(Qeerroo Adaamaa, Muddee 31,211 ) Diddaan Barattoota Oromoo itti fufuu irraan kan ka’e mooraaleen University Haromaya,Adaamaa,Wallagaa fi Amboon humna waraana Wayyaaneen eegamaa akka jiruu fi diddaan barattootaas itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaase.
Gootonni barattooti Oromoo University Adaamaa eda Muddee 30 fi har’a Muddee 31,2011 fincila isaanii itti fufuun waraanaan ittifamanii akka isaan nyaataa fi bishaan hin arganne taasifamaa jira.
Barattooti kanaaf osoo hin jilbeeffatiin diddaa isaanii itti fufuu irraan gaaffii mirgaa sagalee jajjabaan wal tahanii akka dhageessisaa turan Qeerroon Adaamaa gabaasa.
Haalli kun itti hammaachaa deemuu irraan guyyaa har’aa Muddee 31,2011 barattoota Oromoo lama humnaan arihani qabanii konkolaataa code fi lakkoofsa hin qabneen fuudhanii deemanii jiru,diddaa kanaaf barattooti University Adaamaa amma illee akka Jaallan isaanii gadhiifaman cimsanii itti fufanii jiraachuun beekame.
Barattooti guyyaa har’aa human Waraana Wayyaaneen fuudhaman kunniin:-
- Abdii Ayyaanaa -waggaa 2ffaa
- Sanyii -engineering waggaa2ffaa
Kanneen jedhaman yeroo tahu. Muddee 29,2011 irraa eegalee hanga har’aatti barattooti 60 ol akka hidhamanii jiran gaabaasi Qeerrroo University Adaamaa addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!