Umurii fi gahummaa isaaniin malee ilmaan Oromoo humna Poolisa Federala TPLF akka tahanif dirqisiifaman.

Gabaasa Qeerroo Dirree Dawaa,Adoolessa  28,2011/ Baha Oromiyaa Hararge godinaa fi aanaalee adda addaa keessaa ilmaan Oromoo umuriin isaanii waggaa 16 gadi tahan heddumminaan  waraana Fedrala Wayyaaneef isin mambaana jechuun humnaan qabanii gara mooraa leenjii poolisoota Wayyaaneetti geessaa akka jiran beekame.

Oromoota maatii isaanii irraa rakkoo gabrummaan itti fideen dararamanii bahanii fi kanneen sadarkaan barnoota isaanii gadi aanaa tahe dabballoonni Wayyanee irra deemuun leenjii polisaaf dirqisiisanii guuruun ummata biratti dheekkamsa haakasu iyyuu malee,ijoolleen kun akka seera addunyaatti umuriin isaanii meeshaa waraanaa qabatanii loltummaa ykn poolisummaaf kaadhimamuu takkahuu leejifamanii sirna tokko tajaajiluun dhorkaa dha. Wayyaaneen kana osoo beekuu ijoollee dammaqiisaan xiqqaa tahan maqaa goolessituu balleessina jedhuun leenjisee waraanatti bobbaasuun yakkaa fi farrummaa Oromoo irratti qabu caalaatti gadi fageessuu isaa hubachiisa. Akka qeerroon tokko ijaan argaa isaa gabaasetti naannoo ciroo irraa daa’imman guuramanii deeman  umuriin isaan keessaa umuriin kan irra guddaan waggaa 14 taha jedhee gabaasa.

Karoorri Wayyaanee TPLF kun naannoo aanaalee Harage qofa osoo hin taane kutaalee Oromiyaa kaan keessattis akka xiyyeefatanii jiran gabaasi qeerroo Dirre Dawaa irraa addeessa.

Qabsoon itti fufa ! Gabroomsaan ni kufa!

Barattooti Oromoo yeroo boqonnaa gannaa maatii isaaniif akka hin hojjenne Wayyaaneen Dirqaman.

Gabaasa Qeerroo Finfinnee irraa, Adoolessa,27,2011

Mootummaan Wayyaanee barattoonnii fi qonnaan bulaa Oromoo yeroo gannaa kannaa fi boqonnaa barattootaatti FDG ni gaggeeffama jedhee waan shakkuuf jecha karoora barattooti ganna qe’eetti galan hojii tolaa ykn volentery work mootummaaf hojjechuu qabu jedhee dabballoota isaan aanaalee hundatti labasaa fi ajaja dabarsee dirqisiisaa akka jiru beekame.

Kun ta’e jedhee sochii FDBG biyyoota Arabaa fi Afirikaa keessatti ka’aa jiru sodaachuun akka namni hunduu hojii bilisummaa isaa irratti  hojjechuuf yeroo hin qabaanneef ‘’busy’’gochuudhaaf ganaa utuu barattootni Yunivarsitii ,Kolleejjii fi manneen barnootaa irraa xumuranii hin ba’in dursee mootummaan Waayyaanee tooftaa qopheessee jira. Innis ‘’hojii tola ooltummaa( voluntary work) fi hojii misoomaa ‘’ maqaa jedhuun ganna kana Naannoo, Godinaalee, Aanaalee, Gandoota,Gooxii fi Garee irratti walgahii teessisuudha.Walgahii kana irratti ajandaan dhiyaatu waa’ee shororkeessummaa fi ABO yeroo tahu, ergaan mootummaan Wwaayyaanee fi bitamtooti isaanii dabarfachaa jiranis,miseensonni Qeerroo bilisummaa Oromoo baadiyyaa fi magaalaa keessaa ummata dammaqfachaa waan jiraniif hojii kana irraa kaachisuuf hojii tolaa ykn voluntary work kan jedhutti hundi barataa yeroo gannaa University fi high school irraa gale akka bobba’u labsaa fi ergaa dabarfataa jirti.

Gochaa farrummaa fi warraaqsa bilisummaa Wayyaanee  TPLF fi garaaf bultooti hojjetaa jiran kana dura jagnoonni dargaggoonni Oromoo akkasumsa sabboontoti ilmaan Orommiyaa marti godinaalee hunda keessaa akka dura dhaabbataa jiranii fi ummati hundi akka diddaa isaa mul’isaa jiru gabaasaan qeerroo naannoo adda addaa ni muldhisa.

Gama biraan kara miidiyaalee Mootummaa Waayyaanee Itiyoophiyaa illee yeroo ammaa kan isaan ittiin gurra nama duuchan sababaan jecha shororkeessitummaa kan jedhu dha, ummanni Oromoo garuu naannoo adda addaatti kan hojii shororkeessitummaa nuratti deemsisaa jiru dabballoota Wayyaanee fi OPDO waan taheef isaaniin of keessaa baasuu qabna,shororkeessitoonni warra maqaa Wayyanummaa fi bulchiinsaan deeman waan tahaniif jara kana of irraa lolannee deebisuun ammo miga keenya kan jedhuun ejjennoo dhaabbataa fudhatee jiraachuun beekamee jira.

Tooftaaleen propogaandaa dabballoota Wayyaanee fi raadiyoon Ethiopia kan ittiin uummata bal’aa, qeerroo bilisummaa fi kkf to’achuun ittiin sirna bittaa ishee dheereffachuuf karoorfatte waan ta’eef uummati, barattootni Yunivarsitii, Kolleejii fi manneen boarnootaa, akkasumas daldaltootni,dafqaan bulaan,hojjettootni dhuunfaa fi kan mootummaa, hawaasi fayyabuleessi(civil society) fi kkf akka gocha badaa diinni  saba keenya irratti lubbuu garbummaa dheerefachuuf karoorfate kana akka irratti baranii akka fashalsiisaniif akka irratti hojjetamu  qeerroo warraaqsa irra jiran bakka hundatti beeksisaa jiru.

 

The TPLF Led Ethiopian Federal Court Disarrayed by Oromo Nationalists

(Qeerroo Reports, Finfinnee, July 26nd 2011) Oromo students’ political prisoners’ were forced to be disconnected from their families, relatives and loved ones. Qeerrii pro democracy Oromo students, who took firm stand on their protest against the tyrant Ethiopian government, have been put under arrest by the Ethiopian security forces. The students’ family and relatives were warned not to follow the case of their children at the court and prison. As the family of these students reported to Qeerroo, the so called Federal Court which is completely seized and controlled by the TPLF members passed warning to them about the dangers of visiting and attending the hearing of the students.

Pro democracy Oromo students were taken to the federal court on July 22nd 2011 from Kaliti prison. The innocent students were told to be arraigned at closed hearing. However, the closed hearing decision passed by the Federal Court had caused anger to the families and supporters of these students. There was huge disorder in front of the federal court. As a result the government securities put the families of the students under arrest.

As Qeerroo reported, the nationalist supporters of the students went on protesting against the decision of the judges and the action of the securities. These supporters accentuated the fact that there are no democratic rights and systems in Ethiopia. The supporters hollered out with anger to the securities that they will be liable for their actions. Qeerroo added that because of the disarray happened in and outside the federal court; the innocent Oromo students were taken back to prison without hearing.

The struggle shall continue! The oppressor will fall!

Dr, Nagaasoo Gidaadaa Waggoota 20 guutuu rafaa akka turee fi amma ammoo dammaquu isaa beeksise.

Hogganaan dhaaba maxxannee Wayyaanee OPDO fi President Ethiopia duraanii Dr,Nagaasoo Gidaadaan Wayyaanota(Mallas Zeenaawwii)n gowwomfameera,haxxummaan isaa har’a naaf gala jedhanii kitaaba barreessan. Kitaaba isaanii kana irratti Dr,Nagaasoon reefu waggaa 20 booda akka haxxummaan Wayyaanee isaaniif gale beeksisuun isaa namoota hedduuf koflaa fi raajii haatahu iyyuu malee waanneen burjaajii siyaasaa Wayyaanee keessa jiru ibsuun isaanii hin oolle.

Dr.Nagaasoo Gidaadaa kitaaba tibbana ’’ Daandii Nagaasoo’’  jedhanii baaseen ‘’Mootummaan Waayyaanee Jalqabuma irraa kan badeedha’’  jedhanii Hiccitii Mootummaa Waayyaanee dhoksaa gola diinaa waa’een Taamiraat Laayinee,Waa’een Siyyee Abirahaa,Waa’een Pirezidaantummaa isaanii ,Waa’een Asteer Maammoo ,Waa’een Raadiyoo Faanaa,Waa’een Daggafaa Bulaa,Waa’een Abbaaduulaa Gammadaa fi waa’een tooftaa bittaa waayyaanee Tigiraayi utuu tokko illee hin hafin dhoksaa gola diinaa bakkee yaaseera jedhanii maxxansan.

Waa’een Taamiraat Laayinees akkuman duraan gabaasa dheeraa keessatti waa’ee malaammaltummaa Kaadiroota Tigiree fi Bitamtoota Oromiyaa keessatti dhiyeessee ture, waa’een hidhamuu Taamiraat Laayinee Sababii Malaammaltummaa Tigiroota Caalaatti hojjeteef yokin  dhuguma maatii isaa yakkee yokin seera dhaabaa EPRDF cabsee utuu hin taane haaloo Tigirooti TPLF/EPRDF faayidaa isaanii eeguufii dideef irratti qabatan qofaaf akka ergamaa seexanaatti hidhaa cimaa keessatti gatamuu Taamiraat Laayinee Dr.Nagaasoon dhoksaa isaa inuma gadi y kitaaba isaanii irratti gadi yaasanii jiru.

Kan Dr.Nagaasoon Gowwomfameera jedhan ’’Jalqaba irratti Mootummaa ce’umsaa booda yeroo Mallas Ministeera Muummee  fi Dr.Nagaasoon immoo Pirezidaantii ta’utti Mallas wanta xalayaa barreessee hojjetu hundumaa irratti  Chaappaa TPLF tiin fayyadameetu sobee dhuma isaa irratti chaappaa EPRDF waanan argachuu dhabeef chaappaa TPLF tiin fayyadamuuf dirqameera’’ jedhee waggoota baayyeedhaaf hojii mootummaa Itiyoophiyaa maqaa TPLF qofaan fayyadamuudhaan qarshii biiliyoonaan lakkaa’amu gara Tigiraayitti dhangalaasaa yeroo ture ani irratti dammaquu hin dandeenye, dhuguman se’e malee haxxummaan Mallas dafee naaf hin galle ture jedhe Dr.Nagaasoon.

Addumaan Mootummaan Waayyaanee sirna bittaa ishee yeroo diriirfachuu jalqabdetti’’ Taamiraat Laayinee Lammii Guraagee qarshiidhaan bittee Paartii Mootummaa Waayyaanee Naannoo Amaaraa bulchu irratti dura taa’aa gochuun itti fayyadamuu ishee Ummati Amaaraa yakka irratti raawwatame har’a hiccitii Dr.Nagaasoon bakkee baasaniin baruudhaan FDBGtiif kaka’aa jiraachuun barame. Kana irraa ka’uudhaan inni barattootnii fi uummati Oromoo Yeroo Abbaan Duulaa inni Alii Hasan jedhama ture sun Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa jedhamee Muudame Inni Oromoo waan hin taaneef nu bulchuu hin danda’u jechuudhaan mormiin hiriira nagaan dhageessifatamaa ture sirrii ta’uu isaas Dr.Nagaasoon caqasaniiru.

Walumaa gala Kitaabi Dr,Nagaasoo kun mata duree “Daandii ye-Negaso menged” jedhee afaan Amaaraan bahe akka irraa hubatamutti Dr kun waggoota 20 Wayyaaneen biyya bitaa turte rafaa turanii reefu dammaquu isaa kan muldhisu dha. Baroota 20 kana keessa ummati oromoo yeroo ajjeefamu,hidhaa tti dararamu,qe’ee irraa buqa’ee waan nyaatu dhabu,dachiin irratti gurguramu san hunda Dr,Nagaasoon hiriba guddaa keessa akka turanii amma yeroo dammaqan kanas rakkoon saba Oromoo itti muldhachuu dhabee,hegereen Oromoo garamitti akka deemu arguu dhabee waan Wayyaanee keessatti hamee fi gumgummii walii isaanii jidduu bali’aan katabanii jiraachuu mul’isa.

Gabaasa Qeerroo tokko  Finfinnee irraa

Oromummaa fi Oromiyaaf dubbachuun Yakka Jedhee Mootummaan Waayyaanee Oromoota digdama murtoof dhiheesse:

Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Adoolessa 25,2011/ Mootummaan waayyaanee  ‘’humna EPRDF  biyya bitee jiru tuqan’’  jechuudhaan, miseensummaa ABOn shakkamu jechuun waan qabatamaa tokko malee Oromoota 20 mana murtii federaalaa Waayyaaneetti yakkaan dhiyeesse.

Abbaan alangaa mootummaa Waayyaanee lakk.galmee himannaa yakkaa 555/03 Galmee Geetinnat Gammachuufaa jechuudhaan namoota 20 yakkaan dhiiyeesse. Yakka inni ittiin himate lakkoofsa yakkaa 329(1)A ,38(1) fi 241 kan mootummaan Waayyaanee mormitoota siyaasaa kan akka ABO ittiin yakkuuf seera ofiif baafate irratti hundaa’uudhaan  ta’uu beeksisee jira. Kanas Gaazexaan Bariisaa Adoolessa 22 bara 2011 bahee fi gaazexootni dhuunfaa balballoomsanii  akka jiran beekama.

Sababiin Yakka jedhamee Obbo Geetinnat Gammachuufaa irratti dhiyaate:

1ffaa:Dhaaba mootummaan Itiyoophiyaa morman  akka ABO tti miseensa waan ta’aniif,

2ffaa:Dhaaba ABO f miseensota filanii waan ijaaraniif/gurmeessaniif

3ffaa:Odeeffannoo dhaaba ABO wajjin waan wal jijjiiraniif,

4ffaa:Dhaabbata ABO qarshii fi materiyaalii garagaraan waan deggaraniif/gargaaraniif

5ffaa:Walumaa gala  ‘’kaayyoo Mootummaa Itiyoophiyaa rakkina irra buusu isa qabatee jiru ABO keessatti hirmaannaa qabu’’  jechuudhaan,

Sababii kanaaf ‘’yakka olaanaa ‘’ jechuudhaan yakkaman jedhee doorsisa abdii kutannaa dhiheessa.

‘’Himatamtooti shakkamtoota ‘’ jedhamanii Obbo Geetinnat Gammachuufaa dhiyaatanii  kara Abukaatota isaanii mormii isaanii galmeeffataniiru.

Abaan Alangaa Mootummaa Waayyaanee ,Mormiin shakkamtooti dhiyeeffatan ragaadhaan kan hin deggaramne waan ta’eef manni murtii mormii isaanii kufaa godhee raga isaan irratti akka fuuchuu eegalu/jalqabu gaafateera.

Manni murtii federaalaa dhaadacha guyyaa kana Adoolessa 22 bara 2011 Ooleen ‘’mormii shakkamtootaa’’ fi ‘’mormiin isaanii kufaa haa ta’u ‘’ isa Abbaan Alangaa mootummaa Waayyaanee jedhe erga dhaggeeffatee booda:

Shakkamaa tokkoffaan karaa abukaatoo isaa mormii dhiyeeffateen ’’Yakkamaan kun yakka kana fakkaatuun himatamee utuu deemsa irra jiruu Sadaasa  16 bara 2001 A.L.H labsii irratti hundaa’ee dhiifamaan waan gadi dhiifameef yakka tokkicha sanaan yeroo lama himatamuu/yakkamuu hin qabu’’ isa jedhameef  ‘’ shakkamaan kun galmee dhiifamaan ittiin gadi dhiifame(galmeen himata yakkaa inni yeroo sana dhiifamaan ittiin ba’e yokin gadi dhiifame)’’ dhaadacha kana irratti  waan hin caqasaminiif/waan hin yaadachiisiniif manni hidhaa galmee sana mana murtiif dhaadacha itti aanu irratti akka dhiyeessu ajaji kennameera.

Himatamaa shakkamaa salgaffaan  ‘’Yakka wal fakkaatuun yakkamee/himatamee manni murtii walii gala Oromiyaa bilisaan waan gadi dhiiseef lammata yakka kanaan himatamuu/yakkamuu hin qabu’’  jechuun kara abukaatoo isaa mormii dhiyeeffateef ;Murtoon manni murtii waliigala Oromiyaa ittiin bilisaan gadi dhiise sun Dhaadacha Kana irratti Afaan Oromoon waan dhiyaateef Abukaatoon isaa gara Afaan Amaaraatti hiikuudhaan dhaadacha itti aanu irratti akka dhiyeessu manni murtii Federaalaa TPLF guyyaa kana  dhaadacha geggeessaa ture ajaje.

Akkasitti  manni murtii kun galmee kana sakatta’ee ‘’Mormiiwwan Shakkamtooti dhiyeeffatanii’’ fi  ‘’kufaa naaf haa ta’u ‘’ isa Abbaan Alangaa Mootummaa Waayyaanee gaafate irratti murtii kennuudhaaf Hagayya 4 bara 2011 irratti beellama qabatee dhaadacha guyyaa kanaa raawwateera.

Kana malees yeroo ammaa guutummaa Oromiyaa keessatti bakkoota qaqabnee gabaasuu hin daneenye mara qoteebulaa fi hojjetaa akkasumas qeerrolee Oromoo heddumminaan hidhamaa akka jiran gabaafama. Sochiin qeerroo bilisummaa ummata Oromoo qabatee bakkoota adda addaatti akka qabatee jiruun mootummaan TPLF naasuu kanaa bakka hundatti bobba’ee tohachuu dadhabuun raafamaa jira.

Qabson itti fufa ! Gabroomsaan ni kufa!

 

Dabballooti Wayyaanee Ummata Saamsisaa Jiran!

(Qeerroo, Amboo, 25 Adoolessa 2011) Godina Shawaa Lixaattii dabballoonni OPDO halkan wal qindeessuun ummataa fi daldaltoota saamaa fi saamsisaa akka jiran ibsame.

Qeerroon akka gabaasettii, namoonni maqaan isaanii Gareen 1ffaa Kabbadaa Qoroo miseensaa fi aangawaa waajjira milishaa Onaa Midaa Qanyii, kan yeroo hedduu sabboontota Oromoo dararaa ture, jalatti ijaaraman halkan dhokatanii ummata saamaa fi saamsisaa jiran.

Ergamtooti OPDo kunneen hattoota kurfeessuun halkan ummata saamaa fi samsiisaa kan turan yammuu ta’u,  gochaan isaanii waan isaan irratti beekameef yeroo ammaa kanaa humna poolisaa godina Shawaa Lixaatiin  to’atamanii waajjira poolisaa godina Shawaa Lixaatti akka argaman beekameera.

Kana malees, maqaa ABO fi Qeerrootiin kanneen ummata saamaa fi saamsisaa turan keessaa Gareen 2ffaa namaa Tamasgeen Damissee jedhamuu, kan hojjetaa puulii ijaarsaa Onaa midaa Qanyii kan turee fi yeroo hedduu hattoota qindeessuun qonnaan bultootaa fi daldaaltoota saamaa fi saamsiisa kan turee ta’uun beekamee jira.

Saamtonni kunneen kan yeroo dheeraaf dabballoota OPDO ta’anii ummata hiraarsaa jiran kunneen haala kanaan garee uumanii torbee kanaa keessaa Onaa Midaa Qanyii fi Calliyaa Geedoo gidduu fi Onaa Iluu Galaan gidduuttii uummaata saamaa fi saamsisaa otuu jiranii bira gahamee akka ta’atamanis gabaasaan Qeerroo dabalee hubachiisee jira.

Haata’uutii, mootummaan wayyaanee samtoota[hattootaa] kana to’achuu dhiisee sabboontotaa nagaa hidhaa fi dararaa akka ture kan gabaase Qeerroon, ammas maqaaf malee murtiin dhugaa dabballota OPDO kana irratti akka kennamu waanti mirkaneessu akka hin jiirre eeree jira.

Qeerroon Ummata Dammaqsuu Itti Fufan!

(Qeerroo, Amboo, 25 Adoolessa 2011) Sabboontonni Qeerroo Oromoo Godina Shawaa Lixaa, Onotaa Caalliyaa, Geedoo, Midaa Qaanyii fi Amboo keessatti dirqama isaanii ga’ummaan bahachaa jiraachuun gabaasame.

Gabaasaan Qeerroo akka hubachiisetti, Ilmaan Oromoo balleessaa tokkoo malee  hidhamuun akka dhaabbatu, kanneen hidhamanis akka hiikaman bulchiitoota Onaa isaanii gaafataa jiru.

Keessaayyuu, dabballooti OPDO siyaasa wayyaaneen gowwoomfamanii ummata isaanii miidhaa turan gochaa diinummaa irraa deebi’anii gaaffii mirga abbaa biyyummaa mirkaneessuu keessatti akka qooda fudhatan barumsi kennamaafii akka jiru beekamee jira.

Qeerroon yeroo ammaa kanatti ummati keenya mirga abbaa biyyummaa sarbamuun, qe’ee isaa keessatti akka malee hiraarafamaa jiraachuun yoo furmaata hin arganne badiin caalu akka dhufuu malu dabballoota Wayyaaneetti himaa jiran.

Dabballooti Wayyaanees, otuu garboomfataaf ugguumanii ummata isaanii hiraarsaa jiranii, mootummmichi yeroo fedhetti isaanis qabee hidhaa jiraachuun maalummaa sirna sanaa ifatti kan saaxilu ta’uu barsiisaa kan jiran miseensoti Qeerroo, haala kana jijjiiruuf dhalli Oromoo marti karaa danda’een walqabatee akka hojjatus dhaamsi darbaa jira.

Kana malees, srini wayyaanee kaayyoo dheeraa Oromoo fi Oromiyaa deegsuu baafatee hojjachaa akka jiru kan himan miseensoti Qeerroo, sirna orom-nyaataa kana  gamtaan buqqisuuf, dabballoti OPDO Qeerroo waliina akka dhaabbatanii wayyaanee dachee Oromiyaa irraa buqqisan itti himaa akka jiran gabaasti Qeerroo ni hubachiisa.

Manni Murtii Federaala TPLF Mormiin Saboontota Oromoon Jeeqame

(Gabaasa Qeerroo, Finfinnee, Adoolessa 22, 2011) Barattoota Oromoo seenaa gootummaa galmeessanii garaaf osoo hin taane sabaaf otuu hojjatanii humna wayyaaneetiin qabamanii mana hidhaa fi mana murtii Wayyaaneetti geessamaa jiran akka dhimma isaanii maatiin isaanii hin hordofne godhamuun beekame.

Maatiin barattoota kanaa gabaastuu Qeerroof akka ibsanitti, mootummaan Wayyanee mana Murtii Federalaa jedhee waamuu fi kan dabballooti Wayyaanee akka abbaa seeraatti ramadamanii murtii jalloo ilmaan Oromoo irratti murteessan irratti argamanii dhimma ilmaan isaanii hordofuu hin dandeenye ugguramanii jiru.

Akka kanaan  gaafa Adoolessa  22,2011 barattoota mana hidhaa Qaallittii irraa gara dhaddecha Wayyaanee federaalaa kanatti geeffaman badiin, bakka warri hidhes tahe warri murtii tumus isaanuma tahee jiru mana seeraa Wayyaanottaa dhihaatanitti maatiin barattootaa kun akka bakka abbaan seeraa itti dhimma barattoota sanaa ilaalu jiru hin seennee fi yakka sobaa  barattoota kana irratti dhihaate akka hin dhageeffanneef alatti dhorkamuun maatii barattootaa fi ummata deggersa barattootaaf argaman  dheekkamsee jira.

Sababa kanaan dheekkamsaa fi diddaa guddaa mana murticha fuula duratti waan dhalateef jecha,waraanni Federaalaa dhaqabuun maatii barattoota kanaa yakka tokkoon malee gara mana hidhaatti guuranii jiru.

Haala kanatti kan dalansuu godhatan Oromoonni kaan daanyotaa fi polisoota waliin sirnii fi mirgi dimokraasii guutuutti Ethiopia keessa akka hin jirree fi guyyaa tokko yakka godhan kanatti akka gaafatamuuf deeman itti himuun qeerroon naannoo sanatti argame gabaasa.

Barattooti guyya kan mana seeraa sanatti dhihaatanis battala osoo murtiin kamuu hin kennamiin gara mana Hidhaa irraa dhufanitti deebisuu isaanii gabaasaan qeerroo Finfinnee addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!

Harmee Oromoo Boochisuun Itti Fufe.

(Qeerroo, Amboo, 22 Adoolessa 2011) Mootummaan murna bicuu, Wayyaaneen Qeerroo Oromoo adamsuu fi hidhuu itti fufuun, barattoota Oromoo magaala Amboo keessaa badiin tokkoo malee mana hidhaatti darbaa akka jiru gabaasame.
Gabaasaan Qeerroo Amboo irraa akka hubachiisetti, sirni Wayyaanee akkuma baroottan daraban Harmee Oromoo boochisaa turetti, ammas  Adoolessa 20,2011 barattooti Oromoo sadarkaa lammaffaa barataa turan badiin tokkoon malee magalaa Amboo keessaa qabamanii bakka jiran hin beekamu.
Akka gabaasa Qeerroo magaalaa Ambootti barattooti kun mana barnoota isaanii keessatti qaroo fi dammaqoo tahanii fi dhimmota miidhaa saba isaanii irra gahuu fi mirga dhala namaaf waan dubbataniif qabamani malee badii tokko illee hin qaban.  Maqaa barattoota kanaas
1.   Barattaa Ifaa Gaarii
2.   Barataa Eebbisaa Tulluu
3.   Barataa Caala Tolaa
4.   Barattaa Lata Kinfuu warreen jedhaman tahuu gabaasi qeerroo naannoo sanii ni addeessa.
Yeroo har’aa duula barattoota Oromoo fi qoteebulaa Oromoo hidhuutti kan bobba’e mootummaan Wayyaanee, hidhaa fi ajjechaan akkasumas ummata deegsanii hiyyoomsuun daran qabsoo Oromoo jabeessa malee furmaata gaaffii mirga ummata Oromoo akka hin taane dargaggoonni Oromoo bakka hunda irraa beeksisaa jiru.
Haala kana irratti Qeerroon Bilisummaa dhaamsa gabaabaa dabarseen hidhaa fi ajjeechaan kamuu Qeerroo jabeessa malee kaayyoo isaanii dubbatti hin deebisu jedhee jira.
“Oromoon jaarraa 16ffaa keessa biyya isaa alagaa irraa deebifatee, leelloo walabummaa goonfate har’a saba bicunn hiraarfamaa jiraachuun qaanessaa dha,” kan jedhe Qeerroon, kaka’umsa seenaa fokkotaa kana jijjiiruuf karaa Qeerroo haaromfame waanti duubatti deebisu akka hin jirre hubachiiseera.
“Qeerroon dhaloota haaraa egeree biyyaa ti. Qeerroon biyyaa fi biyyee garbummaan dhaalamte bara baraan jiraachisuu hin fedhan. Qeerroon irra deebi’ee kan dhaamu, hidhaan nu hin balleessu; kaka’umsa keenyas hin laamshessu. Inumaayyuu, kaayyoon keenya hagam jabaa fi haqa irratti akka hundaa’e mirkaneessa.” jedhee jira.

QABSOO-DHA MAQAAN ISAA*

 Taammanaa Bitimaa

Isa kuffifamee lafarra ciisu
Silaa tolaan jarri isan-dhiisuu
Bakka itti-kufee olkaasee
Sansalata irraa babbaasee
Kan akka ejersaa isa dhaabu
Seerri-saanii-woo isan dhaabuu
Qabsoo-dha maqaan isaa
Gonfachiisaa bilisaa!

Qabsoo-dha maqaan kansaa
Dachee hunda biyyisaa
Keessumaa qabsoo bilisummaa
Kan caccabsee darbatu
Harqoota kan gabrummaa
Isa guutuu taasisu
Nameenya kan namummaa!

Iddootti kufee olkaasee
Kiyyoo mormarraa baasee
Madaasaa irraa haqee
Raammoo isa madaa keessaa
Nyanyaata akka bineensaa
Irraa mimmicirqisee
Nama nama taasisa
Bineensarra olcaalchisa!

Inni nama sanyiin hin qoqqobu
Dabalees amantiin hin qoqqoodu
Aadaan addaan hin baasu
Bifaan gargar hin yaasu
Hunda ija takkaan laala
Cufaaf mirgasaa abbala
Isa abbaan walqixxeessaa
Saboota addunyaa keessaa!

Injiree nurraa micirqisee
Hinjirree nurraa dhidhimsee
Yeeyyilee nurraa bittimsee
Shilmiis saawwanirraa harcaasa
Daanawoos gumbii keessaa baasa
Gabrummaa qabeetoo rarraasa!

Kan Oromoos qabsoo
Kan Kuush kaanis qabsoo
Keessumaa qabsoo sabaa
Kuffifamaa-dha ol-qabaa!

Oromoo, yaa abbilee
Oromiyaa, yaa harmilee
Erga qorichi qabsoo ta’ee
Erga malli tokkummaa ta’ee
Haa qabsoofnu tokko taanee
Hidhannee manaa baanee!

Obbolummaan waltaanee
Hidhannee manaa baanee
Warra Kuushiin waltaanee
Bakka kufnee olkaanee
Imimmaan walirraa haquun
Obbolummaan walolqabuun
Karchallee wajjin diignee
Roorroo walirraa dhiibnee
Hayyee, qabsoo-dhaan galma keenya geenya
Sansalata malee, guyyum tokkollee teenya!

Yaa Oromoo, aadaan-kee bubburree
Ilaa, biyyi-kees sonaan cocorree
Akka nafxanyoota asittis “iskistaa”
Achittis “iskistaa”, mitii sirboonni-kee
Biddeenuma callaasoo, miti nyaanni-kee
Of-tuullummaa fi sanyummaa miti yaanni-kee!

Atoo qaccee Leenjisaa Diigaa-tii
Atoo diroo Elemoo Qilxuu-tii
Eekaa sanyii Taaddoo Birruu-tii
Maarree lammii Abbishee Garbaa-tii
Mataa gadqabachuu
Eessaayyi barattee
Oromo-sodaan beekuu
Kan eessaayyi argattee?

Oromoo uummata kiyya
Uummata-koo uumee tiyya
Yaa safuun guddisa-koo
Abbaa dhugaa lubbuu-too
Atiwoo galaanaa
Jarri maa si dhaana?
Maaf dhaana dirra-kee
Maaf waxala miila-kee?

Ol-ka’i uummata kiyya
Walta’i yaa saba kiyya
Xiqqaa-guddaan waltayii
Alaa-manaa walgayii
Harqoota gabrummaa caccabsi
Sansalata ciccirii darbaddhu
Galma-kee ni geessa abdaddhu!

Ni mootaa, ni mootaa daran abdaddhu
Dhalawwan-kee mara walitti qabaddhu
Sabbata-kee jabeessitii hidhaddhu
Aayyoo ka’ii, siiqqeen joollee-tee labsaddhu
Oromiyaa iyyii, ilmaan Kuush waammaddhu
Mirgaan mancaa qabaddhu
Bitaan wantaa qabaddhu
Oljedhi-kaa waanjoo ofirraa darbaddhu
Biyya biraan qabduu Oromiyaa jaarraddhu!

Barliin – 16. 06. 09

************* Hubachiisa **************

* Walaloon kun gaafa 02.08.09 Kora Waldaa Qorannoo Oromoo, jechuun kan OSA isa dira Atlaantaa, Biyya Ameerikaa keessatti adeemsifame irratti kan uummataaf dubbifame ture. Silaa barri kun bara qabsoo uummatoota Afrikaa Kaabaa fi Jiddugaleessa Bahaa-tii, kunoo ijoolleen Oromoos, dhaloonni qubee gabroomfattoota Habashaa irratti fincilaa jirtii, mee walaloo kun isaaniif: mararfannoo, rajeeffannoo, jajjabeessii fi bira-dhaabbannoo haa tahu!