Bitootessaa 11,2015, Godina Jimmatti Sochiin Warraaqsa FDG gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromootiin qabsiifamuu eegale jabaachuun gara uummata Oromoo baadiyyaa godina Jimmatti babal’acha jiraachuun walqabatee mootummaan Wayyaanee sabboontota ilmaan Oromoo nagaa qabee mana hidhatti darbaa jira.
Motummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisuu dhabuun sabboontota ilmaan Oromoo badii tokko malee humna waraanaa poolisii federaalaa irratti bobbaasuun hidhatti ukkamsuu itti fufe jira. torbee kana keessa sabboontotni Oromoo Godni Jimmaa Aanaa garaagaraa keessa maqaa Oromummaan Oromoota hidhatti darbamaa jiru.
Haaluma kanaan magaalaa Jimmaa fi Aanotaa Godina Jimmaa garaagaraa irra kanneen hidhaman:
- Nazifaa Abbaa Tamaam jiraataa magaalaa Jimmaa ganda Bachoo Booree jedhamu keessatti uffataa hodhuudhaan kan maatii isa jiraachisu,
- Barsiisaa Gammachuu jedhamu aanaa Shabee Somboo M/B Marsaa jedhamu irraa utuu barsiisuu humna Poolisii Federaalaan ukkanfame.
Kana malee Anaa Deedoo irraa ilmaan Oromoo torba kanneen ammaf maqaan isiinii nu hin qaqqabiin humna poolisii federaalaan qabamanii mana hidhatti darbamuu maddeen keenya gaabasan.
Haaluma kanaan Yeroo amma kana Mootummaan Wayyaaneen humni Adda Bilisummaa Oromoo ABO’n Godina Jimmaa keessa buufate jira maqaa jedhuu fi maqaa sakkatta’aa dhabamsiisuu jedhuun humna poolisii naannoo Oromiyaa irraa shakkii guddaa qabatuun ajaja mootummaa federaalaatiin poolisoota Federaalaa fi waraanaa aanota Godinichaa keessa bobbaasuun ilmaan Oromoo maqaa qorannoo fi sakkatta’insaan dararuu fi ukkamsuun hidhatti darbaa jiraachuun saaxilamera. Adeemsi gochaa diinummaa mootummaan Wayyaanee fudhachaa jiru kun uummata bakka jiruu dammaqsuun akka uummatni fincilee sochii FDGtti makamuun mirga isaa kabachiifatuuf dirqamsiisa jiraachuu irraa uummatni utuu hidhatti hin ukkanfamiin harka walqabatnee mootummaa abba irree irratti finciluun yeroon gamtaan kaanee falmannuu amma jechuun dhaamsa waliif dabarsaa jiraachuun ibsame jira.
I don’t think that there exists anyone who doesn’t know the intent Oromos started struggle.The intent is to liberate Oromia.This aspiration of over hundred years of age in 1992 brought together Oromos who have been disorganized by lie and propaganda of their enemies and resulted in the raising of Oromo flag for the first time in the largest city of Oromia, Finfinne.It is this initial goal that made Oromos nation coming from eleven provinces to realize that they have the same intention.The previous derogatory names of “gaallaa’’ and “qottuu” for the Oromo was replaced by the correct name Oromo.Afaan Oromo, language which was a target of smear campaign by irresponsible habeshas who claimed that the language is not suitable for the media and struggled for over hundred years to make it extinct and make it illegal for the Oromos to use their own language, became a language of instruction and work.Oromos who according to their enemies do not have land and came from ocean, became recognized with a map that they live and own the land in eleven provinces within Ethiopia. Many Oromos realized that they were Oromo and the name Ethiopia was forced on them.If our initial aim of Oromos was to democratize Ethiopia, may be today most of us will call ourselves with the name forced on us “Ethiopiyawi”, and we may never enjoy the benefits, mentioned above, that our initial goal partly achieved.








