Magaala Hawaasaa keessatti hojjettootni mootummaa gaaffii Bilisummaa gaafatan.Harcaatonni Wayyaanees Oromootaa fi ilmaan Sidaamaa duwwaa hidhaa jiru.

Aside

Hagayya 24,2012 Hawaasaa
Mootummaan abbaa irree wayyaanee haala yeroo duuu Muummicha  Ministeeraa Wayyaanee Mallas Zeenaawwii waliin kan wal qabate sodajabaa keessa seenanii jiran.Sodaan isaaniis uummatni waanjoo garbummaan gaggeessummaa Mallasiin qabamaa ture gaaffii bilisummaa gaafata kan jedhu dha.Gaaffiin mirgaa Kunis naannoo dhaa naannootti itti fufee jira.Mootummaan wayyaanee garuu namoota gaaffii mirgaa gaafatan hidhaan ukkaamsaa jira.Naannoo Uummattoota kibbaa magaala Hawaasaa keessatti hojjettootni mootummaa gaaffii bilisummaa kaasanii  jabeessanii gaafachaa jiru.Mootummaan wayyaanees hedduu kan cinqame  hojjettoota kanneen mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Hanga ammaa hojjettootni mootummaa 15 ol mana hidhaa mootummaa wayyaanee Magaala  Hawaasaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu hundi isaanii hojjettoota lammummaan oromoo ykn Sidaama tahan qofaa dha. isaan k eessaa
1. Obbo Dukaalee Lammisoo gaggeessaa waldaa daldaltootaa lammummaan Sidaamaa
2. Obbo Biraanuu Hankaraa Hojjetaa Biiroo aadaa fi misoomaa uummata sidaamaa

3. Obbo Bosolaa Gabbisoo dura taaaa Misooma sidaamaa

4. Obbo Iyyaasuu Raggaasaa gaggeessaa waldaa dargaggootaa
5. Obbo Kaasaa Addisee
Jedhaman keessatti argamu.Uummatni magaala Hawaasaa keessumaa uummatni Oromoo magaala Hawaasaa keessa jiraatuu fi Dargaggootni Sidaamaa  hojjettootni keenya hatattamaan haa hiikaman jechuun mootummaa  Wayyaanee cinquu itti fufee jira.Qeerroonis waraqaalee dhaadannoo  hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman jedhu bakkeewwan yuunivarsiitii Hawaasaa,Amooraa Gadal,Piyaassaa keessatti afaan Oromoo fi Amaariffaan maxxansee jira.Uummatnis haamileen gaaffii mirgaa hidhamtootni  siyaasaa akka hiikaman gaafachuu itti fufee jira.

Ibsa kora qindeessaa warraaqsa ummata Oromoo

Aside

Waamicha Qabsoo
Jaarmiyaa Oromoo fi Ummata Oromoo Maraaf!

Jijjiiramni dorrobe kun bobaa diina biraa jala galuu hin qabu!
OO…. Jedhanii Waamicha bara dheeraatif Kaayyoo tokkoof Owwaachuun Amma!

Gufuu Bilisummaa Ummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa ta’uun baroota 21f dhukkuba naqarsaa Ummata keenyaa kan ture Mataan Wayyaanee Mallas Zeenaawii haala hin eegamneen addunyaa tanarraa darbuun balballi bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa banamuu ifaan nutti agarsiisa. Balbala saaqamte kana diinni biraa itti seenee abdii muul’atte tana akka nu harkatti hin dukkaneessine Jaarmiyaan Oromoo marti, garaagarummaa siyaasaa cinaatti dhiisudhaan, addatti immoo ABO fi ummanni Oromoo carraa kanatti fayyadamudhaan humna murteessaa iddoo murteessaa irratti bobbaasudhaan dirqama yeroon itti hin liqeeffatamne kana bahuun fardii ta’eera.
Kanaaf Jaarmiyaan Oromoo marti, akkasumas ummanni Oromoo bal’aan balbala saaqamte kana diina biraa irraa baraaruu fi gidiraa baroota dheeraaf ummata Oromoo irratti qancare kana hundeen buqqisanii gatuuf yeroo kamiiyyuu caalaa yeroon kun murteessaa ta’uu hubachudhaan Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaatiif Owwaachun amma jechuun waamicha qabsoo dhiyeessina!
GGB!
KQWUO
Hagayya 21, 2012

Mallas malee caasaan wayyaanee hin buqqaane!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 23 Hagayya 2012) Yeroo ammaa kan du’e mataa sirna Wayyaanee, Mallas Zeenawwii malee, sirnii fi caasaan wayyaanee amma illee waan hin buqqaaneef, yeroo tokkoof illee qabsoo irraa duubatte akka hin deebine miseensoti Qeerroo dhaaman.

Miseensoti Qeerroo haala yeroo ammaa kana irratti walgahanii marii fi murtee dabarfatan keessatti mootummaan habashaa dhufaa darbaa ummata Oromoo saamuu fi balleessuu irratti iamaamatanii hojjachaa akka jiran walhubachiisanii jiru.

Ummati oromoo fi cunqurfamoon kumaatamni waggoota 21n darban keessa boohaa fi hiraaramaa turuu kan yaadachiisan miseensoti Qeeroo kunneen, gochaan abbaa irrummaa Malals Zeenaawwii yeroof waan dhokatee fi golgame fakkaatus oolee bulee saaxilamuun isaa waan hin oolle ta’uu illee ragaa yeroo ammaa kanatti waltajii addunyaa addaddaa irratti bahaa jiru wabeeffachuun hubachiisanii jiru.

Akkuma gabaasaan tokko, “Like Saddam Hussein or Bashar al-Assad, he filled the country’s top political and economic positions with men from his own Tigaray ethnicity.’ jedhee mirkaneessetti, Malalsaan boroottan darbe  waan danda’u hundaan ummata Oromoo lfa irraa fixuuf sagantaa fi tarsimoon keewwate amma illee waan jiruuf Qeerroon oromoo fi saboota cunqurfamoo haala kana hubachuun kutannoo fi murannoo isanaii daran akka jabeeffatanii gara galii isaanii: Bilisummaa, Haqaa fi Dimokiraasuu fiduu irratti jabaatanii akka hojjatan dhaamanii jiru.

Moototi Itoophiyaa aadaa dhufaa darbaa keessatti waan walballeessuu fi walfixuu malee aadaa dimokiraasii, jaalalaa fi kabajaa kaayyoo godhatan akka hin jirre kan yaadachiisan miseensoti Qeerroo, aadaa badaa san keessaa waloodhaan karaa itti bahan kan akeeke  waamicha  Addi Bilisummaa Oromooirraa kenname garaa guutuun kab fudhatan ta’uu beeksisanii jiru.

“Hogganni qaroo kan dhaloota dhufuuf haala mijjeessuudha,” kan jedhan miseensoti Qeerroo, karaa kanaan Mallasaanis akkuma abbootii irree isaan dura biyyattii keessa turaniitti waan bda fi jibbinsaa facaasee deemuu isaa walhubachiisuun, dhaamsi Adda Bilisummaa Oromoo irraa kenname, maraanmartoo biyyattii keessatti deddeebi’aa jiruuf fala akeeke waan ta’ee qaamoti hundi waloodhaan akka biyyattii keessatti aadaa dimokiraasii lachiisan jabeessanii dhaamanii jiru.

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo keessatti waamichi dhiyaate, kan “Ummatoonni Itoophiyaa keessaa hiree amma jirutti fayyadamuun harka wal qabatanii waloodhaan ka’uun rakkoo siyaasaa barootaaf ture furuu irratti fala barbaachisu akka waliin falatan, kanaanis, ilmaan isaanii fi dhaloota dhufu mara aadaa demokraasii gaarii akka dhaalchisan waamicha dabarsina.” kan jedhu illee kan leellifamuu qabuu fi hojiitti hiikamuu qabu ta’uu miseensoti Qeerroo dhaammanii jiran.

Ibsa Qeerroo Amaariffaan

Aside

Qeerroo Press Release- Amharic-August 21, 2012.pdf

SBO Hagayya 22 bara 2012

Aside

Aside

Haala Yeroo irratti Ibsa Hatattamaa Sochii Dargaggootaa Bilisummaa fi Deemokraasii (Qeerroo)
Hagayya 21,2012

Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Obbo Mallas Zeenaawii addunyaa kana irraa duáan boqochuun miidiyaalee sirnichaa irratti labsamuun beekamaa dha. Duuti Muummicha Ministeeraa kun eega dhagahamee turullee, mootummichi yeroo dheeraa ukkaamsee taaée amma reef labsuun isaa haala keessa isaa tasgabbeeffachuuf akka tahetti tilmaamna. Muummichi Ministeraa waggootii 21 darban keessatti lubuu ilmaan namaa kumataamaan bilash dhumateef gaafatamaa tahan illee, guyyaan du’a isaa seenaafuu akkas wal dhawuutti fi akka dhala namaatti gadda nutti dhagahame ni ibsina.
Bulchiinsi Obbo Mallas Zeenaawii bulchiinsa abbaa irrummaa fi faashistummaa akka tahe kanneen isa waliin biyya dhiigsan irraa kan hafe hunduu itti walii gala. Obbo Mallas Zeenaawii gochaalee faashitummaa fi abbaa irrummaa bulchiinsa isaanii keessatti hojii irra oolchaa turaniif itti gaafatamaa tahuu eeruudhaan akka hatattamaan aangoo gadhiisan ibsa Caamsaa bara 2011baafneen gaafachuun keenyas hin dagatamu.
Ibsa kana keessatti, biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun addatti waggaa digdamman dabran karaa siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee deega caalaa hamaate keessa akka jirtu, sirni siyaasaa mootummichi lafa jalaan ittiin geggeeffamu yaad-rimee Istaaliinistummaa irratti akka hundaaé, qoodamiinsi aangoo walabaa karaa seera baaftotaa (legislatives), seera murtootaa (judiciaries) fi seera alangootaa (executives) dhugaadhaan addaan bahee karaa walabummaa isaanii eeggataniin hojii irra oolaa akka hin jirree fi qabxiilee jajjaboo biroo yaadachiisuudhaan ture kan gaaffii aangoo irraa kaúu Muummicha Ministeeraa kana dhiheessine.
Ammas yaaduma ibsa olitti eerame keessatti kaafne gad jabeessuudhaan gaaffiileen armaan gadii akka hatattamaan sirna amma aangoo harkaa qabuun osoo guyyaan itti hin kennamne deebii argatan barbaanna:
1. Hidhamtoonni siyaasaa hundumtuu osoo sabaa fi amantiidhaan adda hin baane hatattamaan akka gadhiifaman; addatti ammoo hidhamtootni Oromoo kan kumoota kudhaniin lakkaawaman fi hedduun isaanii kan waggaa 21 hidhaan dararamaa jiran akka hatattamaan gadi lakkifaman gaafatna.
2. Gaaffiin hawaasni Muslimaa gaafachaa jiru daddaffiin akka deebii sirnaa argatu, hogganoonni hawaasichaa dhimma kanaan wal qabatee hidhamanis akka gadhiifaman;
3. Seeronni maqaa “farra gooltummaa, seerota hawaasaa fi miti mootummaa, seera media ” jedhuun mirgoota siyaasaa fi hawaasummaa danquuf baafaman akka dafanii kaán;
4. Loloonni mirga bilisummaa fi demokraasiif jecha ummatootaa fi mootummicha gidduutti, addatti ammoo dhaabota ummatoota bakka buán kan akka ABO, ABBO fi kan biroo fi mootummaa gidduutti waggoota 20n dabraniif geggeeffamaa ture akka hatattamaan haasawaa ifaa, bifa ummataa fi addunyaaf banaa taheen dafee akka xumuramu; gaaffiileen ummatoota kanaas karaa nagaan deebii ifaan akka kennamuuf.
5. Mirgi hiriira nagaa bahuu, ijaaramuu fi walitti qabamuu heera mootummaa keessatti mirkanaaé akka hojii irra oolu, qoqqobbiin mirgoota ummataa kana danquuf taasifamaa jiru akka hatattamaan kaú;
6. Mirgi ijaaramuu fi yaada ofii walabaan ibsachuu akka kabajamu.
Sochiin Dargaggootaa Bilisummaa fi Demokraasii (Qeerroon) gaaffiileen armaan olitti kaán akka deebii hatattamaa argatanii fi jijiiramni ifaan hanga argamu qabsoo isaa kan it ti fufu tahuu mirkaneessa. Ummanni keenya Oromoo fi ummatoonni cunqurfamoon impaayera Itoophiyaa keessa jiran cuftuu gaaffii mirgootaa kanatti fayyadamoo tahuudhaan qabsoo bilisummaa fi demokraasiif taasisaa jiran akka finiinsan waamicha dabarsa.
Walumaa gala hanga sirni fi caasaan cunqursaa bakka irraa ka’uu mirgootni Umamtaa fi dimokrasii kabajaman qabsoon ummataa akka finiinuu gadi jabeessinee dhaammatna
Haqni ni injifata!
Ka’I Qeerroo!
Sochii Dargaggootaa Bilisummaa fi Deemokraasiif (Qeerroo)
Hagayya 21, 2012

Ibsa Qeerroo Hagayya 21,2012

Muumichi Ministeera Itiyoophiyaa Mallas Zeenaan Dhukubsachuu Irraan Kan Ka’e Adduunyaa Kana Irraa Boqochuu ETVn Gabaase.

Video

Hagayya 21,2012 Finfinnee
Muummichi Ministeera biyya Itiyoophiyaa adduunyaa kana irraa boqochuun isaa erga dubbatamuu eegalee torbaanota lakkaayee ture,haata’u waan dhokatee hafu waan hin jirreef Obbo Mallasaan buqochuu isaanii ETVn har’a gadi baasee ibsa itti kennuun beekama.
Haalli kun biyya Oromiyaa fi Itiyoophiyaa keessatti jijjirraa siyaasaa jabaa fida jechuun ummanni haalaan irratti mariyachaa jira.Caasaan mootummaa Wayyaanee martuu shororkaayee kan gaafa Mangistuu H/Mariyam biyya gadhiisee bahee san fakkaata.Haalli kun jijjirraa fidee sabaa fi sablammoota kamiifuu Bilisummaa fi Walabbummaatti akka fullaasuuf jecha irratti hojjechuun yeroon isaa amma.
Sirni mootummaa Waayyanee harca’aa jirus jijjirraa hudee qabu fiduuf kan tattafatu hin fakkaatu kanaafis qophii osoo hin taane aangoo irratti of jabeessuuf aanjaa addaa soqachuu waan hin dhiifneef ummanni kana irratti yaada kennachuu fi amma irraa itti of qopheessuun karaa dha.

Ona Limmuu Galiilaa Keessatti Investerooti Wayyaanee Ummata 300 ol Lafa Irraa Buqisanii Kanneen Turan Ifiis Buqa’an

Video

Hagayya 20,2012 Naqamte.
Godina Wallaggaa Ona Limmuu Galiilaa Bakka Harqambee jedhamu irraa qonnaan bultoota Oromoo 300 qe’ee irraa buqisuun gumaati ykn kaasaan tokko osoo hin kafalamiiniif qe’ee alakilii fi abaabiliin irra jiraatan irraa buqisuun qabeenyummaa ofii jala kan dhuunfatan inveesiterroota Wayyaalee lama irratti humni addaa WBO tarkaanfii fudhachuun gabaafame.
Hagayya 18,2012 Inveesteroota maqaan isaanii Abajjee Xilaahun fi Tarikuu Bayyanee kanneen jedhaman irratti humni WBO tarkaanfii fudhateen ummanni naannoo fi kanneen qe’ee isaanii irraa buqa’anii rakkoo fi gidiraa argaa turan gammachuu isaanii wallee fi sirbaan akka muldhisaa oolan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Godina Wallagaa keessatti yeroo adda addaatti tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu irraa kan ka’e abootiin qabeenyaa Wayyaanee hedduun naannicha gadhiisanii akka bahaa jiran gabaasi qeerroo addeessa. Ummanni naannoo jirus haala kanaan mirqaansuu fi gammachuu akka qabu beekame.

Godina Iluu Abbaa Booraa magaala Goree keessatti Barattootni Oromoo ” Mangistuun bu”ee Mallasaan du’e Oromoo ka’e!” Jechuun Wallisaa Hiriir a Mormii Wayyaanee Bahan.

Aside

Hagayya 20,2012 Mattuu

Godina Iluu abbaa Booraa magaala Goree keessatti barattootni Oromoo Yuunivarsiitii fi Koollejjii irraa gara magaala kanaatti deebian hiriira nagaa bahan.Hagayya 15/2012 galgala saa 2:00 irraa eegalee barattootni Oromoo magaala kanaa bulchiinsa Wayyaanee balaaleffachuun mirgi keenya haa eegamu,ummanni Oromoo ofiin of bulchuuf mirga qaba,qabeenyii Oromoo haatikfamu,Wayyaanee nu bulchuun kanaan dhumata,hojii dhabdummaan haa dhibamu fi kkf jechuun gara Bulchinsaa magaalittiitti yeroo deeman bulchaan magaala kanaas gaaffi keessan deebii argata jechuun barattoota kana gowwoomsuuf wayita yaalutti dhagaan tumuum milishoota waliin walitti bu’iins uumamee jiraachuun qeerroon gabaasa.

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti ilmaan Oromoo hojii dhabdummaan rakkisuu irraan darbee maqaa ABOn hidhuu waan itti fufeef barattootni Oromoo yuunivarsiitii fi Koollejjii gamtaan magaala Goree toachuu dandaanii jiran.Walleewwan Oromoon gootuma duruu,Mangistuun buee Mallasaan duee Oromoo kae! Jedhu magaala keessa deddeebiuun wallisanii jiran.Waraannii fi Kaabinootni magaala Goree keessaa kutannaa barattootaan gammadanii akka jiran gabaasni qeerroo magaala Goree addeessa.

Qeerroo-UK Celebrates Oromo Olympians @ London 2012

Aside

http://gadaa.com/GadaaTube