Muddee 30,2015 Barsisaa Ifaa Hailee kan jedhamuu qindeessa ykn itti gaafatamaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Jaarsoo Gabaa Dafinoo kan ta’ee galgalaa har’aa 30/12/2015 jechuun manaa jireenyaa isaa sakkata’uun isaa immoo qabanii manaa hiidhaatii darbatanii jiru! Barsisaa Ifaan kan inni qabameef yakka dallagee osoo hin tanee Gaafiin bartootaa gaafii keenya jechuun namoota Caffee Oromiyaa irraa dhufaniif gaafii hedduu kan dhiyyeef mormii waltajii irraattii kaaseef guyyaa manaa hiidhaa anaa Jaarsoo galee jira.
Kana malees Solomoon Takiluu kan jedhamuu hojeetaa mana murtii Anaa Jaarsoo kan ta’ee guyyaa kalleessa sa’a 11:30 irraattii qabamee kan turee guyyaa har’aa eessa akka isaan busaan hin beekne! Dabalaataniis qerroon anaa jaarsoo gandaa Adda’aa Gorbaaf Gandaa Odaa Qanqaa torbee darbee keessa goddo Shanee naannoo sanii gubbuun bakka teessoo Wayyannee dhorkaa jiru!
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist
Pingback: Qindeessaan Mana Barnoota Sadarkaa 1ffaa Wallaggaa Jaarsoo fi Solomoon Takiluu Hojjetaa Mana Murtii Aanaa Jaarsoo Loltoota Wayyaaneen Qabamanii Bakka Buuteen Wallaalame. | Dhaamsa Ogeettii