Humna Qilleensaan Uummata Nagaa haleelaa mariin geeggeefamu nagaa fidu hin danda’u.

qeerroo-edit

Humna Qilleensaan Uummata Nagaa haleelaa mariin geeggeefamu nagaa fidu hin danda’u.

Ibsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo!

Mootummaan Bilxiginnaa Kufaati gama Siyaasa, Diingdeen, Dippiloomaasiin isaa mudatee jalaa of olchuuf Maqaa Marii Biyyooleessaa jedhun umurii angoo isaa dheereffachuuf afaan faajjii adda adda uuma jiraachu taajjaba jirra.

Maqaa Marii Biyyooleessaa Milkeessuu jedhun Hidhamtoota Siyaasaa Hogganoota KFO fi kan Saboota biroo muraasa hiikuun mariif qophitti jiraachuu Miidi’aleen Sirnichaa lallabaa jiru.

Hogganoonni KFO hidhaa irraa hiikamu isaanitti nigammana kan isaan hidhaa irraa hiikamanis jaalalaa Bilxiginnaan osoo hin taane qabsoo Uummanni Oromoo gama hundan geggeessa jiru fi Sabboonni Cunqurfamoon geggeessa jiraniin hiikamaan jenne amana.

Mootummaan Bilxiginnaa Hayyuu Duree ABO dabaltee Hogganoota,Qondaloota ABO, Miseensoota KFO Godina hanga Aanaa fi Gandatti hidhee jiru hundaa hidhatti dhiisuun namoota muraasa qofaa hiikuun mariin geeggeefamu rakkoo biyyaattin keessatti kuftee jirtu nihameessa malee akkani hin furree hubachiisna.

Gama tokkon marii jechaa gama kaannin immoo waraana labsa, uummataa nagaa Dirooniin haleelaa marii jedhamu kan shiraa ta’u ragaa ba’aa.

Tibba darbe Amajji 6,2022 Oromiyaa Dhihaa Godina Qellem Wallaggaa Gidaamii Ganda Burii jedhamutti mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Burii  humni Qilleensaa Bilxiginnaa haleele, Amajji 7,2022 Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Mana Sibu Ganda Caalaa Daabbus jedhamus humni Qilleensaa Bilxiginna haalele.

Humna Qilleensaan Uummata Nagaa haleelaa mariin geeggeefamu nagaa fidu hin danda’u. Rakkoo biyyaattin keessatti kufte jirtu keessaa kan baasu danda’u marii haqaa qabeessa kan hunda hirmaachiseedha jenne amana.

Kanaaf uummanni Oromoo da’oo Marii Biyyooleessaa jedhuun shira isaatti deema jiru dammaqinan ilaalun qabsoo isaa akka jabeessu hubachiisa.
Gamanuman Hogganoota KFO hidhaa irra hiikamuun maatii isaanitti dabalamaniin Baga Gammaddan jecha.

1.waahilaan qabsoo keenya  hogganoonni  KFO hidhaa irra ba’aan hidhaa sagalee isaanii fi yaada isaanii bilisaan ummatatti ibsachuu dhabuu biraatti akka hin seenne abdii qabna.

2. Hogganoonnii fi miseensotiin ABO manneen hidhaa Oromiyaa mara keessa jiran hatattamaan bahanii bilisaan akka ummata isaanii keessa sosso’an gaafana.

3,Haleellaa Humni Qilleensaa Bilxiginnaa  Diroonii fi Jeetiin uummataa Oromoo irratti rawwaacha jiru hatattamaan akka dhaabbatu jenna.

4. Komaandii Postiin haal duree tokko malee Uummatarra akka ka’u gaafana

5.Loli addaan hin cinne Oromyaa irratti gaggeeffama jiru  akka dhaabbatu .

6. Humni Alagaa Oromiyaa keessaa akka bahu

7. Ajjeechaan, manneen Qotee bulaa gubuu, hidhaa dhuma hin qabne ummatarraa akka dhaabbatu .

8.Hidhamtootni Siyaasaa Kuma Kurnootan Oromiyaa keessaatti hidhaa  jiran haal duree tokko malee akka hiikaman .

9. Hayyuu Dureen ABO duree qabsoo Oromoo waan ta’eef isa uggura jala kaayanii nagaa fi dimokraasii labsuun gonkumaa furmaata waan hin taaneef hatattamaan uggura jalaa akka bahu.

Dhuma irratti Uummanni Oromoo kan durii caalaa yeroo kanatti tokkummaa isaa eegun  haala bara 2018 ture irra barachuun mooraa qabsoo Oromoo fi qabsaa’oota Oromoo tiksun bilchiinan qabsoo isaa akka jabeesu dhaamana!

Injifannoon Uummataa Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo !

Amajji 12/2022 !

 

 
 
 
Sent from my Galaxy

Leave a comment