumsa, from Haromaya University
  9. Ibsa Gemeachu, from Haromaya University
  10. Getu Rabira, from Hawasa University
  11. Lalise Joba,  from Hawasa University
  12. Lemi Tasisa, from Teppi University
  13. Ahmed Mohammed, from Jima University
  14. Anuwar Jundi, from Jima University
  15. Lemi Garoma, from Jima University
  16. Akalu Kebede, from Jima University
  17. Damara Kajela, from Wallaga University
  18. Shitaye, from Wallaga University
  19. Melka, from Arbaminch University

The families of these students are appealing to the government to release the students from where they are trapped in. In many parts of Oromia, pro-democracy Qeerroo National Youth Movement for Freedom and Democracy has also urging the government to releases the students.

The struggle shall continue and the oppressor will fall!

 

Barattooti Oromoo University adda addaa yeroo boqonna Isaaniitti bakka bu’an wallalame.

Gabaasa Qeerroo Hagayya, 03,2011 Finfinnee

Barattoota Oromoo University adda addaa keessaa gara maatii isaaniittii yeroo boqonnaa gannaaf galan hanga ammaa bakka bu’an walaalame. Sochiin dargaggoota biyyoolessaa(Qeerroo) irraa soda guddaa kan qabu mootummaan Wayyaanee,erga baatii Ebla 15,2011 irraa eegalee barattoota Oromoo heddumminaan mana hidhaatti geessaa jira,kanneen kaan miidhaa rasaasaan rukutuu fi biyyaa arihuuu,kaaniin ammoo summii nyaachisee akka walalchisuun beekamaa dha. Tooftaa qabu hundaan barattota Oromoo qaroo tahan kan fixuu eegale mootummaan wayyaanee, dargaggoota Universitylee adda addaa irraa boqonnaa gannaaf maatii isaaniittii osoo galanii kan bakka bu’an walalame garii keessaa:-

  1. Gammachiis Yoseef.. University Adaamaa irraa
  2. Abdiisaa Meshesha University Adaamaa
  3. Obsee Bekele University Adaamaa
  4. Solomoon Indaaluu Adaamaa
  5. Kumeessaa University Amboo
  6. Moyii Oljirra University Amboo
  7. Tariku Murmur University Haromaya
  8. Kumsaa  University Haromaya
  9. Ibsa Gammachuu Haromaya
  10. Getu Rabbirraa University Hawaasaa
  11. Lalisee Joba University Hawaasa
  12. Lammii Taasisaa University Teeppii
  13. Ahimed Mohammed University Jimmaa
  14. Anuwaar Jundi University Jimmaa
  15. Lammii Gaaromaa University Jimmaa
  16. Akaluu Kebede University Jimmaa
  17. Dammaraa Qajeelaa University Wallaga
  18. Shitaayee University Wallagaa
  19. Malkaa University Arbamincii

Kanneen kun hanga har’aatti bakka bu’an hin beekamu. Maatii fi dargaggooti Oromoo kaan mootummaan Wayyaanee bakka barattooti kun jiran irraa akka daddaffiin gadhiisu naannoo naannoo isaanitti iyyachuu gabaasi qeerroo addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabaroomsaan ni kufa!

“Tokkichi Abbaa,tokkichi haadhaa–du’a hin sodaatu”

YouTube help center | e-mail options | report spam
:

I like this song! Impressive

You can reply to this comment by visiting the comments page.

By the way, did you know you can rent movies from YouTube? Check it out now: youtube.com/movies.

© 2011 YouTube, LLC
901 Cherry Ave, San Bruno, CA 94066

Barattooti Oromoo University Haromaya yeroo boqonnaa isaanii gannaa akka gara warra isaaniittii hin galleef hojiin humnaa itti kenname.

Qerroo Haromaya, Adoolessa 31,2011

Bulchiinsa University Haromaayaa keessaan kanneen hojjetan namni Profeser Balaay Kaasaa jedhamuu fi Dr,Balaayinee Laggasee jedhaman, yeroo amma kana tti barattoota Oromoo yeroo boqonnaa isaanii akka noonnoo dhaloota isaanii hin galletti heddumninaan mooraatti akka hafan taasisuun hojii humnaan adabaa akka jiran beekame.

Sababaa barattooti Oromoo addatti hojii humnaan adabaman yeroo gaafataman practical attachment waan jedhamu hojjettu waan taheef hamma hojiin kun dhumutti naannoo keessanitt galuu hin dandeessani, kanneen naannoo keessanii fi warra keessanitti galuuf jarjaraa jirtan ergama addaa ABO irraa waan qabdaniif galuu hin dandeessan kan jedhuun doorsisaan  barattoota doorsisaa akka jiran qeerroon gabaasa.

Ergamtoota mootummaa Wayyaannee kanneen tahanii namooti Dr,Balaaynee fi Professr Balaayi jedhamn kun yeroo irraa gara yerootti barattoota Oromoo waajjira isaaniittii yaamanii doorsisuu fi akeekachiisa kennaa akka jiran gabaasi qeerroo Haromaya ni addeessa. Yeroo ammaa kanatti barattooti yoo mooraa keessaa gadi lakkifamanuu naannoo deemanitti akka ummata hin ijaarree fi gaaffii mootummichatti akka hin kaafne bulchiinsa poolisa naannoo dhaloota isaaniittii akka galmaayan diinnia kennaa jiru.

Kana irratti dabalee barattooa Oromoo mooraa keessa jiran FDG ni kaasu soda jedhuun kan of hudhe mootummaan Wayyaanee,basaasota dhalootaan Abashaa tahanii afaan Oromoo beekan mooraa keessa fi lafa ciisicha barattootaatti ergee akka doorsisaa jiru qeerroon University Haromaayaa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!

Mekele University has continued implementing the long-term plan of educating Tigray youths in Afaan Oromoo

(Qeerroo Reports, Finfinnee, July 30, 2011)

With the opening of the Department of Afaan Oromoo at Mekele University, OPDO ‘the puppet of TPLF’ have been praising the Habesha as if they are helping to smooth the development of Afaan Oromoo. Apparently, the OPDO do not understand the unconcealed long term strategy of the Habesha once their ‘belly and pockets are overflowing.’ However, there will be no doubt that the OPDO will face the same fate that Dr Negaso Gidada has experienced while he was with them.

The central long term agenda of opening Department of Afaan Oromoo at Mekele University is to educate Tigray youths Afaan Oromo, so that they will work in Oromia region, and to assign them in OPDO organisation and in other ‘key’ offices. As top secret information coming out of TPLF government, currently 80% of Tigray born students graduated with Afaan Oromoo are working in Oromia region particularly in OPDO offices. This justifies the strategic plan why Mekele University has took firm stand on implementing  long-term plan to favour Tigray youths to study Afaan Oromoo.

When Meles Zenawi attended the celebration of the opening of the Department of Afaan Oromoo at Mekele University, Juneydin Saddo has been queried by Oromo students at Adama. Juneydin mentioned “the training of Tigray youth in Afaan Oromoo will help the development of Oromia and he said students who oppose government’s plan will be convicted.” As one of the higher officials of the puppet organisation, Juneydin with his colleagues are working towards the achievement of TPLF’s long term plan. The TPLF government are best known with their strategy of de-escalating Oromo elites by killing and putting them in prison; there are vast number of Qeerroo pro democracy Oromo students whose whereabouts are unknown. Currently, almost all business man and woman are the Habesha, Tigre and the Amhara. The Oromia region’s huge public and private resources are being sold out to the Tigray people. The Habesha people’s strategy has always been to weaken the Oromo youth and own all the resources of Oromia. Many Oromo people believed and thought the Qeerroo pro democracy Oromo youth should further intensify the struggle against the Habesha people’s strategy of owning Oromia.

Currently many OPDO members and Oromo workers in Oromia region have been accused of alleged corruption and made redundant of their jobs. This an alleged propaganda that TPLF government is implementing in order to favour Tigray youth who have trained in Afaan Oromoo to get job opportunities in Oromia region. The OPDO are still not taking any action to safeguard Oromo and Oromia. However, they OPDO themselves are also the victims of the TPLF long term agenda. Few months ago, 160 Oromo OPDO members and workers has been laid off and sustained in prison because of the reason of an alleged corruption and rent seeking accusations. As a result, about 200 Afaan Oromo trained Tigray youths have been appointed in many Oromia key positions. These key positions are in offices like Oromia Land Administration, Oromia Inland Revenue, Oromia Investment Commission, Oromia Education Bureau, etc.

The struggle shall continue and the oppressor will fall!

 

 

Universityn Tigraay Dargaggooti Dhalootaan Addatti Tigraay tahan Afaan Oromoon Akka Baratan Karoora Dhaabbataa Qabaachaa ture Itti Cimse.

Gabaasaa Qeerroo Finfinnee, Adoolessa 29,2011

Yeroo ammaaYuunivarsitii Maqaleetti Muummee (Department) Afaan Oromoo banametti  dabballoonni dhaabbata ergamee bulaa Waayyaanee (OPDO )akka waan habashootni Afaan Oromoo guddisuu fi aantummaa Oromoof godhaniitti faarsaa turuun isaanii beekamaadha. OPDOn waan garaa isaaniif ta’u argannaan ija ittiin haxxummaa waayyaanee argan hin qabani. Akka Dr.Nagaasoo Gidaadaa erga isaan waan garaa isaanii irraan isa gahinii booda booda arguu akka dandayan beekamaa dha. Department afaan Oromoo University Maqaleetti  kan baname kallattiin ilmaam Tigraay tahan afaan Oromoon leenjisee bakkoota hojii jajjaboo Oromiyaa keessaa fi gaafatama caasaalee OPDO hunda qabaatanii akka hojjetan taasisuuf ifatti akka saganteeffame beekamu. Ammaan dura absahoota afaan Oromoon leenjifamanii caasaa OPDO keessatti ramadaman 80% akka tahan gaabsi gola Wayyaanee ni addeessa ture. Yeroo ammaa kanas caalaatti dargaggoota Tigraay afaan Oromoon leenjisuun akeeka bittaa alagaa ittiin mirkaneessuuf tahuu ni beeksisa.

Ammaan duraMallas Zeenaawwii Muummee(Department)Afaan Oromoo yeroo deemee Yuunivarsitii Maqalee keessatti akka banamu eebbisetti,Hoganoota OPDO keessaa Juneid Saddoo Adaamaatti barattootaan dhimma kana irratti gaafatamnaan,”Dargaggoonni Tigraay afaan Oromoo barachuun guddina Oromomiyaaf gargaara,namni kana morme ammoo akka goolessituutti yakkama ykn ilaama” jedhee barattoota Oromoo doorsisaa ture. Jundein waan sagantaa TPLF yeroo dheeraaf Oromoo fi Oromiyaa irratti qaban bakka gahuuf siidaa tahe waan taheef kana jechuu ni dandaya,ammoo akeeki Wayyaanee beektotaa fi barattoota Oromoo tahan qeerroolee biyyaa arihaa kaaniin hidhaatti galchaa kaaniin ammoo bakka bu’an wallalchisaa duula Oromoo fi Oromiyaa balleessuu irra akka jiran beekamu. Abbootiin Qabeenya Oromiyaa keessaa yeroo har’aa Abashootaa fi Tigroota taha jiru,qabeenyi mootummaa Tigroota itti gurguramee abbootii Qabeenya Oromiyaa keessaa taha jiru,jarri kun ilmaan isaanii afaan Oromoo barsiifataa bittaa fi dhuunfata qabeenyaan Oromiyaatti duulaa waan jiraniif dargaggoonnii fi ummanni Oromoo yeroo mara kana irratti akka qabsaayee hojjetu barbaachisaa tahuu namoonni baayyee ni dubbatu.

Hogganoonni OPDO fi dabballooti isaanii yeroo ammaatti sababoota adda addaan malaamaltummaa fi gunaa nyaattan jechuun hojii irraa arihamaa jiru,bakka isaaniis kan bu’ee Oromiyaaf ramadamu dhalootaan Abashoota afaan Oromoo baratan tahuun beekamaa dha.Warri OPDO kana ifii isaanii irratti dammaquuf amma illee yeroo irraa fudhataa akka jiru taajjabdooti Oromoo ni ibsu.

Yeroo ammaa akka fakkeenyaatti wajjiraalee  Oromiyaa irraa hoogantoota OPDO nama 160 ol ta’an maqaa malaammaltummaa fi kiraayi sassaabdummaatiin(rent seeking) kaan hojii irraa ari’uun, kaan mana hidhaa galchuun, kaan muudama irraa kaasuun hojjetaa gadi aanaa gochuun, kaan gara godinaa, aanaa fi gandaatti gadi buusuunii fi kan kana fakkatu gochuun bakka isaanii Tigiroota haala olitti caqasameen Yunaivarsitii maqaleetti Afaan Oromoo leenji’anii qophaa’an kan gara nama 200 ol ta’an waajjjiraalee  magaalaawwan gurguddoo fi bulchiinsota addaa kan akka Godina addaa Oromiyaa naannoo Finfinnee irra muudama Olaanaa fi miindaa gurguddaadhaan irra naquun isaa beekamaadha. Keessumaa bakki Tigirooti haala kanaan Afaan leenji’anii irra kaa’aman immoo waajjiraalee bakka furtuu ta’an kan akka Biiroo Bulchiinsa Lafaa, Biroo Galiiwwanii,Waajjira  Ministeera Dhimma Alaa, Barnoota, Invastmantii, kkf dha.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!

Wayyane-Ethiopian Government has handed 20 Oromo civilians to the Federal Court accusing them of fabricated charges in the alleged reason of “speaking for Oromummaa and Oromia is a crime”

(Qeerroo Reports, Finfinnee, July 28th 2011)

Wayyane-Ethiopian government has handed 20 Oromo civilians to the government federal court in alleged charges. These civilians were accused of an alleged suspicious with OLF membership and the reason of “conspiracy to combat against EPRDF Ethiopia’s government.” The wayyane-Ethiopian government prosecutor opened court file (No 555/03) under the name of Getinet Gemechu.  These accusations are based on the ‘anti-terrorist law’ under number 329(1) A, 38(1) and 24 which was created and fashioned by the TPLF government to accuse and lay blame on opposition parties like Oromo Liberation Front. The news regarding this court hearing was broadcasted on July 22nd 2011 on ‘Bariisaa’ news letter and other private gazettes.

The alleged verdicts opened on these civilians were the following:

1st – Membership with anti-government political organisations, Oromo Liberation Front

2nd – Organising and mobilising members under the OLF

3rd – Information exchange with the OLF

4th – Supporting OLF with material and financial matters

5th – Collaborating with the OLF who has an “objective to threat the wayyane-Ethiopian government.”

The civilians presented their defensive statements to the court through their solicitor. However, the prosecutor alleged the statement was wrong and bucked up the judge to hand sentence on these civilians. The Ethiopian government prosecutor labelled this alleged accusation as “high level crime.”

Listening to both parties on July 22nd 2011, the judge at the federal court has agreed to take appointment for further investigation. Off the hearing of the day, one of the civilians has been released from prison by free pardon on November 6, 2008. Hence, the judge understood this individual will not be accused twice on the same charges he was accused for. The judge believed and decided all the documents related to the free pardon of this individual’s case must be presented to the court on the next appointment. The other individual has also been released free from prison previously by the Oromia Supreme Court. As the judgment by Oromia Supreme Court was made by Oromo language, the judge believed and decided the documents of his decision by Oromia Supreme Court must be translated to Amharic and presented to the court on the next appointment. The judge has scheduled the next appointment on August 4th 2011.

In addition, in many remote Oromia places where we couldn’t reach for the reports, there are vast number of Oromo farmers, workers and youths being taken to prison by TPLF securities. The activists of Qeerroo pro-democracy Oromo youths, farmers and workers intensified in all Oromia places. This intensified movement has distraught the wayyane-Ethiopian government.

The struggle shall continue! The oppressor will fall!