Dhaamsa Bara Haaraa HD GS ABO
Amajjii 2012
Miseensota ABO
Waraana Bilisummaa Oromoo
Dargaggootaa Oromoo
Ummata Oromoo Bal’aa
Deggertoota QBO
Firoottan QBO
Hunda dura baga bara haaraa 2012 nagaan geenye jedhee hawwii qabu maqaa hogganoota ABO, miseensotaa fi WBO falmaa diinaa irra jirun isinii dabarsa. Barri haaraan kun ummta Oromoof keessa isaatti bara nagaa fi tasgabbii, bara milkii fi injifannoo, bara diinni keenya mataan lafa ilaalu, kan saba keenyaa mataan ol jedhu akka nuuf tahu hawwii qabu dabarsa.
Bara haaraan yeroo dhufu, bara tokko xumurree bara haaraatti yeroo seennu isa keessa dabarre of duuba deebinee mil’achuun, milkii fi danqaalee nu qunnaman, diddaa gabrummaa gaggeeffaman, haala ummata Oromoo fi QBO keessa kute gabaabsinee xiinxaluun ykn gamaggamuun, haalaa fi amala mootummaa Wayyanee nu bitaa jiru agarsiisuu, akkasumas haala naannoo gaanfa Afrikaa fi addunyaa ilaaluun didhaalee bara haaraa keessatti nu qunnamuu malan, xiyyeffannoo kennineefii kan irratti qabsaawuu qabnu walii akeekuun dirqama taha.
Guutuu dhaamsa kanaaf as tuqaa.. Dhaamsa HD GS ABO bara 2012