“Nuti Qeerroon Oromoo dhaa Wayyaanee Irraatti Injfannoo Akka Goonfannu Of irratti Abdanne, Jedhu Dargaggoonni Oromoo”
Amajjii 1,2012 Qeerroo Adaamaa
Sochiin dargaggoota Oromoo biyyoolessaa baatii Ebla 2011 irratti erga eegalee booda,hanga guyyaa har’a kanaatti irree ofii cimsachuun diddaa mootummaa Wayyaanee irratti muldhisaniin mootummicha haalaan raasaa akka jiranii fi humnootiin tikaa fi Warraanni akkasumas Poolisiin mootummichaa tatamsa’aa Oromiyaa keessa asii fi achi kaatanii Qeerroo adamsuun humnaa ol waan itti taheef rakkoo dinagedee guddaa akka mootummicha irratti fidee jiru beekamee jira.
Sochiin qeerroo ta’aanii hidhamuu fi ajjeefamuu biyyaa arihamuu qofa osoo hin taane diddaa mudhisaa roorroo of irraa ittisaa tarkaanfii barbaachsisaa diina ofii irratti fudhachuu dha. Haala kanaan diddaan jidduu kana mudhateef dargaggoonni Oromoo mooraa University Adaamaa tarkaanfii Wayyaanee irratti fudhataniin kan ka’u barattooti 60 hidhamuun beekama. Barattoota hidhaman keessaa hanga ammaa kanneen mana hidhaa osoo hin galiin human waraana Wayyaaneen fuudhamanii bakka bu’an kan hin beekamiin keessaa Qeerroleen 25 maqaan isaanii akka armaa gadiiti.
1,Damee Guutaa-ecconomics waggaa 3ffaa
2,Miittoo Abrham-Mechanical engineering waggaa3ffaa
3,Keenboon Qajeelaa-waggaa 2ffaa
4,Dirribaa Baalchaa-TVET waggaa 2ffaa
5,Araggaa Geetachoo-seera waggaa 2ffaa
6,Jibaat Malkaamuu-IT waggaa 3ffaa
7,Ibrahim Mohammad -Managemant waggaa 3ffaa
8,Mohammad Aman-Agriculture waggaa 3ffaa
9,Guddataa Shunaa-Agricultural engineering waggaa 3ffaa
10,Dassaleny Namarraa-IT waggaa 2ffaa
11,Takkaliny Taaffasee-waggaa 3ffaa
12.,Kaasahuun Tasfaayee-Wood engineering waggaa 3ffaa
13,Haayiluu Daggafaa-chemical engineering waggaa 3ffaa
14,Moris Adam-Engineering 2ffaa
15,Caalaa Abbayyaa-wood enginering waggaa 2ffaa
16,Taakkalaa Waggaarii-tuurizimii waggaa 2ffaa
17,Caalaa Addunyaa-seera waggaa 2ffaa
18.Mirreessaa Girmaa-Accounting waggaa 1ffaa
19,Tokkummaa Dirribaa-Seera waggaa 5ffaa
20,Taakkalaa Maammoo-Economics waggaa 3ffaa
21,Tasfaayee Kumsaa-chemical engineering waggaa 3ffaa
22,HIrphaa Tarfaa-Economics waggaa2ffaa
23,Derejjee Dabaloo-logistic waggaa 2ffaa
24,Ballinaa Kebede-waggaa 3ffaa
25,Magarsaa Abrham -waggaa 2ffaa dha.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!
All Oromo should stand together from Universities, high schools and farmers should coordinate to stand together so that wayane would run out of prison spaces and that is the only way to overwhelm before they demoralize our young people