Manguddoti Gadaa jilatti osoo jiranii ajjeefamuun caalaa waan nama gadiisisu hin jiru kaan ammoo achi buuteen dhabamsiifaman jedhama odeeffanoo kaleessaa Mudde 2, 2021, Godina Shaggar Bahaa aanaa Fantaallee ganda Aayaa Boolee keessatti Abbaa Bokkuu dabalatee hayyoonni gadaa sirna baallii wal harka fuudhinsa baallii bara dhufu geggeeffamuuf osoo jila gadaa geggeeffataa jiranii waraanni murna bilxiginnaa jila kanatti marsuun hunda isaanii qabanii ganda Nyafuroo geessuun namoota 14 achitti ajjeesanii namoota 25 ammoo qabanii deemuun achi buutee isaanii dhabamsiisanii abbaan qe’ee, qe’eesa irratti Salphina akkasi arguun daba namoota ajjeefaman kana keessaa abbaan Gadaa Karrayyuu kan bara dhufu baallii kennuuf deemuu fi maatii tokko keessaa abbaa fi ilmi akkasumas obboleeyyan lameen keessatti argamu jedhama
Namooota ajjeefaman keessaa kan maqaan isaanii beekamee guyyaa har’aa sirni awwaalcha isaanii geggeeffame.
1. Kadiiroo Hawaas Boruu (Abbaa Bokkuu)
2. Jiloo Diidoo Fantaallee
3. Odaa Carcar Odaa
4. Boruu Fantaallee Jiloo
5. Bulaa Fantaallee Hawaas
6. Bulgaa Fantaallee Hawaas (Obboleeyyan)
7. Jiloo Dhaddoo
8. Fantoo Waaqayyoo Dagalee
9. Hawee Roobaa Hawaas
10. Fantaallee Boruu Galaasoo (abbaa)
11. Boruu Fantaallee Boruu (ilma)
12. Boruu Godaanaa Boruu fi
13. Qumbii Gurraacha Boruu ti.
Kanneen wareegaman seenaan barabaraan isaan haa yaadatu.
