Humna Qilleensaan Uummata Nagaa haleelaa mariin geeggeefamu nagaa fidu hin danda’u.
Ibsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Mootummaan Bilxiginnaa Kufaati gama Siyaasa, Diingdeen, Dippiloomaasiin isaa mudatee jalaa of olchuuf Maqaa Marii Biyyooleessaa jedhun umurii angoo isaa dheereffachuuf afaan faajjii adda adda uuma jiraachu taajjaba jirra.
Maqaa Marii Biyyooleessaa Milkeessuu jedhun Hidhamtoota Siyaasaa Hogganoota KFO fi kan Saboota biroo muraasa hiikuun mariif qophitti jiraachuu Miidi’aleen Sirnichaa lallabaa jiru.
Hogganoonni KFO hidhaa irraa hiikamu isaanitti nigammana kan isaan hidhaa irraa hiikamanis jaalalaa Bilxiginnaan osoo hin taane qabsoo Uummanni Oromoo gama hundan geggeessa jiru fi Sabboonni Cunqurfamoon geggeessa jiraniin hiikamaan jenne amana.
Mootummaan Bilxiginnaa Hayyuu Duree ABO dabaltee Hogganoota,Qondaloota ABO, Miseensoota KFO Godina hanga Aanaa fi Gandatti hidhee jiru hundaa hidhatti dhiisuun namoota muraasa qofaa hiikuun mariin geeggeefamu rakkoo biyyaattin keessatti kuftee jirtu nihameessa malee akkani hin furree hubachiisna.
Gama tokkon marii jechaa gama kaannin immoo waraana labsa, uummataa nagaa Dirooniin haleelaa marii jedhamu kan shiraa ta’u ragaa ba’aa. Continue reading

Murni PP erga Afaan qawween angoo biyyatti qabatee Uummata Oromoo ajjeessufi hidhu hojii idilee isaa godhachuun gochaa sanyii dugugaa uummaticha irratti rawwaacha jira.
Sirni Afaan Qawween uummataa Oromoo bulchaa jiru Bilxiginnaan erga angoo biyyatti humnaan qabate agaami inni Oromummaa baleessuuf rawwachaa jiru yeroo yeroon dabalaa akkuma dhufen Uummata Oromoos gatii guddaa kaffalchiisutti argama. 


Waggaa 16n har’aa Sadaasa 9/2005 guyyaa Fincila Diddaa Garbummaa dhaabni Qabsoo Bilisummaa Oromoo adda durummaan gaggeessaa tureefi jiru ABOn ummanni Oromoo keessumaa ilmaan isaa qeerroon akka gamtaan ka’anii mirga abbaa biyyummaa, hiree ofii, ofiin murteeffachuufi mirga abbaa biyyummaaf falmatanii FDG walirraa hin cinne akka gaggeessan guyyaa waamicha itti dhiheesse, ykn FDG itti labsedha.
Bilisummaa Oromoo ajjeechaa Humni Addaa Amaaraa (Miliishaan Amaaraa) mootummaa giddugaleessaan tumsamu deddeebi’ee ummata Oromoo nagaa fi hidhannoo hin qabne irratti raawwatu gadi jabeessee balaaleffachaa ture. Mootummoonni impaayera Itoophiyaa dantaa siyaasaa isaanii milkeeffachuudhaaf walitti bu’insa sabaafi sablammootaa akka tarsiimoo siyaasaatti fayyadamuudhaan kan beekaman yoo ta’e iyyuu, walitti bu’insi yeroo ammaa yeroo kamiyyuu caalaa daran hammaatee jira. Miliishonni Amaaraa qofatti of boobbasanii, akkasumas humnoota mootummaa federaalaa fi Ertiriyaa waliin qindoomuudhaan naannoo Oromiyaa fi naannoo Beneeshaangul Gumuzitti bobbaafamuun isaanii ni yaadatama. Fakkeenyaaf kanuma yeroo dhihoo raawwatame yoo fudhanne, ji’a Gurraandhala fi ji’a Bitootessaa bara 2021 keessa Milishonni Amaaraa heddduu ta’anii fi meeshaalee waraanaa gurguddoo hidhatan uummata Oromoo Nagaa, Godina Wallaggaa Bahaa, bakkoota Waasti, Sireedooroo, Hagamsaa fi Haroo/Lalisee jedhaman keessa jiraatan irratti rasaasa roobsuudhaan Oromoota nagaa fi hidhannoo hin qabne hedduu ajjeesanii jiru. Tibbuma kana, gareen waraana Ertiriyaa loltoota hedduu of keessaa qabu Naannoo Beneeshaangul Gumuz, Godina Matakkalii fi godinoota Qellem Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaa, Shaashamannee, Godina Gujii fi Booranaa dabalatee lixa Oromiyaa keessatti bobbaafamanii ajjeechaa hedduu raawwatanii jiru.