Gaaffii Mirgaa Qeerroon Godina Shaggar Lixaa Kaasaniin Wal Qabatee Kaabinooti OPDO 3 Hojii Irraa Arihaman.

Aside

 Bitootessa 10,215 Odeessa Qeerroo Shaggar Lixaa

alaabaa

alaabaa

Warraaqsa Bilisummaa gootota barattoota Oromoon yeroo irraa gara yerootti mootummaa Wayyaanee raasaa jiru jabaachaa fi daran ciminaan soss’aa kan dhufe humni warraaqsaa,mootummaa Wayyaanee haalaan akka yaaddessee fi naasuu guddaa itti fidee jiru beekamaa dha.

Bitootessa 2015 keessa guutummaa Shaggar Lixaa keessatti warraaqsa Qeerroon Bilisummaa socheesen wal qabatee mootummaan Wayyaanee soda guddaan waan itti buleef jidduu kana bulchitoota Federaalaa irraa naannoo Oromiyaa heeraan ala seenuun kaabinoota OPDO hojii irraa arihaa akka jiranii fi sochii warraaqsa bilisummaa kana duubaan ABO itti hidhatee kan hojjetaa jiru isini sababa jedhuun hojii irraa arihuutti argamu.

Bitootessa 9,2013 Shaggar Lixaa Aanaa Abunaa irraa hojjettoota 3 hojii irraa arhiman keessaa:-

  1. Shifarraa Mokonon, Hojin Fayinanasi
  2. Baacaa Lameessa ,Hojin Humnaa namaa
  3. Girmaa Baacaa,hojiin Gageessaa hojii

Kanneen ta’an yeroo tahu,haalli kun gara fuula duraattis mootummaan Wayyaanee naannoolee biro irraa waan itti fufuuf Oromoon bakka jiruu gamtaan ka’ee warreen dhimma bulchiisa Oromiyaa keessa seenanii akka fedhanitti hojjettoota hojii irraa arihan dura akka dhaabbatan taasisuun falmaa yerooti.

Wallagga,Aanaa Sibuu Siree Ganda Waayyuu Tuqaa Keessatti Qonnaan Bultooti Oromoo Lafti Irraa Saamame Gamtaan Ka’an, Qeerroon Situu Siree Ammoo Konkolaatota Biyyee Dachii Oromoo Irraa Gara Tigrayitti Fe’amu Dura Dhaabbachun Oolfatan.

Aside

Bitootessa 10,2015 Gabaasa Qeerroo Sibuu Siree

Oromian resistanceMaqaa investment n namooti Oromiyaa erga dhufuu jalqabanii bulbbulee akkuma jiru godina Wallagga bahaa aanaa Sibuu Siree lafa qubannaa hindootaattii fi Waayyuu Tuqaa keessatti abbootiin qabeenyaa biyya alaa maqaa maqaa investment n Oromoota dhibbaatamaan  lafa irraa fudhatan dura qonnaan bultooti Oromoo dura dhaabbachuun akka laficha gadhiisan gaafachaa jiru.

Baatii darbe keessa diddaan qonnaan bultoota Oromoo naannuma kana irratti waan ka’eef mootummaan Federaalaa poolisoota guurrachuun inversteroota biyya alaa irra goree uumata qonnaan bulaa reebaa fi abbootiin qabeenyaa illee dabalanii akka reeban ta’aa ture. Haalli kun hammaachaa waan dhufeef Bitootessa 7 2015 irraa jalqabee hamma guyyaa har’aatti qonnaan bultooti Oromoo gamtaan ka’uun lafa irraa saamame falmachuu fi abbootiin qabeenyaas dachii isaanii akka gadhiisanii bahan akeekachiisanii jiru.

Kana malees konkolaatonni gurguddaa wal harkisu biyyee biyya Oromoo kan qonnaaf ta’uu fi daggalla naannoo irraa gubuun biyyee jaa jiru qotuun gara hin beekamneetti geessaa jiru, haala kanaan Qeerroon aanaa Sibuu Siree jiraatan konkolaatota biyyee biyya Oromoo guuranii bakka hin beekamnetti geessaa turan dura dhaabbachuun akka fe’amee hin deemnee taasiaa jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Sibuu Siree

Harmee Haadha Gootaa !!( Walaloo)

Aside

Abdii Baalee Oromiyaan kan qophaaye.

Barreessaa dhugaa baasa!Akkam nagaa jirtuu,ilmaan Oromtichaa,
Ilmi Baarentumaa fi ilmi Boorantichaa,
Jaallan qabsoo Sabaa,dhamni hangaftichaa,
Baga nagaa taatan,xiqqaa fi guddaan jechaa,
Anis nagaan qabaa galata rabbiif galchaa,
Waa dubbachuun fedhaa,xinnoo na ofkalchaa!!!

Qeerroo Qeerransa koo,si gaaddisni Sabaa,
Sanyii ABO dhaa,goota biyyaaf Abbaa,
Jabaadhu,bakkayyuu,hamileen kee jabaa,
Qabsoo ati gootuun,diina mataan cabaa,
Itti fufi qabsoo,barri numa darbaa!!!!!!!!!!!!!!!!

Inni keessaa fi alaa,kan kallattii hundaa,
Booranaa fi Baarentuu,ilmaan Abbaa Gadaa,
Hayyoonni Oromoo,warri fuune waadaa,
Jabaadhaa,bakkayyuu,dhalooñni nuun aadaa,
Ofirraa haa kaafnuu,Wayyoonata duudaa!!

Harmee Haadha Gootaa

Wal Quunamtii Uummata Jidduu Kutuuf Jecha Dhaabbati Tajaajila Bilbila Itiyoophiyaa Godinoota Oromiyaa fi Beneshangul Gumz Tajaajila Bittaa Siim Kaardii Dhorkataa Jira.

Aside

IMG_20150309_101911Gabaasa Qeerroo Naqamtee,Bitootessa 9,2015, Dhaabbanni Ethio Telecommunication jedhamu Oromiyaa godinoota adda addaa fi naannoolee Beeneshangul Gumuz tajaajila bilbilaa dhorkachaa jira. Addatti Wallagga lixa keessaa fi naannoon Beeneshangul gum, tajaajila bilbilaa fi bittaa SIM akka hin arganne guutummaatti dhorkaa jira,haalli kunis uumanni Oromoo technology fayyadamuun mootummaa irratti wal kakaasaa jira sababaa jedhuun jiraattoti bilbilaa fi SIM kaardii argatanii akka hin bitannee sababaa dhorkeef jecha jiraattoti konkolaataan hamma magaalaa Naqamtee deemanii akka bitatan taasifamaa jira.

Haala kanaan hiriitti tajaajila bilbila bituu daran hammaachaa jira,jiraatoti godina adda addaa irraa gara magaalaa Naqamtee dhufuuf illee geejjibi gahaa akka hin jirre Qeerroon addeesse.

Sagalee QEERROO Bilisummaa Qophii Bitootessa 7, 015

Aside

Godina Jimmaa Keessaatti Warraaqsi Bilisummaa Qeerroo Bilisummaan Qabsiifame Deggersa Uummataan Aanota Adda Addaa Keessatti Itti Fufe

Aside

diddaa9Bitootessaa 7,2015 Godina Jimmatti FDG goototni Qeerroon barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii Jimmaa, Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggoota Oromoo magaalaa Jimmaan qabsiifame gara uummatatti tarkaanfachuun aanota Godina Jimmaa addaa addaa keessatti sochiin warraaqsaa itti fufe.

Sochiin warraaqsaa FDG mootummaa Wayyaanee haala yaaddeessa keessa galchee jiru, jabaachuun gara manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti balbal’achaa jiraachuu gabaasaan keenya addeessee jira.
Iyyannoon hoggantootni sochii warraaqsaa FDG kan gaaffii mirga abbaa biyyummaa akka waliigalatti gaaffii 14 of keessa qabu yeroo amma kana guutummaa Oromiyaa irraa tamsaasuun Oromoon bakka jiru hundaa harka wal qabatee sagalee tokkoon akka falmatuuf hogganootni sochii warraaqsaa FDG karaa nagaa gaggeessa jiran bakka hundaa qaqqqabsiisuun ilmaan Oromoo wal duukaa hiriirsisuuf qophii dursaa xummuruun sochii warraaqsaa kan eegalani jiran ta’uu beeksisan.

Goototni sabboontonnii Oromoo sadarkaa garaagaraa irratti argaman bakka jiran hundaa uummata qindeessuu fi sochii warraaqsa FDG tti makaamaa jiraachuu irraa Mootummaan Wayyaanee muddama guddaa keessa seenuun barsiisota manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi sadarkaa 1ffaa maqaa qorannoo jedhuun dararaa jiraachuu irra darbuun barsiisota ilmaan Oromoo nagaa isin sochii warraaqsa FDG qindeessaa jirtu jechuun mana hidhatti darbaa jiraachuun ifa ba’ee jira.

Godina Jimmaa keessatti manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi tokkoof Magaalaa Jimmaa, Aanaa Mannaa , mana barumsaa Yabbuu sadarkaa 2ffaa, Aanaa Goommaa mana Barsumsaa Ceecoo sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa hanga 8ffaa, Mana baraumsaa Aggaroo sadarkaa 2ffaa fi 1ffaatti barsiisotni fi barattootni shakkamuun guyyuu maqaa qorannoo jedhuun dararamaa jiraachuun ibsamera.

Sabboontotni Barsiisotni Oromoo sochii warraaqsaa keessatti hirmattan jechuun mana hidhatti darbamaa jiraachuun ibsame jira. Haala kanaan M/B Ceecoo sadarkaa 1ffaa fi kutaa 1ffaa hanga 8ffaa kanneen barsiisan barsiisotni oromoo mana hidhaatti darbamaa jiraachuun ibsamera. Sababaa kanaan barsiisaa 1. Sisaay Bayanee kan keessatti argamu barsiisotni Oromoo 3 mana barumsaa Ceecoo sadarkaa 1ffaa hanga kutaa 8ffaa barsiisan ukkanfamamanii mana hidhatti darbamuun dararama jiraachuun ibsamera. Kana Malees sochii uummataa qindeessuu fi sochii warraaqsa FDG keessaa jirtu jedhamuun kadhimamtoonni Paartii mormituu KFO (OFC) lama magaalaa Aggaroo keessatti halkan edaa bitootessaa 7/2015 halkan keessaa sa;aa 4:00 irratti tarkaanfiin reebichaa humnoota poolisootaa fi hidhattoota Mootummaa abbaa irree wayyaaneetiin reebamuun
gabaafamera. Kaadhimamtootni paartii mormituu Oromoo kun:
1.Mohaamed Abbaa Magaal Dinagdee abbaa maatii
2. Saabir Tamaam Sheiharabi kanneen jedhaman utuu dorgomtoota
Poortii mormituu karaa nagaa wayyaanee waliin sochii godhu keessatti hirmaachuun dorgomtoota ta’anii utuu jiranii mirgi isaanii irraa mulqamee mana galmaa isaniitti reebamanii, manni galmaa isaanis dhagaadhaan kan reebamee maca’ee ta’uun ibsamera. Dorgomtootni poortii mormituu kunsi filmaaticha gadhiisanii akka bahaniif dirqisiifamuun daraaraan irra qaqqaba kan jiruu fi sochii warraaqsaa FDG eegalamee jiruun raafama keessa seenuun Mootummaan wayyaanee uummata keenya irratti yakka dalagaa jiraachuu beeksiise.
Hoggantootni sochii warraaqsaa FDG biyyaa Dimookiraasiin hin jirree keessatti filmaata sobatti hiriiruun bu’aa tokko illee kan hin fidne ta’uu hubachuun uummatni Oromoo mirgoota Dimookiraasiin qabuu fi namummaa kabachiifachuuf harkaan walqabatee gara warraaqsaa FDGtti akka makamu gadi jabeessuun waamicha gochuun FDG bakka hundatti haala walfakkattuun kan itti fufu ta’uu hubachiisera.

Bitootessi, 8 Guyyaa Dubartoota Aduunyaa

Aside

Oromo: Students Write Appeal Letter to University Administration

Aside

unpoMarch 3, 2015

Oromo: Students Write Appeal Letter to University Administration

The Oromo Students of Jimma University wrote an appeal letter to the university administration, as a reaction not only to harassment they face at the university, but also to widespread repression, political marginalization, economic exploitation, and killings of the Oromo people by the current Ethiopian government. They list demands for the government and appeal to the United Nations and human rights and governmental organizations to provide support for their struggle by putting pressure on the Ethiopian regime.

Read More:-   http://unpo.org/article/18006

“Qeerroo Jabeeffanna” Sabboonaa Oromoo Artist Addisuu Furgaasaa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, March 7, 2015

Aside