Mudde 30,2015 Godina Horroo Guduruu wallagaa Aanaa Amuuruutti Warraaqsii Fincila Xummura Gabrummaa (FXG)n daran Jabaachuun itti Fufe; Ajjeechaan jumlaa,hidhaa fi Waraanni Nurratti labsamee kaafamee hangaa Gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi Master pilaaniin Finfinnee fi labsiin Magaalotaa oromiyaa Labsiin Haqamutti warraaqsaarraa takka duubatti hin deebinu jechuun Uummatni Oromoo Horroo Guduruu Aanaa Amuuruu gurraa haradhaa Warraaqsaa finiinsaa olan, haalumaa walfakkaatuu dheengaddaa Aanaa Guduruu Magaalaa Gabatee keessattis warraaqsii FXG jabachuun kan itti fufe yoo ta’uu, humnni waraanaa uummata jumlaan hidhuu fi ukkaamsee gara dabarsuu fi ajjeechaa yakka waraanaan uummata Siivilii irratti fudhatamu jabeessuun itti fufuun Uummatni Oromoo Magaalaa Kombolchaa, Magaalaa Fincaa’a fi Magaalaa suluula Finca’aa bakka warshaa sukkaraa finca’aatti humni waraana ittisa biyyaa uummata irra qubsiifamee halkanii guyyaa uummata dararaa jiraachuun gabaafame jira.
Category Archives: Oduu/News
Aside
Dargaggoo Biqilaa ykn Kafanii Xaafaa har’a guyyaa 30/12/2015 bakkaa dalagaa isaa magaalaa Sabbaata irraa polisoota mootummaa Wayyaaneen ukkaamfame.kan dhalatee guddate Godina Kibba Lixa Shaggar ganda Leemmanitti.
Biqilaan sabboonaa fi onnee Oromummaa nama qabu yeroo ta’u yeroo adda addaatti loltoota Wayyaaneen doorsifamaa fi akeekachiifamaa akka ture beekama.
Qindeessaan Mana Barnoota Sadarkaa 1ffaa Wallaggaa Jaarsoo fi Solomoon Takiluu Hojjetaa Mana Murtii Aanaa Jaarsoo Loltoota Wayyaaneen Qabamanii Bakka Buuteen Wallaalame.
Aside
Muddee 30,2015 Barsisaa Ifaa Hailee kan jedhamuu qindeessa ykn itti gaafatamaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Jaarsoo Gabaa Dafinoo kan ta’ee galgalaa har’aa 30/12/2015 jechuun manaa jireenyaa isaa sakkata’uun isaa immoo qabanii manaa hiidhaatii darbatanii jiru! Barsisaa Ifaan kan inni qabameef yakka dallagee osoo hin tanee Gaafiin bartootaa gaafii keenya jechuun namoota Caffee Oromiyaa irraa dhufaniif gaafii hedduu kan dhiyyeef mormii waltajii irraattii kaaseef guyyaa manaa hiidhaa anaa Jaarsoo galee jira.
Kana malees Solomoon Takiluu kan jedhamuu hojeetaa mana murtii Anaa Jaarsoo kan ta’ee guyyaa kalleessa sa’a 11:30 irraattii qabamee kan turee guyyaa har’aa eessa akka isaan busaan hin beekne! Dabalaataniis qerroon anaa jaarsoo gandaa Adda’aa Gorbaaf Gandaa Odaa Qanqaa torbee darbee keessa goddo Shanee naannoo sanii gubbuun bakka teessoo Wayyannee dhorkaa jiru!
Dhaamsa Waggaa Haaraa HD-GS-ABO
Aside
Dhaamsa Waggaa Haaraa HD-GS-ABO
Ummata Oromoo Kabajamaa, Waraana Bilisummaa Oromoo, Miseensota ABO biyya keessaa fi alaa, akkasumas, ummatoota Cunqurfamoo Itoophiyaa keessa jirtan maraaf, baga waggaa haaraya 2016 geessan jechaa, waggaan haaraan kunis kan bilisummaa fi nagaa itti argannu hunda keenyaaf akka nuuf tahu hawwiin qabu ibsa.
Nagaatti aansuudhaan, lammiilee Oromoo mirga ummata isaaniif jecha falmaa karaa nagaa hiriira adeemsisaniin mootummaa shororkeessaan gara-laafina malee ajjeefamanii lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganiif Addi Bilisummaa Oromoo gaddi itti dhagahamu ol’aanaa tahuu ibsaa hundi isaanii tarree wareegamtoota kabajaa olaanaa qabaniitti kan galmaawan tahuus hubachiisa. Wareegama isaaniitti firii gochuufis falmaa hadhaawaa kana hanga bilisummaan mirkanaawuu kan itti fufu tahuu mirkaneessa.
Kanneen haqa ummata isaanii kabajsiisuuf jecha gaaffii mirgaa kaasuu isaanii qofaaf, barataa, hojjataa fi qotee-bulaa Oromoo magaalaa fi baadiyyaa irraa mana hidhaa suukanneessaa keessatti dhamaafamaa jiran hundaaf ABOn kabajaa qabuuf ibsachaa onnee Oromootaa hunda keessatti guyyuu kan yaadataman tahuu beeksia.
Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii irratti, qe’ee dhalootaan irra jiraatan irraa humnaan buqqaafamuun jireenya dhala namaaf hin malle keessatti gatamanii jiran hunda, miidhaan irra gahaa jiru hundi sababa sabummaa isaaniitiin tahuu hubachiisaa, rakkoon irra gahaa jiru kan Oromoo hundaa tahuu yaadachiisuu barbaada. Furmaatni rakkoolee kanneen hundaas falmaa kana finiisuudhaan bilisummaa ofii qabsoon gonfatuu qofa tahuu kana waliin hubachiisuu fedha.
Yaa Ummata Oromoo,
Waggaan dhumataa jiru waggaa yeroo hundaan olitti eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf shira mootummaan Wayyaanee shire dura dhaabbatuuf wareegamni Ol’aanaan itti kafalame dha. Falmaan Ummatni Oromoo daangaa Sudaan irraa hanga Somaaleetti, Kaaba Impaayerittii irraa hanga Daangaa Keenyaatti adeemsise kan ummata Ormoo hunda hirmaachise tahuun, sadarkaa guddinni QBO irra gahe kan firaa fi diina hubachiise, ummata Oromoo tokkoomse, kanneen mooraa diinaa keessatti hiriiranii turanillee gara mooraa qabsootti deebisuun ummata isaanii cinaa akka dhaabbataniif dirqe waan taheef seenaa keessatti bakka guddaa qaba. Hubannaa fi dammaqinsi, qaroominaa fi bilchinni ummatni Oromoo fincila geggeessu keessatti agarsiise, kan seenaa Itoophiyaa keessatti mul’atee hin beekne kan nama boonsuu fi egeree Oromoo dukkana keessaa ifatti baase dha. Kunis firii falmaa hadhaawaa ummatni Oromoo, ABO fi WBO godhanii tahuu kan haalu jira jennee hin amannu.
Waggaan haaraan wayta seenu kan fuula duraa karoorfatuuf kan dabre ilaallatuun waan barame tahuu irraa, haala siyaasaa biyyattii, haala dinagdee fi hawaasummaa irratti dhugaa mul’ataa fi qabatamaa jiru wal yaadachiisuun barbaachisaa taha. Gareeleen seenaa dabre hin kaasiinaa, irraanfadhaa jechuun miidhaan ummata keenya irra gahe dhokatee akka hafu barbaadan akka jiran beekamaa dha. Haa tahu malee kan dabre kaasan malee kan keessa jiran hubatuu fi fuula dura ofii beekuun ulfaataa waan tahuuf qaphxiilee garii kaasuun dirqii taha.
Dhaamsa Waggaa haaraa HD GS ABO
https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/dhaamsa-bara-haaraa-2016-hd-gs-abo-jaal-daawud-ibsaa-irraa
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Obarraa Keessatti Diddaan Jabaatee Itti Fufee Jira
Aside
Har’a Mudde 30,2015, Goodina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Obarraa keessatti jabaatee itti fufee akka jiru maddeen keenya gabaasaniiru.
Barattootni Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa fi Qophaa’inaa Amuruu ganama irraa jalqabuun mormii isaanii dhageessisaa oolaniiru. Mormii guyyaa har’aa geggeeffame irratti Goototni barattoota Oromoo Manneen barumsaa sadarkaa 1ffaa fi qophaa’inaa Amuruu Karaa guddaa gara Magaalittii seensisu cufuun balaaleffannaa isaanii dhageessisuu kan jalqaban yommuu ta’u, balaaleffannaa jechaa gara handhuura Magaalittiitti kan dhufan yommuu ta’u, Poolisoonni Wayyaanees barattoota irratti reebicha gara jabeenyaa kan raawwatan ta’uu isaanii maddeen keenya gabaasaniiru.
Humnoonni tikaa Wayyaanee aara ija boossisu uummataa fi barattoota irratti dhukaasuun barattoota hedduu kan reeban yommuu ta’u, Barattoota hedduu hammi isaanii hin beekamnes hidhuun reebaa akka jiran beekameera. Yeroo barattootni Oromoo fi sabni Oroomoo FDG cimsee geggeessaa jiru kanatti Bulchiinsi Magaalittii (Magaalaa Obarraa) Qabsoo Oromoo dhaamsuuf guyyaa guyyaan walgahii jechuun uummata yaamaa kan jiru yommuu ta’u, Uummatni Oromoo Magaalittiifi naannawa ishees walgahii nuffisiisaa Wayyaanee lagachuun diddaa isaanii agarsiisaa akka jiran maddeen gabaasaniiru. Hawaasni Oromoo Magaalittii fii Aanaa Amuruu keessa jiran qabsoo keenya bilisummaan alatti humni dhaabuu danda’u hin jiru jechuun qabsoo isaanii cimsanii itti fufuuf keessa keessaan marii guddaa geggeessaa akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru.
Wallagga Lixaa Jaarsoo Keessatti Daldaltoota Nagada Isaanii Guutummaatti Cusiisuun Kaabinooti Wayyaanee Walaghii Uummata Yaaman Irratti Salphatan.
Aside
Mudde 30.2015 Jaarsoo, Guyyaa har’aa Mudde 30,2015 Wallagga Lixaa Magaalaa Jaarsoo keessatti motummaan Wayyannee ummaata daldaltoota ta’aan hundaa isaa kan manneen nagadaa isaanii cufsisuun hojii malee dirqamaan wal ga’ii jedhee yaasa olee!
- Ummannii Oromoo dirqiin wal ga’ii ya’eess yaada mormii kaneen dhiyyeessa olaan!
- Maaliif ilmaan keenyaa gaafii seeraan gaafateef deebiin isaa rasasaa ta’a?
- Motummaan gibirraa humna olii nutii ramadanii
- Master pillaniif labsii magaalootaa Oromiyaa ummaaniif ilmaan keenya lubbuu isaa dhiigaa isaa lafee isaa itti dabarsee nun ta’uu osoo maaliif motummaa yoo ummannii itti amanee malee jedha?
Kana caalaa akkamiin mormaa ummannii jechuun gaafii hedduudhan jalaa deemtoota wayyannee mataa dhukkubbsaa ollaan boriis itti fufa jecha jiru warri Wayyaanotaa.
Barsiisaa Seenaa Kan Ta’e Sabboonaan Oromoo Aliyyii Kaasaa Godina Shaggar Lixaa Mana Baantuu Irraa Loltoota Wayyaaneen Ukkaamfame.
Aside
“Oromoo Gurguran Warri Abbaa Garaa” #OromoProtests Cimdeessaa Ayyalaa Warra Lamii Gane 2016
Aside
Warraaqsi Xumura Gabrummaa Wallaggaa ona Ganjiitti Keessatti Ka’een Wal Qabatee Sabboontoti Humna Waraana Itiyophiyaan Butamanii Bakka Buuteen Hanga Ammaa Hin Baramne.
Aside
Mudde 30,2015 ,Diddaan uummataa gaaffii karaa nagaatiin gaafataa jiruuf mootummaan Wayyaanee hidhaa fi ajjechaa jabeessee jiraatuun waan beekamaa tahullee kana keessa darbuun dargaggoon fi uummanni Oromoo harka qulla mootummaa abbaa irree dura dhaabbatanii falma isaanii itti fufanii jriu. Yeroon kun gara xumura gabrummaa ofirraa kaasuu tahuunis waanuma ifaadha. Wallagga lixaa ona Ganjiitti fincila kaleessa Muddee 29/2015 ka’een miidhaa gurguddaan qonnaan bulaa, barataa fi hojjetoota irra gahee jira. Kaleessa namootni hedduun bakka buuteen isaani dhabamee jiru hanga eessatti akka geeffamaniif I bakki isaan buusan dhabamee jiru liistii isaanii armaan gaditti tarresiinee jirra.
1. Iddoosaa Bandii-qonnaan bulaa
2. Immiruu Kumarraa-qonnaan bulaa
3. Waqtolaa Tufaaa-qonnaan bulaa
4. Rattaa Maammoo=qonnaan bulaa
5. Garrammu Fiqaaduu-qonnaan bulaa
6. Iddoo Fiqaaduu-qonnaan bulaa
7. Eebba Tarrreessaa kan jedhaman
Isaan kunneen qonnan bulaa humna waraana wayyaaneen butamani magaala Ganjii irraa gara itti dhabamsiisan yoommu tahu isaan kanaa gadii ammoo abbaa alangaa namni sadii bakka buuteen isaanii dhabamee jira.
8. Abbaa Alangaa Tashooomee
9. Abbaa Alangaa Caalchisaa
10. Abbaa Alangaa Eebbisee Getahun
Isaan kun abbootii alangaa dhabamaniidha. Kanatti fufuun barattootni dhabamanii jiran hanga ammaatti

