Qerroo Haromaya, Adoolessa 31,2011
Bulchiinsa University Haromaayaa keessaan kanneen hojjetan namni Profeser Balaay Kaasaa jedhamuu fi Dr,Balaayinee Laggasee jedhaman, yeroo amma kana tti barattoota Oromoo yeroo boqonnaa isaanii akka noonnoo dhaloota isaanii hin galletti heddumninaan mooraatti akka hafan taasisuun hojii humnaan adabaa akka jiran beekame.
Sababaa barattooti Oromoo addatti hojii humnaan adabaman yeroo gaafataman practical attachment waan jedhamu hojjettu waan taheef hamma hojiin kun dhumutti naannoo keessanitt galuu hin dandeessani, kanneen naannoo keessanii fi warra keessanitti galuuf jarjaraa jirtan ergama addaa ABO irraa waan qabdaniif galuu hin dandeessan kan jedhuun doorsisaan barattoota doorsisaa akka jiran qeerroon gabaasa.
Ergamtoota mootummaa Wayyaannee kanneen tahanii namooti Dr,Balaaynee fi Professr Balaayi jedhamn kun yeroo irraa gara yerootti barattoota Oromoo waajjira isaaniittii yaamanii doorsisuu fi akeekachiisa kennaa akka jiran gabaasi qeerroo Haromaya ni addeessa. Yeroo ammaa kanatti barattooti yoo mooraa keessaa gadi lakkifamanuu naannoo deemanitti akka ummata hin ijaarree fi gaaffii mootummichatti akka hin kaafne bulchiinsa poolisa naannoo dhaloota isaaniittii akka galmaayan diinnia kennaa jiru.
Kana irratti dabalee barattooa Oromoo mooraa keessa jiran FDG ni kaasu soda jedhuun kan of hudhe mootummaan Wayyaanee,basaasota dhalootaan Abashaa tahanii afaan Oromoo beekan mooraa keessa fi lafa ciisicha barattootaatti ergee akka doorsisaa jiru qeerroon University Haromaayaa gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!