Amajjiin tokkoo fi Guyyaan WBO Oromiyaa Bakka Garaa Garaa Keessatti Kambajame.

Amajjii 3,2012

Tokkummaan dargaggoota biyyoolessaa(Qeerroon) guyyaa WBO seena qabeessaa fi Amajjii tokko bakkoota adda addaatti sirna howwaan kabajachuu gabaasaan Qeerroo Oromiyaa godina garaa garaa irraa gabaafame.

Akka kanaan :-

  1. University Dirree Daawwaa
  2. University Hasaasaa
  3. University Haromaya
  4. University Amboo
  5. University Jimmaa
  6. University Wallagaa
  7. Univesity Miizaan Teeppii

Keessatti qeerrooleen argaman sirna howwaan kambajachuu fi ejjennoo bara 2012 baafachuun dabarsanii jiru. Qeerroon bakkoota olitti gabaafame keessatti kabajatan akeeka tokkummaa dargaggoota biyyoolessaa bakkaan gahuuf bara 2012 keessa murtii fi qajeelfama barbaachisu  ofitti fudhachuun akka qabaasawan gabaasaalee ergame irratti addeessanii jiru.

University n Adaamaa haga ammaa diddaa isaanii kan itti fufan yeroo tahu mooraa san keessatti guyyaa WBO kabajachuuf carraa hin arganne.

Kana malees Qeerroon manneen barnoota sadarkaa lammaaffaa jiran, Ona Ibantu,Limmuu, Finca’a,Ayira Gullisoo,fi Gimbii jiran sirna ho’aan akka kabajatan gabaasaan naannoo san irraa dhufe ni addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

SHORT REPORT ON CURRENT SITUATIO OF THE COUNTRY:-

By Deggera

 

1. Majority of the people are un able to exist specially in big cities like Finfinee. They are unable to eat even once a day. Because of this around some areas day robbery and looting have stated.There is high poverty situation. In Finfine alone it is estimated the are about 500,000 University graduates without job who have stayed without job for over three years.

2. Merchants were highly taxed. They were asked beyond what they got. Besides of their heavy tax payment they were forced to buy bonds for Abay construction.  As a result, most of them returned their licenses by paying the amount they were asked.

 4. All Banks were forced to contribute money for Abay dam construction, additionally they were also instructed to buy bonds by 27% of their loan portfolio

3. Beside heavy tax payment, they forced to contribute for portfolio. This means any time they give loan of Br 1,000,000 they are required to buy bond by Br. 270,000.

5. They are also required to deposit 25% of their total deposit at National Bank.

6. As a result all Banks went bankrupt. Today they are not in a position to lend Br. 1,000,000.

7. Because of this exporters, importers, construction workers and all other who want money from the Banks have stacked.

8. The current cities and towns Liz policy of Woyane have very much frustrated the people, because it puts all land under Liz. For example if you want sell your house you only sell the wall and roof, the land and its location value is sold by the Woyane according to the policy. Some people say Woyane is digging its grave fastly .Day by day what Woyane is doing including its “shibretegna awaj”and others has initiating to topple Woyane from power.

9.Woyane got printed 50 b/n Birr that was distributed in the market through its loyal members which exacerbated inflation rate by more than 59 %. To the contrary, even though woyane claims to have registered 11.4 economic growth there is production that much demand. Still they buy wheat , enable oil, sugar and other commodities which are only distributed in an insignifact amount among its members and supporters only. 

9. No independent judiciary system and media.

10. Totally, Woyane is not in a position to rule the country.

                                                                                                                                                      

              WHAT WOYANE IS DOING CURRENTLY

1. Wayne’s system of government is divided and rule system i.e. Macavelian style. They divide the people by ethnic, by region, by religion ,by age by sex etc. They propagate that one nation or tribe is the enemy of the other and they say that in their absence the county will not exist.

2. At the same time do to their fear, they have organized their security systems in millions and most of the country’s resources used for security, military and federal police.

3. Youths in Finfinne, what they used to call them “bozens” are today organized by the Woyanes to be their party members as youth league others as women’s league. Also they given them minor jobs like coble stone ,hollow blocket production ,carpentry, and other small handcraft jobs so that it enable Woyane to control them very closely. These organizations also work as security personnel. They report daily about their soundings. Every 10 member have got one leader who accepts the reports, and reports upward to his assigned boss. These woyane security systems are organized throughout the county.

4.  In Finfinee majority of the Federal Police member are from Southern Nations and Nationalities, especially from Wolaita and some from Gambela, of course, all the leaders are Tigrians.

                   THE ROLE OF INTELLECTUALS IN THE COUNTRY

1.  Intellectuals seem to have chosen to aloof or indifferent from the people’s struggle except very few old individuals.

2.  These intellectual are educated by the people’s money, but they are not supporting the freedom struggle of their people. Much has to be done around them.

 WHAT IS TO BE DONE TO ENHANCE PEOPLES STRUGLE TO AVOID WOYANE?

1.   People are fed up of Woyane.They want to get red of it, but they want someone or an organization who can give them guidance. Mass always needs leader/s. People are mentally and psychologically ready. Simply they want directions. People have got international experience from the struggle of Tunisians, Egyptians and Libyans peoples.

2.  Even the majority of the Tigrai people do not want woyane, except very few beneficiaries of the system.

3.  When movement starts, woyane may take harsh measures like mass killing, it is that time when counter attack from OLF places a significant role. I think it also magnifies OLF’s recognition nationally and internationally.

4.  Contacting reliable Oromos to standby the side of OLF by contributing money and by mobilizing the Oromo masses so that it takes part actively in the struggle to remove woyane from power with minimum sacrifice.

By Degera

 

Amajjiin Tokko Guyyaan WBO fi Waggaan Haaraa Magaalaa Ambotti Sirna Howwaan Kabajame.

Gabaasa Qeerroo Magaalaa Amboo,Amajjii 1,2012

Godina Lixaa Shawaa Onaa Amboottii Amajjiin 1/2012 haala addaa ta’een kabajamaa oolee jira. Kunis akkuma Beekamuu Uummaannii Oromoo Godinaa kanaa Amajjii lama,bara baran Bookkuu Cittuu’ ttii ni ayyaaneeffaata,Bokkuu Cittuu deemee seeraa uumaa fi uumamaa waaqa kadhata,seeraa jallaatee jiru nuf sirreessii yaa waaq jedhee dhugaa nu jalaa jallaatee nuf sirreessii jechuun bokkuu qabatee waaqa kadhata,  Sirna Bokkuu Cittuu bara kana kan Amajjii 1/2012 kan addaa isaa taasisuu dargaggoonnii Oromoo,beektonni fi Manguddoonnii hedduminaan argamuun guyyaa WBO Amajjii 1/2012 kabajatan. guyyaan kun uummaata Oromoo keessaattii bakkaa ol aanaa kan qabuudha yoommuu guyyaa kanaa hin dagatiina jechuun manguddoonnii sirnicha irraatti argaman dargagoota akeekan. Dargaggoonnii OROMOO Sirboota qabsoo bilisummaa oromoo fi Qeerroo bilisummaa Oromoo faarsuun wal bohaarsan,sirna kana ilaalchisun Videoleen  qindaa’a gama fuula duraatti Qeerroon dhiheessa.

 

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Diinaaf Jilbeeffachuun Adaa Keenya Miti Jedhu Qeerroon University Adaamaa

“Nuti Qeerroon Oromoo dhaa Wayyaanee Irraatti Injfannoo Akka Goonfannu Of irratti Abdanne, Jedhu Dargaggoonni Oromoo”

Amajjii 1,2012 Qeerroo Adaamaa

Sochiin dargaggoota Oromoo biyyoolessaa baatii Ebla 2011 irratti erga eegalee booda,hanga guyyaa har’a kanaatti irree ofii cimsachuun diddaa mootummaa Wayyaanee irratti muldhisaniin mootummicha haalaan raasaa akka jiranii fi humnootiin tikaa fi Warraanni akkasumas Poolisiin mootummichaa tatamsa’aa Oromiyaa keessa asii fi achi kaatanii Qeerroo adamsuun humnaa ol waan itti taheef rakkoo dinagedee guddaa akka mootummicha irratti fidee jiru beekamee jira.

Sochiin qeerroo ta’aanii hidhamuu fi ajjeefamuu biyyaa arihamuu qofa osoo hin taane diddaa mudhisaa roorroo of irraa ittisaa tarkaanfii barbaachsisaa diina ofii irratti fudhachuu dha. Haala kanaan diddaan jidduu kana mudhateef dargaggoonni Oromoo mooraa University Adaamaa tarkaanfii Wayyaanee irratti fudhataniin kan ka’u barattooti 60 hidhamuun beekama. Barattoota hidhaman keessaa hanga ammaa kanneen mana hidhaa osoo hin galiin human waraana Wayyaaneen fuudhamanii bakka bu’an kan hin beekamiin keessaa Qeerroleen 25 maqaan isaanii akka armaa gadiiti.

1,Damee Guutaa-ecconomics waggaa 3ffaa
2,Miittoo Abrham-Mechanical engineering waggaa3ffaa
3,Keenboon Qajeelaa-waggaa 2ffaa
4,Dirribaa  Baalchaa-TVET waggaa 2ffaa
5,Araggaa Geetachoo-seera waggaa 2ffaa
6,Jibaat Malkaamuu-IT waggaa 3ffaa
7,Ibrahim Mohammad -Managemant waggaa 3ffaa
8,Mohammad Aman-Agriculture waggaa 3ffaa
9,Guddataa Shunaa-Agricultural engineering waggaa 3ffaa
10,Dassaleny Namarraa-IT waggaa 2ffaa
11,Takkaliny Taaffasee-waggaa 3ffaa
12.,Kaasahuun Tasfaayee-Wood engineering waggaa 3ffaa
13,Haayiluu Daggafaa-chemical engineering waggaa 3ffaa
14,Moris Adam-Engineering 2ffaa
15,Caalaa Abbayyaa-wood enginering waggaa 2ffaa
16,Taakkalaa Waggaarii-tuurizimii waggaa 2ffaa
17,Caalaa Addunyaa-seera waggaa 2ffaa
18.Mirreessaa Girmaa-Accounting waggaa 1ffaa
19,Tokkummaa Dirribaa-Seera waggaa 5ffaa
20,Taakkalaa Maammoo-Economics waggaa 3ffaa
21,Tasfaayee Kumsaa-chemical engineering waggaa 3ffaa
22,HIrphaa Tarfaa-Economics waggaa2ffaa
23,Derejjee Dabaloo-logistic waggaa 2ffaa
24,Ballinaa Kebede-waggaa 3ffaa
25,Magarsaa Abrham -waggaa 2ffaa dha.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Dhaamsa Bara Haaraa HD GS ABO Amajjii 2012

Dhaamsa Bara Haaraa HD GS ABO

Amajjii 2012

Miseensota ABO

Waraana Bilisummaa Oromoo

Dargaggootaa Oromoo

Ummata Oromoo Bal’aa

Deggertoota QBO

Firoottan QBO

Hunda dura baga bara haaraa 2012 nagaan geenye jedhee hawwii qabu maqaa hogganoota ABO, miseensotaa fi WBO falmaa diinaa irra jirun isinii dabarsa. Barri haaraan kun ummta Oromoof keessa isaatti bara nagaa fi tasgabbii, bara milkii fi injifannoo, bara diinni keenya mataan lafa ilaalu, kan saba keenyaa mataan ol jedhu akka nuuf tahu hawwii qabu dabarsa.

Bara haaraan yeroo dhufu, bara tokko xumurree bara haaraatti yeroo seennu isa  keessa dabarre of duuba deebinee mil’achuun, milkii fi danqaalee nu qunnaman, diddaa gabrummaa gaggeeffaman, haala ummata Oromoo fi QBO keessa kute gabaabsinee xiinxaluun ykn gamaggamuun, haalaa fi amala mootummaa Wayyanee nu bitaa jiru agarsiisuu, akkasumas haala naannoo gaanfa Afrikaa fi addunyaa ilaaluun didhaalee bara haaraa keessatti nu qunnamuu malan, xiyyeffannoo kennineefii kan irratti qabsaawuu qabnu walii akeekuun dirqama taha.

Guutuu dhaamsa kanaaf as tuqaa..  Dhaamsa HD GS ABO bara 2012

 

The Students peaceful demonstration and the military crackdown in Adama University

December 31, 2011; Adama

The confrontation between students and security forces is getting violent by the day, after the government reportedly favored to pursue force rather than dialogue and settlement on the issues of freedom, rule of law, self determination and the issue of Finfinne raised by students in Adama University. Similar incidents are being reported in Haromaya, Addis Ababa and other Universities.

According to sources; Adama University is rounded up by military brigade and basic service within and around the University are shut down. The protest which started to be visible in two groups both by these students hold up in the university campus and by those who are in the Adama city comes with price to pay.

Even if the protest is still continuing, the peaceful demonstrators and their dormitory are being raided and until this report is compiled more than 50 students has been arrested which includes

  1. Gaaddisaa Tashoomee
  2. Damee
  3. Amadien Mohammad
  4. Araggaa Tashoomee
  5. Jibaat – 3rd year IT
  6. Caffee
  7. Kaasahuun
  8. Darajjee Dabalii, Logistics 2nd year
  9. Yaadasaa , Management 2nd year
  10. Gammachiis Saamueel ,  Electrical engineer 4th year
  11. Damee, Economics 3rd year
  12. Caalaa Abbayyaa, Wood science 2nd year
  13. Kaasahuun, Engineering 2nd year
  14. Gaaddisaa, Geography 2nd year
  15. Magarsaa Abraham, Accounting 2nd year
  16. Araggaa
  17. Abdii Ayyaanaa -2nd Year
  18. Sanyii -engineering 2nd Yera

The Adama University Students have also voiced their support for the questions raised by Addis Ababa and Haromaya University Students. The situation in the campus is still violent and unstable due to the military force interference. Finally the students have asked the public to stand behind the popular cause they are raising and to protest against the use of force against peaceful demonstration.

The Struggle shall continue!!!

@Qeerroo

Diddaan Qeerroo Bilisummaa Itti Fufee Mooraaleen University Waraanaan weerarame.

(Qeerroo Adaamaa, Muddee 31,211 ) Diddaan Barattoota Oromoo itti fufuu irraan kan ka’e mooraaleen University Haromaya,Adaamaa,Wallagaa fi Amboon humna waraana Wayyaaneen eegamaa akka jiruu fi diddaan barattootaas itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaase.

Gootonni barattooti Oromoo University Adaamaa eda Muddee 30 fi har’a Muddee 31,2011 fincila isaanii itti fufuun waraanaan ittifamanii akka isaan nyaataa fi bishaan hin arganne taasifamaa jira.

Barattooti kanaaf osoo hin jilbeeffatiin diddaa isaanii itti fufuu irraan gaaffii mirgaa sagalee jajjabaan wal tahanii akka dhageessisaa turan Qeerroon Adaamaa gabaasa.

Haalli kun itti hammaachaa deemuu irraan guyyaa har’aa Muddee 31,2011 barattoota Oromoo lama humnaan arihani qabanii  konkolaataa code fi lakkoofsa hin qabneen fuudhanii deemanii jiru,diddaa kanaaf barattooti University Adaamaa amma illee akka Jaallan isaanii gadhiifaman cimsanii itti fufanii jiraachuun beekame.

Barattooti guyyaa har’aa human Waraana Wayyaaneen fuudhaman kunniin:-

  1. Abdii Ayyaanaa -waggaa 2ffaa
  2. Sanyii -engineering waggaa2ffaa

Kanneen jedhaman yeroo tahu. Muddee 29,2011 irraa eegalee hanga har’aatti barattooti 60 ol akka hidhamanii jiran gaabaasi Qeerrroo University Adaamaa addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Qeerroo: Kun Dhaamsa Oromiyaa ti!

(Qeerroo, Finfinnee, 31 Muddee 2011) Dhaloota keenya Qeerroo irraa dhaamsi darbaa jiru barri moofaa darbuu isaa, garbummaa immoo daranuu jabaatee nu waliin lufaa jiraatuu kan ibsuu dha.

Dhaamsi Oromiyaa immoo garbummaan hammaattee, kaayyoo dhalootaa jabeeffadhaa tii umurii garbummaa gabaabsaa kan jedhuu dha.

Dhaamsi viidiyoo kun kennaa Oromiyaa kana bara 2012 ti. Ilmaan Oromoo bakka jiran mara irraa waan qabaniin qabsoo Bilisummaa Oromoo tumsuun akka guyyaan bilisummaa dhiyaatu, umuriin garbummaa immoo gabaabbatu akka hojjatan kan dhaamuu dha.
Bilisummaan wareega barbaada; namuu hojiidhaan guyyaa bilisummaa haa dhiyeessu!!

Diddaan Qeerroo University Adaamaa Waraana TPLF Jeeqe.

Qeerroo Adaamaa,Muddee 30,2011

Diddaa  gootonni barattooti Oromoo mootummaa Wayyaanee irratti kaasan humnaan dura dhaabbachuuf jecha waraanni TPLF human waraanaa fi poolisa Federaalaa akkasumas poolisoota lukkeelee Wayyaanee kan tahan OPDO hedduminaan guuree barattoota meeshaa maleeyyiitti duula jabaa banuu guyyaa kaleessaa fi eda Muddee 29,2011 galgala barattoota waliin walitti bu’aa turan.Haala kanaan doormii barattootaa seenuun reebichaa fi meeshaa waraanaan dhaanuun gara malee itti fufe,barattooti Oromoos lubbuu irraa ittifachuuf jecha waan dandayan hundaan waraana dura dhaabbachuun of irraa ittisa gochaa hakan bariisifatan.

Ganama har’aa irraa eegalee hanga amma sa’aa kanaatti mooraa keessa wal arihuu fi barattoota irra deemanii humnaan rarraasanii qabuun itti fufamee jira,manni nyaataa cufamee,dareen barnootaa hundi cufamee mooraan haala hin yaadamneen oliin jeeqamee jira.Barattooti kaan haala dandayan hundaan mooraa irraa baafatanii ala irraa human waraanaa waliin wal arihaa jiru,kan mooraatti hafan wallee warraaqsaa dhageessisuu fi nutis dhaaba qabna,ABO fi WBO jechaa dhaadataa jiru.

Guyyaa kaleessaa irraa eegalee hanga ammaatti barattoota nama 50 mana hidhaatti geessanii jiru. Kanneen guyyaa kaleessaa gabaafneen alatti har’a Muddee 30,2011 barattoota qabaman keessaa:-

1.Darajjee Dabalii logistics 2nd year
2.Yaadasaa  management 2nd year
3.Gammachiis Saamueel   electrical engineer 4th year
4 Damee    Economics 3rd year
5 Caalaa Abbayyaa wood science 2nd year
6.kaasahuun Enginer 2nd year
7.Gaaddisaa geography 2nd year
8 Magarsaa Abraham accounting 2nd year
9.Araggaa

Kanneen jedhaman keessatti argamu.

Haalli mooraan University Adaamaa itti jiru haala jabaa fi waan salphaatti hin tasgabbeefamne fakkaata waan  taheef ummanni Oromoo alaa fi keessaa birmannaa kanaaf akka ka’u Qeerroon iyyata.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Record013

 

Diddaa Qeerroo University Haromaya Dhaamsuuf Jecha Duulli Warrana Wayyaanee Itti Fufe.

Video