Adoolessa 15,2017/ Godina Buunnoo Beddelleetti gibirri humnaa olii uummata keenya irratti gatamaa jiru biyya keenya sodaa keessa galchee jira.Bu’uuruma kanaan magaalaa Beddelleetti hoteela tokkotti gibirri murtaa’ee jiru waggaatti 4,000,000 (miliyina afur).Akkasumas Aanaa Daaboo Haannaa Magaalaa koneetti mana puulii tokkotti qarshii 7000 (kuma torba)dha.Mana rifeensaa tokkotti qarshii 4000(kuma afur)dha. Akkasumas suuqii xiqqaan guyyaatti tilmaama qarshii 76tti daldalee kan oolu gibirri itti murtaa’ee jiru qarshii 2500 dha. Egaa akka naannoo beddelleetti haali jiru otoo kana ta’ee jiruu magaalaa Beddelleetti namootni iyyannaaf gara waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwaniitti dhiyaatan guyyaa 6/11/2008 -07/11/2009 tti tilmaamaan namoota 200 irra gahaniiru.Akka Daabootti guyyaa lamman kana keessatti namoota 700 irra gahaniiru.Haalli jirtu haala sodaachisaa fi gaddisiisaadha. Walumaa galatti haalli naannoo jirtu ammaaf kanuma yeroovbiraa hanga walitti deebinutti nagaatti.