Adoolessa 15,2017. Godina Arsii Aanaa Siree keessatti Guyyaa har’aa Suuqonni cufaa oolanii jiru. Tilmaama gatii kan galii gibiraa jechuun waajjirri Galii Aanichaa maxxanseen wal qabatee daldaltoonni hojii dhaabanii jiru Waraanni wayyasnees magaalicha keessa deemee ummanni dirqamaan akka suuqii daldalaa isaanii banan furqamsiisuf tattaafachaa jiraachuu maddeen keenya magaalaa Siree gabaasanij jiru.
Gama biraan Gibirri Wayyaanen Ummatarraa waggaa 26 guutuu saamaa baate Maqalee misoomsaa turee jechutti jiru jiraattonni Magaalaa Ginniir.Ummanni Godina Baalee Magaalaan Gindhiir gibira jettanni Ummata keenna nurraa hin burjaajessinaa jechuun ergamtoota wayyaanee Afaan qabachiisaa jiru.Gibirri hanga har’aa magaalaa tanaa walitti qabdan magaalaa tam misoomsaa ture? Finfinneedha moo maqaleedha Maqalee akka taate eennumtuu hin beeka qotee bulaaf daldalaa kamuu akka magaalaa kanaatti gibira humnaa ol itti fe’uu mitii hanguma duraan kaffalchiiftan sanuu yoo gaafattan hin qaanoftanii ammaan booda yoo nageenna ummataati kan yaaddan ta’e oduu gibiraa tana nurraa laaffisaa jechuun OPDO qaanessaa jiraachuu maddeen keenya gabaasanii jiru