Category Archives: Oduu/News
Kaaba Shaggar Keessatti FDG Itti Fufe,Oromoonni Waraana Wayyaanee Keessa Jiranis Oromoo Ajjeessuu fi Hidhuun Haadhabatu Jechaa Jiru.
Aside
Caamsaa 24,2015 irraa kaasee FDG dhaabbilee barnootaa fi godinoota garagaraa keessatti itti fufee jiraachuun waan beekamaadha. FDG Yuuniversitii Mattuu, Wallaggaa,Amboo, Adaamaa, Bulee Horaa fi Madda Walaabuu keessatti itti fufee jira. Mootummaan Wayyaanee yoomiyyuu FDG barattoota oromoo fi uummata oromoon qabatu dura kan dhaabbatu humna waraana isaatti fayadameeti. Wayita kanas Wayyaaneen hidhattoota isaa dhaabbilee barnootaa kanneen akka yuuniversitii qubachiistee barattoota eegaa jirti. Waraanichuma keessattiyyuu gar tokkeen FDG barattootaa deggeruudhaan barattoota miidhamuu irraa wal ittisaa jiru.sa’a waraanni wayyaanee FDG dura dhaabbachuuf mootummaa ergatu kanatti walakkaan gara barattootaa, gara uummataa dhaabbataa jiru kanatti FDG itti fufuun gama hundaan uummata Oromoo irraa feesisa.
Shaggar kabaatti kan eegale har’as akkuma jirutti itti fufee diddaan finiinaa jira. aanaalee kannen akka sulultaa, caancoo, kuyyuu, akaakoo fi kkf keessatti diddaan uummataan qabate shamarran, ijoollee fi maangullee itti hirmaachisaa dhuguma mootummaan wayyaanee saamtuu, daldalaa fi hattuu, ajjeesaa fi shororkeessaa ta’ee uumata irra dhaabbataa kan jiru tahuu uummanni wal hubachiisee kanaan achi aangoo isaatti yoo fufe uummata oromoof kan xumuraa saamichi lafaa kan durii caalaa itti fufee akka jiraatu hubatuun uummanni shaggar kaabaa aanaalee adda addaarraa diddaa isaa jabeessee mootummaa wayyaanee dura dhaabbataa jira.
Qonnaan bulaa 10 ol kaleessaa fi har’a aanaa Kuyyuu irraa tika mootummaan qabamanii mana hidhaatti darbamuu qeerroon gabaasa.
Daandiin konkolaataa yeroodhaa yerootti dhagaadhaan kan cufamu,waraanni wayyaanee diddaa uummataa dura dhaabbatuuf deemu
daandii ittiin darbu dhabe. Akkasuma konkolaataa diinaa irratti uummanni sulultaa keessatti tarkaanfii fudhataa jira. barattootni mana
barumsaa sadarkaa garagaraa baratanbarumsa dhaabuu gabaasni Qeerroo addeessa.
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Asoosaa Warraaqsa Bilisummaa Jabeessuun Nyaata Lagatan.
Aside
Waxabajjii 02,2015 Asoosaa
FDG Yuuniversitii Asoosatti Ka’e. Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Asoosaa irraa, Waxabajii 2/2015 Barattootni ganama har’aa irraa kaasuun nyaata lagatan, kun maalif ta’aa shakkiin uumameen Poolisoonni mooraa Yuuniversitaachaas barattoota keessa faca’an, erga ganama sa’a 2:00 booda barattootni bakka jiranii walitti dhufuun nuti oromoodha, beekaas qabna, dureessas qabna muummicha ministeeraa kan tahus nukeessa jira Wayyaaneen hanga yoomitti nurratti moohee jiraata, biyya keenya irratti hanga yoomitti mirga abbaa biyyummaa dhabnee jiraanna jechuun iyya dhageessisan.
Waraqaan FDGs ni bittimfame. Guyyaa guutuu barattootni mooraa keessa deddeebi’uudhaan Bilisummaa Bilisummaa jechuun dhaadannoo dhageesisuu fi barruu garagaraa maxxansa. Diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf humni ergame miidhaa barattoota irratti akka hin raawwanne wal akeekan. Ganama sa’a 2:00 irraa kan egale FDG hanga ammaatti itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasa jira. hojjetootni barsiisonni mooraa Yuuniversitichaa guutummaan diddaa barattoota sabboontota Oromoo deggeran. Galgala kana sirbootni qabsoo, dhaadannoon Qeerroo dhageesifamaa jira. Torbee kana barumsa barachuu dhaabuu waamicha dabarsan.
Naannoo Kibbaa Godina Oomoo Aanaa Hamar Ganda Damakaa Keessatti Diddaan Sirna Wayyaanee Ka’e
Aside
Waxabajjii 2,2015 Gabaasa Qeerroo Godina Oomoo
Naannoo Kibbaa godina Oomoo aanaa Hamar ganda Damakaa keessatti Fincilli ka’e. mootummaan wayyaanee aangotti erga bahee rakkoon guyyaa
guyyaatti nutty dabalaa dhufe, mirga dhabnee, barataan keenya baratee hojii hin argatu jechuudhaan uummani qonnaan bulaan magaalaa Damakaa
keessa jiraatu FDG kaasuu dhagayame. Fincila ka’een dargaggooni magaalichaa fi tika mootummaa gidduuttis diddaan jabaatee oole.
Garaagarummaan humna waraanaa diddaa uummatichaa dura dhaabbatuuf deeme gidduutti uumame. Uummata keenya hin miinu gaaffii isaa gaafatu kan jedhu gartuu biraa kan sochii uummataa deggeruu fi ilmaan tigrayi kan ta’an uummata mirga isaaf falmatu irratti dhukaasa banuuf wargaman wal dura dhaabbachuun uummanni deggersa humna waraana isaan deggeru waliin FDG finiinsee jira.
Mootummaan Wayyaanee hattuudha, gabroonfataadha. Yoo dhumne hin dhumna malee mootummaa wayyaaneef hin jilbeefannu Mirgi shamarran keenyaa haa eegamu. Barataan keenya hojii haa argatu, obbolaan keenya mana hidhaa keessa jiran yakka malee maqaa siyaasaaf dararriin irra gahu haa hiikaman Lafti keenya qonnan bulaa irraa fuudhames haa deebi’uuf Jechuun uummanni kibbaa godina Oomoo aanaa Hamar keessatti har’a Waxabajii 2,2015 diddaa eegalee jiraachuu Qeerroon gabaase. Dargaggoonni Oromoo (Qeerroon)n waraqaa gaaffii mirgaa magaalicha keessatti facaasaa akka ture gabaasi addeessa.
Seenaa Solomoon “Yaa Hawwii koo” New Oromo Music Video 2015
Aside
Jaarmiyaan Qeerroo Idil-Aduunyaa Deggersa Dargaggoota Oromoof Qabu Itti Fufuun Tinni’isa Diinagdee Taasise.
Aside
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 02,2015 Finfinnee
Waajjirri isaa biyya Ameerikaa keessa kan ta’e Jaarmiyaan Qeerroo Idil-Adduunyaa sochii dargaggoota Oromoo Oromiyaa keessaa bilisummaa fi dimokiraasiif falmaa godhaa jiru Qeerroo Bilisummaa Oromoo gargaaruuf jecha deggersa maallaqaa doolaara 2,300 (kuma lamaa fi dhibba sadii) gargaaruun sochiin mirga namoomaa fi dimokiraasii akka jabaatu, uummanni Oromoo walabummaa isaaf sochii godhu keessatti gaheen warraaqsa dargaggootaa (Qeerroo) caalaatti akka cimuuu fi Oromoonni ykn dargaggoonni mootummaa cunqursaa Wayyaanee jalatti hidhaa fi reebichaan dararaman akka tin’isa argatan taasisan.Gargaarsa ta’e kanaafis Qeerroon Bilisummaa galata lammummaa galcha.
Jaarmiyaan Qeerroo Idil-Aduunyaan ammaan dursa yeroo adda addaatti sochii dargaggoota Oromoo kan bilisummaa fi dimokraasii ykn Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa keessatti karaa nagaa falmaa taasisaa jiru gargaaraa turuun ni yaadatama. Qeerroon Bilisummaa Oromoo gargaarsa yeroo adda addaatti ta’e galata guddaa galchaa imaanaa qabsoo sabaa hegereefis caalaatti alaa keessaan akka hojjennu abdii wal irratti gatna jedha.
Taajjabdoota Filatnoo Wayyaanee Ta’anii Kanneen Sagalee Uumataa Dhoksaan Gurguran Uummanni If Keessaa Saaxilaa Jira.
Aside
Gabaasa Waxabajjii 02,2015
Naannoo Ammayyaa keessaa fi godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ummatni namoota taajjabduu filatnoo dharaaf taa’ee sagalee isaanii gurgure of keessa jiraachisuu dhorkee hari’ee jira.
Naannoo Ammayyaa keessaa nama Gaaddisaa Hirphaa jedhamu Magaalaa Qotaa jedhamu keessatti taajjabaa ta’ee kan ture iddoo sanatti kan filatame isa harka ture , garuu waan isa harka ture san dabballoota Wayyaaneetti ni gurgurate waan ta’eef ummatni of keessaa hari’ee bakka jireenyaa dhabsiise . Akkasumas, Ganda Habaadhoo Hoolee jedhamutti kan filatame harka waan tureef tajabaa hari’anii sagalee ummataa bakka dhoksaa keessa dhokate irraa uummanni diigee baasuun sagalee isaa keessa gara sagalee 26 ta’u gara Finfinnee geessanii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.
Gaaffii Uummata Irraa Ka’aa Jiru Dura Dhaabbachuuf Jecha Karoora Guddina Transformation Lammaffaa Jechuun Hogganooti Wayyaanee(OPDO) Magaalaa Naqamteetti Wal Gahaa Jiru. Loltooti Dhalootaan Oromoo Ta’anis Jimmatti Qoratamaa Jiru.
Aside
Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 02,2015
Waltajjiin kaabinoota Wayyaanee OPDO baha Wallaggaa guyyaa har’aa kana magaalaa Naqamtee galma naqamteetti geggeeffamaa jira
Gabaasi maadhee Qerroo qaama mootummaa keessaa akka gabaasetti kaayyoon waltajjii Wayyaanee uummatichi filmaata sobaarratti harka qabanii ,reebaa fi hidhaadhaan gidirsaa moone jedhan irratti gaaffi addaa waan kaasaa jiruuf jecha deebii akkamii laatamuu akka qabuufi maqaa karoora guddinaaf tiraanisfoormeeshinii lammaffaa jedhuun uummaticha afaan faajjessuuf akka ta’e beekameera.
Korojoo filannoo sobaa Wayyaanee irratti namni tokko hin filanne jedhanii yeroo maxxansa illee uummatichi namni biraan yoo filachuu baates sagaleen koo eessa bu’e jechuun gaaffi dhalchaa jira. Guutuu impaayera biyyattiitti kun haqa jiru yoo ta’u oduun bubbulee Wallagga bahaa aanaa Leeqaa Dullachaarraa nuqaqqabe akka mul’isutti namooti hedduun ganda baataa yakkin irratti sagaleenkoo eessa bu’e jechuun gaafatan hanga ammaatti mana hidhaatti dararamaa jiru.
Gama biraan ammoo Waxabajjii 1,2015 Godina Kibba dhihaa Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessatti poolisootni fi Wwrannii Wayyaanee dhalootaan Oromoo ta’aan ABO waliin hidhata qabdu jedhamuun qorannoon dararama jiru.
Ilmaan Oromoo waraana kaampii Waraana dhiha Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessatti argamanii fi poolisootni kora bittinneessaa Oromiyaa fi poolisiin magaalaa baleessaa tokko malee Oromummaa isaanii qofaan humna waraanaa ABO waliin hidhata qabdu jedhamuun qorannoon dararamaa kan jiranii fi isaanuma keessa immoo ilmaan Oromoo hidhamuun dararamaa jiraachuu madden keenya saaxilan. Ilmaan Oromoo kun face book, Email, skype, fi twitter, fayyadamuun ABO waliin qunnamtii tolfattan mootummaa garagalchuuf adeemaa jirtu jedhamuun face book, email, skype fi twitter isaanii akka sakkatta’amuu dirqisiisaa jiraachuun, kanneen social media kamiinuu hin fayyadamneen immoo beekaa dhoksitan jechuun darararamaa jiraachuu madden keenya saaxilan.
Filannoo Wayyaanee Bara 2015 Fi Haala Yeroo Biyyattii Keessaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo.
Aside
Filannoo Wayyaanee Bara 2015 Fi Haala Yeroo Biyyattii Keessaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 01,2015 ,Waamicha Uummata Oromoo- Qeerroon Bilisummaa Oromoo haala yeroo irratti hundaa’uun Sochii warraaqsa FDG filannoo sobaa fi itti fakkeessii Mootummaan Wayyaanee EPRDF’n gaggeesse irratti Uummata isaa waliin ta’uun FDG kan jabeessee jiruu ta’uu fi Murtii amma uummatni Oromoo fudhachuu qabu ilaalchisuun Ibsa gabaaba uummata Oromoo hundaaf dabarsee jira.
Uummaatni Oromoo sirna gita bittoota Habashootaa humna qawween aangoo qabataniif yeroo inni osoo hin falmatin tolee bulaafi ture hin jiru. KKeessattuu kan yeroo dhiyoo yoo fudhanne, Ebla 11, 2014 as qindoomina fi waamicha ilmaan Oromoo qaroo dhaloota Qubee, Qeerroo bilisummaa oromootiin waamicha uummata isaatiif FDG dabarseen gaaffiin abbaa biyyummaa, gaaffiin mirgaa fi walabummaa biyya keessaa fi biyyoota ambaa keessatti dhageettii guddaa argateera. Wareegamani qaaliin lubbuu gaafattus ittus itti kaffalameera.
Warraaqsi kun Warraaqsa diinni Oromiyaa dhuunfachuuf dachee Oromiyaa Finfinnee fi naannoo isheetti argamaan qoodachuuf, karoora diinni maqaa ‘’Master plan’’ jedhuun qopheeffate adda durummaan kan dura dhaabbatee fi kaayyoo diinaa fi gabrummaa dura dhaabbachuun diina raafama guddaa keessa kan galchedha. Uummatni Oromoo Warraaqsaa FDG utuu addaan hin kutiin ittuma fufuun jumlaan ajjeefamuun, jumlaan hidhamuu fi barnootaa fi hojii irraa arii’atamuun bilisummaa isaaf falmachuu irraa akka duubatti deebisuu hin dandeenye mootummaa garboonfataa wayyaaneetti argisiisuun waggaa tokkoo oliif Warraaqsi qabsiifame jabaachuun itti fufe.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo (QBO) Sochii warraaqsaa kana kallatti hundaan Uummata Oromoo ijaaruu fi qindeessuun lafa dimookiraasiin hin jirree fi mirgi dhala namaa hin kabajamnetti filannoo dimookiraatawaa gaggeessuun soba jechuun ololli maqaa filannoo fakkeessii wayyaaneen oofamaa jiruu dhaabbachuu qaba, jechuun irra deddeebiin ibsamaa tureera. Caamsaa 24,2015 dilbata darbe mootummaan Wayyaanee EPRDF’n filmaata fakkeessii sobaa gaggeessuun walqabatee Qeerroon uummata dammaqsuu fi waliin ta’uun FDG irratti qabsiisee jira. Kana malees Uummatni Oromoo Oromiyaa cufa irraa bilisummaa isaa gonfachuuf hiriiree jiraachuu diinatti argisiisan. Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 01 2015





