Ajjeecha PP’n Dargaggoota Oromoo irratti Xiyyeefachuun jumla rawwachaa jiru Dargaggoota Oromoo qabsoo irraa jiilchuuf itti yaadamee kan rawwaatamaa jirudha.

Ajjeecha PP’n Dargaggoota Oromoo irratti Xiyyeefachuun jumla rawwachaa jiru Dargaggoota Oromoo qabsoo irraa jiilchuuf itti yaadamee kan rawwaatamaa jirudha.
Ibsa Gaddaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
cropped-qeerroo11-4.jpgMurni PP erga Afaan qawween angoo biyyatti qabatee Uummata Oromoo ajjeessufi hidhu hojii idilee isaa godhachuun gochaa sanyii dugugaa uummaticha irratti rawwaacha jira.
Addatti ammoo Dagaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun Oromiyaa bakka hundatti ajjeechaa sukkaneessaa rawwachuutti jira.
Dargaggooni lafee dugdaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ta’u waan beekuuf Bilxiginnaan Qabsoo irraa jilchuuf ajjeecha suukaneessaa Dargaggoota Oromoo irratti irra deeddebiin rawwachuutti argama.
Ajjeechaan Mudde 18,2021 Jaallan Miseensoota Qeereoo Bilisummaa Oromoo irratti Magaalaa Naqamteetti raawwaates Dargaggooti Oromoo mirga Abbaa Biyyummaaf Qabsoo akka hin geeggesine,qabsoo keessatti hin hirmanneef jilchuuf kaadiroota PP’n itti yaadamee kan raawwateedha.
Ajjeechaan Miseensoota QBO irratti Magaalaa Naqamteetti rawwaate hedduu kan nama rifasiisudha. Jaallan Wareegaman yeroo dheeraaf Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti of kenninsan boqonnaa tokko malee dirqama isaani ba’a kan turanidha.
Jaal. Abubakar Nuree FDG, FXG qindeessun finiinsuu keessatti qooda seenaan hin daganee ba’aacha ture Jaal Nimoonnaa Ijigguu,bara 2018 Kitaaba Alanfanaa Bishaani jedhu barreessuun Og-baruu Oromoof Gamache ture jaal Amanu’eel Habatamuu fi Jaal Robsaan akkasuma .
Jaal Abubakar Nuree fi Jaal Nimoonnaa Ijigguu bara 2019 Magaalaa Naqamtee fi Finfinneetti humna tika PPn qabamun mana hidhaa Komiishi poolisii Finfinnee fi Qilnxootti hidhamun waggaa lama booda ji’aa murasaa dura manni murtii Federaala bilisa isaan baase .
Mana hidharra ba’uun osoo hin turiin tikni PP adaamsun haala suukanneessaan ajjeesse. ajjeechaan jumlaa Oromiyaa guutuu keessatti uummata Oromoo irratti rawwaacha jiru daran kan nama yaadessudha.

Bara darbee Sadaasa 2020 Magaalaa Naqamteetti Waraanni PP Dargaggoota 4 bakka tokkotti ajjeesse ture ammas gochaa sanatu irra deebi’ee.
Ajjeechaa Jaallan Miseensoota QBO irratti Mudde 18,2021 Naqamteetti Poolisii Humna Addaa Oromiyaan rawwaaten gadda guddatu nutti dhagaa’ame. Maatii, firoota, Jaallan Qabsoo, hiriyootaf jajjabina hawwaa.
Mayii irratti Uummanni Oromoo yeroo kanatti dammaqee Wareegama ilmaan isaatti firii gochuun Oromummaa isaa olchuuf yeroon itti qabsoo finisuu amma. Yoo kan mana teenyu ta’e osoo hin jaallattin dirqamaan du’a keessumeesuuf jirra kanaaf Qeerroon, Qarreen uummanni Oromoo qabsoo isaa akka jabeessu gad-jabeesinee waamicha dhiyeesina!
Injifannoo Uummataa Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo !
Mudde 19,2021!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s