Adoolessa 16,2017/ Uummanni Shaggar lixaa rakkoo guddaa keessa jiraachuu Qeerroon naannoo Sana’a addeessan.akka gabaasa qeerroo naannoo sanaatti rakkoowwaan jireenyaa ilma namaaf barbaachisan kan akka,tajaajila Daandiin, Ibsaa,Bishaan fi kkf guutummaatti surni nama nyaataa mootummaa wayyaanee ummatarraa kuteera uummanni rakkoo guddaa keessatti argama.
Kun kanaan osoo jiru uummanni dalagee jiraachuu hin dandeenye,tajaajila uummanni argaachuu qabu kutuun gibira humnaan olii nurratti fedhuun mirgaa fi haamilee keenyaa cabsaa jira jechuun uummanni quba nyaachaa jira.sirni nama nyaataa mootummaan wayyaanee kun ilaalcha gad aanaa waan qabuuf hanga kana duraa karaa hedduun duguggaa Sanyii nurratti raawwaachaa ture ammammoo karaa gibiraa uummata keenyaa biyya mancaasuuf waan kadheef sabni Oromoo dammaquu qaba.qaamni sagalee guddaa qabu akka qeerroo kutaa maraa gurra nubuusan nudhaama jechaa jiru qeerroon naannoo sanaa. Continue reading
Adoolessa 15,2017/ Godina Shaggar Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Bushooftuutti Wayyaaneen Ummata Oromoo wlafaaf qabeenya isaanii irraa saamtee kaan investaraa biya alaatif kaan Wayyaanotaaf ciccirtee.qooddee Amma Ummata harka qalleeyyiif ispoonsarummaa warshaalee biiraa irraa arganneen Ansoolaa, Firaasha, Fi Uffata gara garaa kenninaaf jedhee itti
gaafatamaan waajjira Hojjataaf Hawaasummaa Obbo Baayisaa Waarii ummata keenna cinaa jirra ummanni keennas nu cinaa haa jiraatu ammaan booda jiraattonni hundi namoota akkanaa kana qarqaruuf akka dirqama qabu fi karaa ittiin buusii buuftaniif irratti haala mijjeessaa jirra jechuu.Saamicha maallaqaa karaa hundaan itti fufaa jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo Bushooftuu gabaasanii jiru.
Adoolessa 15,2017. Godina Arsii Aanaa Siree keessatti Guyyaa har’aa Suuqonni cufaa oolanii jiru. Tilmaama gatii kan galii gibiraa jechuun waajjirri Galii Aanichaa maxxanseen wal qabatee daldaltoonni hojii dhaabanii jiru Waraanni wayyasnees magaalicha keessa deemee ummanni dirqamaan akka suuqii daldalaa isaanii banan furqamsiisuf tattaafachaa jiraachuu maddeen keenya magaalaa Siree gabaasanij jiru. 
Gidduugaleessaa Oromiyaa Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG Kanfaltiin gibiraa dachaa guddaan Uummatarratti dabalamuu waliin walqabatee daran jabaachuun Mormii Guddaan Qeerroo Dargaggoota Oromoo, Daldaltoota fi Uummata Hundaa kan Hirmaachise Warraaqsii Finiinaa jira.