Oromo students in Maikelawi and Kaliti prison refused to inquire pardon

Qeerroo Report, Finfinnee, August 19, 2011

The overcrowding hits record level in the different prison centres in Oromia. Since April 2011, Ethiopian TPLF government have sustained a vast number of Oromo students and youth in prison and the whereabouts of many students have been undisclosed. The families of these students have been worried about the health status and the whereabouts of their children.

The intensified national pro-democracy movement by Oromo university students have put the TPLF government in a frightful situation. It was because of this fact the government allegedly accused these students and sustained them in prison. In this month, the government arranged systematic propaganda for the imprisoned students in Maikelawi and Kaliti to apologise on national TV and Radio. The government proposed a statement which states the movement by the students is “anti-democracy and the students should apologise the public for taking part in it.” However, the students refused to inquire pardon.

The Oromo students in Maikelawi and Kaliti insisted that the movement is a pro-democracy national movement, not anti-democracy. They told the government they rather prefer to be tortured in the prison than inquiring pardon. The students believed that even if they released on pardon, the problem of the Oromos will stay unresolved.

The systematic release of prisoners in pardon is not a new fashion; even it has been practiced by Derg regime. In 1980, the Derg government urged Abiyu Galata, Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir, Zagaye Asfaw, current OLF Chairman Dawud Ibsa etc to apologise and inquire pardon. However, these pro-democracy nationalists have declined the government’s proposal and insisted on their movement against the tyrant. As the same process, the refusal of TPLF government’s proposal of in inquiring pardon by the Oromo youth has pleased other Oromo students and youths who are advancing the Qeerroo pro-democracy movement.

The struggle shall continue and the oppressor will fall!

Gaaffiin Mirgaa Ummanni Oromoo Kaasee Gurgurree Dhiifama Hin Gaafannu!! jedhu,Barattoonni Oromoo Mana Hidhaa Ma’ikelaawwii fi Qaallittii jiran.

Gabaasa Qeerroo, Finfinnee,Hagayya 18,2011

Addatti bara kana Ebala 14,2011 irraa eegalee mootummaan Wayyeenee barattoota Oromoo fi dargaggoota Oromoo Oromiyaa guutuu keessaa adamsee hidhaatti guuraa kaan ammoo bakka buuteen isaanii wallalamee hanga ammaa maatiin gadda keessa jiru, manneen Hidhaa godinaalee Oromiyaa hunda keessa jiran Oromoota hidhamaniin akka guutee jiru ifa gala dha.

Barattoota Oromoo University adda addaa keessaa sochii dargaggoota biyyoolessaa ( Qeerroo) jalatti wal gurmeessanii sochii gochaan turuun isaanii ni beekama,sochiin kana dura kan dhaabbate mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo yakkoota hin jirreen yakkee mooraa mana barnoota fi naannoo jireenya isaanii irraa qabuun Hidhee jira.

Kanneen  haala addaan mooraa Hidhaa Ma’ikalawii fi Qaallittii keessatti hidhamaniin baatii Hagayyaa kana keessa akka isaan waan hojjetanii fi gaaffii mirgaa Qeerroon kaaste hundi dogoggora akka tahee fi gochaan kanaafis ammoo TV fi Radiotti bahaatii dhiifama mootummaa Wayyaanee akka gaafatan san booda mootummaan bilisa jedhee isin  gadhiisa jechuun barattoota  goyyomsaa akka jirtu qeerroon gabaasa.

Barattooti Oromoo Moraalee Ma’ikalaawwii fi Qaallittii keessa jiran 300 ol tahan kun mootummaa gaaffiin nuti gaafanne gaaffii haqaati,mirga ummata keenyaa fi biyya keenyaa gaafachuun yakka jedhamee kan ilaalamu yoo tahe dhiifama gaafachuu manna kaayyoo keenyaan wareegamuu irra filanna jechuun qondaalota tikaa Wayyaanee qaannessan. Nuti dargaggoonni Oromoo yoo hiikamnes rakkoon ummata keenyaa hamma Wayyaaneen jiru hiikkachuuf hin deemu,kanaaf manni Hidhaa keessii fi alli isaa hundi Hidhaa dha wal hin caalu jedhaniiru.

Tooftaan Habashootaa dhiifama gaafadha isin baafna jedhamu kun haaraa osoo hin taane ammaan duras bara 1980 keessa qabsaawota Oromoo kanneen  akka  Jaallan Abiyyuu Galataa, Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir, Zagayyee Asfaawu, Hayyaduree ABO har’aa  Jaal Daawud Ibsaafaa fi kkf Mootummaan Dargii dhiifama gaafadha bahaa jedhee isaan garuu kaayyoo isaaniittii xichaanii  dargii dhiifama gaafachuu irra kaayyoo bilisummaaf wareegamuu filanna jedhanii  Darguu didanii akka turan beekamaa dha. Dargaggoonni (Qeerroon Bilisummaa) Oromoos yeroo ammaa kanatti gootummaa fi jabina kaayyoo bilisummaaf qaban muldhisuuf jecha Wayyaanee dhifama gaafachuun mirga Oromoo gurguruu dha jechanii of irraa deebisuun dhaloota Oromoo kan boonsu dha.

Qabsoon Itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!

Magaalaa Baddallee keessatti Dargaggooti Oromoo 200 tahan Walgahii Wayyaanotaa Dura Dhaabbatan.

Gabasaa Qeerroo Magaala Baddallee irraa,Hagayya 16,2011

Wayyaaneen TPLF qondaalota ergamee bulaa(OPDO) dabalatanii Magaalaa Beddellee keessatti Barattootaa fi kanneen barnoota xumuratanii eebbifamaniif  Jimaata darbee walgahii guyyaa 10f deemu gochuuf jecha saganteefachuun jalqabanii turan,walgahiin kun barataa kan tahee naannoo isaa jiru hundi  diraqamaan argamuu qaba jechuun yeroo himamu kanneen kana irraa hafanis humnaan walitti qabamuuf jiru jechuun olola facaasaa turan, Walgahiin qondaaloti Wayyaanee yaaman kunis sababaan isaa yeroo himamu , barattooti Oromoo yeroo gannaa warra isaaniittii galan imaammata addatti barattoota Oromoof irratti dhihoo Wayyaaneen bahe “hojii tola ooltummaa’ jedhamu hojjechiisuun cinatti attamittiin sochii ABO dhaabuu dandeenya? Kana malees sochiin Qeerroo ykn dargaggoota Oromoo ummata keessaa akkamitti dhaabuu dandeenya, jedhanii mari’achiisuu ture.

Walgahiin kun Hagayya 12,2011 magaala Baddelleetti haajalqabu iyyuu malee goototi dargaggoonni Oromoo 200 ol kanneen tahan walgahii kana seenuu didanii dura dhaabbannaa gaggeessaa akka jiran Qeerroon Baddallee irraa gabaasa.

Walgahii kana irratti yeroof kanneen irratti hirmaatan warra hoji argachuu fi faayidaa garaagaraa ittiin argachuuf miseensa ergamee bulaa(OPDO) ta’an qofti akka hirmaatan qeerroo sochicha hordofu gabaasee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Wallagga Anaa Jaarsootti Alaabaan Oromoo Guyyaa Sadiif Balali’e.

Gabaasa Qeerroo Jaarsoo Irraa,Hagayya 15,2011

Gabaasi Qeerroo Wallagga lixaa aanaa Jaarsoo irraa akka gabaasetti,sochiin dargaggooti Oromoo godhan itti fufuun, Aanaa jaarsoo keessatti Hagayya 12,13,14, bara 2011 walitti aansuun alaabaan Oromoo waajjira bulchiinsaa aanaa Jaarsoo fi gandoota lama keessatti fannifamuun bala’iaa akka oolee fi ummata naannoo Jaarsoo biratti gammachuu ifa bilisummaa akka arganiitti laalamaa akka ture qeerroon gabaasa.

Alaabaan ABO ykn alaabaan Oromoo kun baruma kana keessaa yeroo lammaffaaf aanaa Jaarsootti kan fannifame yeroo tahu Caamsaa 28,2011  aanaa Jaarsoo keessatti alabaa gabroomfataa buusuun kan Oromoo fannisuun ni yaadatama.

Sochii dargaggootaa fi balali’uu alaabaa kanaan kan rifatan ergamtooti Wayyaanee fi qondaaloti dhalootaan Tigree tahan ummata nagaa jeeqaa fi goolaa akka jiran qeerroon Jaarso irraa gabaasa.Hanga ammaatti namni hamma hidhame gabaasi qeerroo waan hin kaafneef gabaasa itti aanu keessatti dhihaata.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Fincilla Diddaa Gabrummaa Dargaggooti Oromoo Kaasaniin Qondaaloti Wayyaanee Jeeqaman.

Gabaasa Qeerroo Najjoo, Adoolessa,13,2011

Sochii dargaggooti biyyoolessaa( Qeerroo)n godhaa jiranii fi dhiheenyattis Wallaga magaalaa Najjoo keessatti sochiin qeerroon taasisan ummata Oromoo biratti deggersa guddaa argatee jira,sochiilee magaala Najjoo fi naannoo sanatti gaafa Hagayya 03,2011 taasisan mootummaa Wayyaanee biratti rifaatuu fi baaraga guddaa fidee akka jiru gabaasi qeerroo naannoo sanii mirkaneessa.

Sochii kanatti kan rifatte Wayyaaneen,qondaalota waraanaa fi bulchiinsa godina Wallaga Dhihaa fi kanneen Finifnnee irraa ergaman qondaalota Wayyaanee dabalachuun magaalaa Najjoo keessatti Hagayya 13,2011 irraa kaasanii hamma Hagayya 15,2011 itti barattoota Oromoo kanneen University fi College adda addaa irraa boqonnaa gannaa naannoo isaaniittii galanii jiraniif walgahii qorannaa gaggeessaa jirti. Walgahii qorannaa kana irratti barattoota gandoota 9 keessaa guyyaa gaafa hagayya 13,2011 walitti qabuun isin shakkamtootaa fi gaaffii ABO faa kaaftanii warra mootummaa gaafattan waan tataniif qorannoon yoo isin irratti taasifames akeeka keessan isin jijjirsisuun dhagaa irratti bishaan naquu waliin wal hin caalu  kan jedhuun barattoota hedduu itti dhadhatanii jiru. Kaan ammoo naannoo aanaa Najjoo keessatti isin arguu hin feenu daddaffiin naannoo kana gadhiisaa jechuun bakka sanii  sanii arihanii jiru.

Barattooti kanneen hafan dirqamanii walgahii kana irratti argamanis gaaffiilee mirgoota Oromoo kanneen  akeeka Qeerroo irra jiran gara garaa qoondaalota Wayyaaneef dhiheessanii deebiin argame isin goolessituu dha,gaaffiin mirgaa fi abbaa biyyummaa kan jedhu yeroo ammaatti gaaffii goolesituu dha yaada jedhuun barattootaaf deebisanii, qaaffiilee kaaniifis deebii deebisuu hanqachuu isaanii qeerroon magaalaa Najjoo irraa gabaasa.

Gama kaaniin nagaadotaa fi hojjettoota magaalaa Najjoo sochii Qeerroo duubaan jirtu jechuun tokko tokkoon doorsisaa jiraatan iyyuu ummati Oromoo naannoo sanii gaaffiin waraqaan qeerroon facaase sun kaasu waan sirrii fi dhugaa taheef deebii gahaa akka mootummaan itti kennuu qabu ifatti qondaalota Wayyaaneef himanii akka jiran qeerroon Najjoo irraa gabaasa.

Walgahii guyyaa lameen hafan itti aanu ilaachisee gabaasi fuula dura dhihaata.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

The Oromo people are affected by the irremediable calamity of poisons from weapons factory

Qeerroo Report, Ambo, August 12, 2011

The TPLF government’s weapons factory at Gudar (West Shewa Province) has caused irremediable calamity to the local communities. The poison released from the weapons factory which produces different military machineries has been causing huge externalities on the agricultural land use and the underground water in the area. The poisons have also grave consequences for the public and livestock health, and other natural resources. Currently, the health condition of many local communities in Gudar is in a dangerous situation. Hence, the livestock production in the area is highly hit by the environmental damage caused by the factory.

More to the point, whilst Tigray farmers are being supplied with the fertile soils from Oromia, the Oromo farmers are struck deliberately by the grave consequences of government’s unproductive weapons factory.  TPLF owned large trucks have been supplying the fertile soils of Oromia to Tigray region. In comparison with Tigray famer’s who undertake mechanised farming; the Oromos are still farming with the backward mechanism. On top of that, many Oromo farmers have been displaced from their own lands and their lands were rented out to foreign investors for an exclusively very long term.

As Qeerroo reported from Oromia, Tigray investors are being given fertile and productive lands in many big cities of Oromia. The TPLF government is grabbing agricultural lands and distributing for close relatives of Meles Zenawi and Azeb Mesfin. They hanged TPLF’s flag in each city where they seized land, such as Burayu, Holeta, Ginchi and Ambo. Those Oromo people who have expressed opposition against the hanged flag of TPLF have been arrested and tortured.

Many agricultural lands located between Ambo and Finfinnee (the capital) have also been covered by huge agricultural tents which are owned by different foreign countries. Many of the adverts on the tents were written with Arabic and Chinese. There is no vivid evidence where the misplaced unfortunate Oromo farmers have resettled after forced to leave their own lands. There is no extensive research regarding the land seizure and who owns them.  However, different reports show that Indian, Arabian and Chinese investors are among the foreigners who owned the land.

The struggle shall continue and the oppressor will fall!

Shamarran Oromoo Kanneen University Haromaya dhaa Baratan Lama Waraana TPLFn Samaman

Gabaasa Qeerroo Haromaya, Hagayya 11,2011

Hagayya 10 bara 2011  galgala barattooti shamarran barattoota Oromoo University Haromaaya tahan barnoota yeroo gannaa xumuranii gara maatii isaaniittii galuuf osoo imala( bobbaa) irra jiranii keellaa Awaash jedhamee yaamamu irratti  konkolaataa irraa buufamanii meeshaa isaan qaban marti erga sakatta’ameen booda qabeenyi barattoota kanaa kan akka uffataa fi kitaabota akkasumas dhaammata barattooti mooratti hafan maatii isaaniif ergan marti irraa erga samamee booda yeroo dheeraa naannoo keellaa Awaashitti turfamanii badiin tokkoon malee Qabeenya hunda irraa fuudhuun akeekachiisaa fi dorsisan gadi lakkifaman.

Shammarreen qeerroo samaman kun:-

  1. Barattuu Arfaasee  department information Science kan barattu
  2. Barattuu Galaalee  information Science kanneen baratan dha.

Keellaa jedhame kana irratti waraanni Wayyaane fi ergamtooti isaanii guyyaa irraa guyyaatti dargaggoota Oromoo qabuun miseensa Qeerroo Bilisummaati isin jedhanii doorsisaa fi arrabsoon dhaloota Oromoo dachii isaa irratti  doorsisaa akka turan gabaasi qeerroo Haromaya ni gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Summiin Warshaan Meeshaa Waraanaa Oumishu Keessaa Dhangala’u Ummata Oromoo irratti Miidhaa Guddaa Geessise

Gabaasa Qeerroo Amboo,Adoolessa 10,2011

Mootummaan Waayyaanee Godina Shammaa Lixaa Magaalaa Gudar Cina Gara gadiitti Warshaa Duka’aa Waraanaa kanneen akka Fanjii,Boombii,Rasaasaa fi kkf oomishuun cinatti, asiidii fi summiin warshaa kana keessaa bahu lafa Oromoo naannoo Magaala Gudaritti argamu barabaraan akka hojiitti hin galle gochuun cinatti fayyaa uummataa fi beelladdan irratti balaa geessisuu irratti akka argamuu fi ummanni naannoo sanii rakkoo kana irraan kan ka’e dhibee ciccimaaf gaga’amaa akka jiru Qeerroon gabaasa. Beeladi ammaan dura naannoo sanatti horsiifaman har’a qotee bulaan beeladi hafneen ifiifuu lafa kana irra jiraachuu dhadhabee daran gaaga’amaa akka jiru gabaasi naannoo snaii ni addeessa

Gama kaaniin yeroo ammaa qoteebulaan Tigiraayi Biyyoo Coomaa Oromiyaa keessaa guuree ittiin biyya isaa misoomsuun yeroo inni konkolaataa qotiisaa Tiraakteeraan qotaa jirutti,Qoteebulaan Oromoo baroota dhufaa darbaan aadaa harkaan qotuu fi isa durii qotiyyoo fi gasoodhaan qotee rakkatee jiraachuu irraa iyyuu ‘ati ABO dha ‘jedhamuun qabamee hidhamuu fi ajjeefamuun lafa akaakiliin itti darbee qotatee irra jiraate irraa fuudhamee inversterootatti gurguramee akka kadhataa tahee jiraate taasifamaa jira. Biyyoo dachii Oromiyaa coomaa fi bibilootni biyyoo coomaa kana duukaa dhaqanii guddachuu danda’an Konkolaataa Mootummaa Waayyaaneetiin guuramuudhaan Naannoo Tigiraayi keessatti tuulamuudhaan Cooma lafa Oromiyaatiin Tigiraayi misoomaa jira.

Gabaasi qeerroo karaa biraa akka ibsutti, Magaalota gurguddoo Oromiyaa keessaa Lammiin Tigiree qubachiifamaa jiru.Lafi kan mootummaati ‘’jechuun uummata Oromoo irraa buqqisuun Tigiroota keessaa iyyuu firota Mallasii fi firoota haadha manaa mallas Firoota Azeb Masfiniin Oromiyaa keessaa iddoo baayyee barbaachisaa ta’e kennuu irratti argamu.Kana immoo dirqisiisuudhaaf Alaabaa Tigiraayiin Naannoo Oromiyaa keessatti fannisuu irratti argamu.Fakkeenyaaf Alaan TPLF magaalaa Oromiyaa kanneen akka Buraayyuu,Holataa,Gincii,Amboo fi kkf keessatti fannifamee jira. Namoonni fannifamuu alaabaa kanaa mormanis akka yakkamaatti ilaaluun hidhaatti darbaman akka jiran qeerroon gabaasa.

Yeroo ammaa magaalaa Ambootii bahanii Asgorii erga darbanii booda hanga Magaalaa Hoolotaattia handaara  karaatti lafa Oromoo irratti dunkaanota kaampaanii alaan uwwisaanii jira,kaampaannonni kun kanneen lafa san bitanii barruulee afaan Arabaa fi afaan Chaina n irratti barreessanii argama. Ummanni qotataan naannoo kana ture lafa san dirqiin gadhiisee naannoo itti godaane hin beekamu. Dureeyyiin lafi kun itti gurgurame kan biyyoota dureeyyii garaagaraa yoo ta’u hunda beekuun yoo qorannoon tooftaadhaan geggeeffame malee rakkisaadha.Dureeyyii kanneen keessaa kan beekamoo ta’anii kan akka Hindii,Chaayinaa fi Araba kkf caqasuun nii dandaa’ama.

Qabsoon Itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

 

Ethiopia Aid Exposed

Malnourished boy in Southern Ethiopia-Flickr/Flicrarce

Perched in the arid south east of the country, the Southern Nations, Nationalities, and People’s Region (SNNPR) is an area notorious for its precarious harvest.

Green famine
Although the rains have now come, the lush green fields belie a terrible hunger. The rains came late and the crops are not yet ready to harvest.

The region is heavily dependent on foreign aid, but according to many of the people the Bureau spoke to, aid is not getting through.

In a remote village we came across a widow who has seven children ,who told us that begging is the family’s sole means of survival.

‘The situation is desperate. If the family cannot do their business [begging] we would have nothing.  It all depends what the children get. Apart from the grace of god we are living. There is nothing we can do. We have been abandoned. It is a matter of chance if we live or die.’

Bilisummaa, Walabummaa fi Dimokiraasiin ni mo’ata!

Yaamicha Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa.

Warraaqsi Itoophiyaa keessatti mandi’uuf jiru fakkii warraqsota biyyoota Kaaba Afrikaa, kan akka Tunisia, Egypt fi biyyoota Giddu-galeessa Bahaa ti. Sochiin ummataa godinaa kanneen keessatti eegalame ergaa seena-qabeessa tahe addunyaa hubachiise. Haalli keessa jirru yeroo itti dimokirasii fi sagaleen ummataa bulchiinsa abbaa irrootaa fi sirna cunqursaa siyaasaa isaan gaggeessan irratti ol-aantummaa argate tahuu mirkaneesse. Haa tahu malee hundeen dhibdee sochii warraaqsa nuti gaggeessinu fi wareegamni nu gaafatu warren kan irraa addummaa qabaata.

Nuti bartootni Oromoo fi bartootni saboota miidhaa bittaa jala jirruu ummata Itoophiyaas tahe hawaasa addunyaatti quca warraaqsaa qabsiisuu keenya kunoo ifatti labsineerra. Seenaa wareegama bartoota Oromoo dhiheenya taasisameef   bakka guddaa kennaa nutis wareegama bilisummaa baasuuf murteessanne. Bara baraan gabrummaa keessa jiraachuu irra bilisummaaf utuu falmannuu, wareegama seena-qabeessa taheef kufuu filanne. Ummatootni Ittophiyaa keessaas yaamicha keenya dhagahanii, miidhaa, cunqursaa fi gabrummaa of irraa dhabamsiisanii, bilisummaa, walabummaa fi sirna dimokiraasii haqaa dhugoomsatanii biyya isaanii keessa kabajaan jiraachuuf  goca bilisummaa bakka hundatti akka qabsisanii qalbii fi onnee guutuun akka nu waliin hiriiran guddisnee abdanna.

Waan taheef:

1fa- Bulchiisni Adda Bilisummaa Ummata Tigray ykn Adda Dimokirasii Warraaqsa Ummatoota Itophiyaa ofiin jedhu:

Mootummaa gosummaa irratti of ijaare, kan caasaa jaarmayaa Stalinistummaan masakamu, kan bu’ura siyaas-hawaasummaa fakkaattii tarkaanfachiisu waan taheef;

Sirni Federalummaa gartuun kun ittiin of fakkeessus sirna shiraan guutame, tokkummaa ummataa addaan diigee, qoqqoodee ittiin bituuf saganteessate waan taheef;

Mootummaan kun sabootaa fi sab-lammoota kanneen akka Oromoo, Ogaaden, Sidaamaa fi Ummatoota Kibba biyyattii akka diina innikkaatti ilaalee itti duulaa hanga har’aa waan gaheef;

Kanaaf, mootummichi dhugaa ummata biyyattii keessaa  ukkaamsuuf jecha duula humna waraanaa waggaa 20f Oromia, Ogaden fi naannoo adda addaatti  itti jiru, tarkaanfii waraanumaa fi lolaa, biyyattii keessaa saboota bittaa cunqursaa jalatti barootaaf kufanii jiran irraan geessisaa jiru  akka irraa dhaabu jedhna. 

  2fa- Mallas Zenawi baroota bulchiinsa isaa, waggaa 20 guutuu, miidhaa fi cunqursaa hamtuu ummatoota biyyattii irraan geessiseen aangoo isaa jabeessataa waan deemaa jiruuf;

Bulchiisni Mallas Zenawi kunis dhiitama mirga namoomaa hammaate, kan ummata nagaa haala lammii biyyaa irra gahuu hin malleen dararkeessuu (harassment), lafa irraa buqqisuu, dararuu, guuranii hidhuu fi ajjechaa raawwataa waan yoona gahee jiruuf;

Ummatni nagaan kumaatamaan manneen hidhaatti guuraman, badii takka malee manneen hidhaa keessatti hanga har’aa dhiphachaa waan jiraniif;

Kanaaf:

Hidhamtootni siyaasaa hundi haal-duree tokko malee daddaffiin akka hiikaman;

Manni hidhaa Qorannaa Giddu-Galeessaa ykn ‘Maikelawi’  jedhamu kan lubbuun dhala namaa keessatti gatii dhabsiisame, kan dhala  namaa keessatti dararuu, reebichaan qaamaa hir’isuu,  akka beeyiladaatti keessatti gorrawuuf  itti yaadamee ijaarame, akkasittis hanga har’aa lubbuu lammii biyyaa kumaatamaan keessatti galaafatamee fi galaafatamaas jiru haa cufamuu, giddu-galeessi diina lubbuu dhala namaa tahe kun daddaffiin haa diigamu jedhna.

3fa. Abbootiin taayitaa mootummaa Mallas Zenawii yeroo itti saamicha dinagdee gaggeessaniin soorumaa fi badhaadhina ofii akka guddina dinagdee biyyattiitti himataa jiran, ummatni Itoophiyaa keessaa garuu oolee buluuf iyyuu  jireenya guyya guyyaa of dadhabaa waan jiruuf;

Imaammata dinagdee dogoggoraa fi gowwoomsaa mootummichi gaggeessuun gatiin gabaa akka malee dabalaa, jireenyi ummata biyyattiitti hadhaawuutti dabalee mo’achuun dadhabamaa waan jiruuf;

Dhukkubni, beelli, hongee fi wallaalummaan mallattoo jireenya hawaasa waliigalaa Itoophiyaa keessaa tahee beekamaa waan jiruuf;

Kanaaf, Dhiheessiin mi’oota jireenya ummatichaa guyya guyyaaf barbaachisoo tattahan,  kanneen akka sukkaaraa, mi’eessaa fi daabboo jarjartiidhaan ummataaf akka dhihaatan;

Imaammatni dinagdee deega hamtuu ummata irraan geessisaa jiruu fi gatiin bittaa fi gurgurtaa gabaa to’annoo ala bifa saamichaan gaggeessamaa jiru akka daddaaffiin sirratu, oolee osoo hin bulin hojii irras akka oolu jedhna.

4fa- Bittaan mootummaa Mallas waa hunda keessaa harka kan qabu, keessattuu wiirtuu dinagdee biyyattii dhuunfaatti harkatti kan galchate waan taheef;

Dhaabbileen dinagdee biyyattii keessaa miseensota Adda Bilisummaa Ummata Tigraayii maqaa ‘EFFORT’ jedhamuun dhuunfatamuu fi haadha warraa Mallas Zenawi, Azeb Masifiniin to’atamaa jiraachuun hiccitii ummatni biyyattii keessaa tolchee beeku waan taheef;

Kanaaf, qabeenyaan dhuunfaa maatii Mallas Zenawiin dhuunfatame akka ummataaf deebisamu, saamichi seeraan alaa maatii fi aantota isaan hanga har’aa gaggeessame, kan ifatti hin bahin dabalee  haa qoratamu jedhna.

5fa – Ummatni biyyattii keessaa dhibba keessaa harki sagaltamni (90) jireenyi isaa qonnaatti hidhataa waan taheef;

Dhaadannoon “Lafti kan Qotee Bulaaf Haa tahu”  jedhu baroota 1960ta fi jalqaba 1970ta keessa belbelaa ture; kan bara 1974 biyya Itophiyaa keessatti ummata, siyaasa wal fakkaataa jala waliin hiriirsee, warraaqsa ummataa qabsiisuudhaan mootummaa Hayila Sillaasee aangoo irraa dhabamsiise;

Imaammata Saamicha Lafaa mootummaan Adda Bilisummaa Ummata Tigray gaggeessaa jiruun, ummatni dachee isaa dhabuun, buqqisamuu fi hoji-dhabilee taasisamuu irraa kan ka’e, gabrummaa ammayyaa, kan aangawummaa hidhata dinagdee addunyummaan wal qabateen, har’as naannoftuu haala fakkaattii keessa waan jiramuuf;

Kanaaf, imaammatni deegsaan kun daddaffiin akka irraa dhaabbatamu, wal tahiinsi idil-addunyaa gurgurtaa dachee ummataa xiyyeeffate akka fashaluu fi diigamu jedhna.

6fa- Biyyi Itoophiyaa jedhamtu kun waggoota 20n (digdamman) dabran karaa siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee deega caalaa hammaate keessa seentee waan jirtuuf;

Sirni siyaasaa mootummichi laf-jalaan ittiin gaggeessamu yaad-rimee (concept) Stalinistummaa waan taheef;

Qoodumsaan aangoo walabaa kan seer-baastotaa, (legislatives) seer-murtootaa (judiciaries) fi seer-alangootaa (executives) dhugaadhaan addaan bahee karaa walabummaa isaanii eeggataniin hujii irra oolaa waan hin jirreef;

Qaamota seeraa, kan walaba tahanii dhugaadhaan seera biyyattii keessaa hojjii irra oolchuun ture , bifa bulchiinsa Satlinistummaadhaan, Muummichi Ministeerotaa Mallas Zenawi aangoo fi  ol-aantummaa irratti  qabuun  gara ofiif  fedhutti daddabsaa waan jiruuf;

Mallas Zenawi takkaahuu filamee (elected) kan hin beekne garuu sirna Satalinistummaa uummateen kan of foosisuu (selected) waan taheef;

Kanaaf, Mallas Zenawi aangoo irraa bu’ee, waajjira akka gadi lakkisu barbaadna.

7fa- Filmaata biyyoolessaa Caamsaa bara 2010 gaggeessameen osoo mormitootni siyaasaa seeraan biyyattii keessatti galmaawan sagaltamaa (90) ol tahan dorgom jiranii, Addi Bilisummaa Ummata Tigiraayi, kan durumaan humnaan aangoo dhuunfate sagalee ummataa dhibba keessaa sagaltamii Sagalii fi tuqaa jaha (99.6%) aragachuu isaa haala tasumaa amansiisaa hin tahiniin waan labsateef;

Gaggeessitootni filmaatichaa miseensotuma paarti aangoo bittaa of harkaa qabuu waan tahaniif;

Maallqani filmaatichaaf ooluun irra ture, meeshaan sab-qunnatmii, humni poolisii fi tikiaa dhuunfata mootummichaa tahuu irraa kan ka’e paartiin siyaasaa durumaanuu aangoo of harkaa qabu akka deebisee mo’atuuf waan danda’an hundaan filmaata walaba tahuun irra ture humnaan ukkaamsaa, mo’icha paartii mootummichaaf garuu haala mijjeessaa waan turaniif;

Filmaatni biyyattii keessatti gaggeessame jedhamu qaanfachiisaa tahuutti dabalee, addunyaa ittiin gowwoomsuuf xapha siyaasaa raawwatame tahuun ifatti waan mul’ateef;

Kanaaf, golli qaama paarlmaa biyyattii lamaan (2n) daddaffiin akka diigaman,

Seera haqaa fi sirna dimokiraasii dhugaa biyyattii keessatti dhugoomsuuf mootummaan yeroo cehumsaa dhaabota sochii bilisummaa gaggeessaa jiran, jaarmota mormitoota siyaasaa adda addaa kan ammate  haa utubamu jedhna. 

Injifatnoon Saba Cunqurfameef!

Bilisummaa fi Dimokraasiin Ni Mo’ata!!