Waggaa 16ffaa FDG yeroo kabajannu gootota yaadachaa, kaayyoo gootonni kufaniif galmaan gahuuf Irbuu haaromsanna!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 9 Guyyaa FDG ilaalchisuun kenname!

 
cropped-qeerroo11-4.jpgWaggaa 16n har’aa Sadaasa 9/2005 guyyaa Fincila Diddaa Garbummaa dhaabni Qabsoo Bilisummaa Oromoo adda durummaan gaggeessaa tureefi jiru ABOn ummanni Oromoo keessumaa ilmaan isaa qeerroon akka gamtaan ka’anii mirga abbaa biyyummaa, hiree ofii, ofiin murteeffachuufi mirga abbaa biyyummaaf falmatanii FDG walirraa hin cinne akka gaggeessan guyyaa waamicha itti dhiheesse, ykn FDG itti labsedha.
Ummanni Oromoo keessumaa barattoonni dhaabbilee barnootaa sadarakaa gadiirraa kaasee haga Yunivarsiitiitti baratan FDG kana wal irraa fuudhuun sadarakaa har’a qabsoon Oromoo irra jiru kanaan gahaniiru.
Gaaffii mirga abbaa biyyummaa, gaaffii hiree ofii ofiin murteeffachuu, qabsoo dhugaa, qabsoo haqa ofii deebisachuu ummanni Oromoo barootaaf itti jiru kana; barataan Oromoo harka duwwaa qalama qabatee waraana diinaa dura dhaabbachuun, gariin ammoo ogummaa Aartii qabuun ummata warraaqsatti dammaqsee onnachiisuun, kan hafe ammoo beekumsaan, qabeenyaa fi dandeettii qabu maratti fayyadamee diinni akka baaragu, addunyaan immoo qabsoo uummatni Oromoo itti jiru akka quba qabaattu taasisaniiru.
Seenaa irraa akka hubatamutti, ummanni diddaa gochuu danda’u, ummata ijaaramee fi dammaqiinsa horatedha. Ijaaramuu jechuun ummata wal-dhaga’u, waliif ajajamu, yaada tokko qabu, wal irratti amantaa qabu, afaan tokko dubbatuu fi waliin adeemu jechuudha. Ummanni ijaaramuuf ammo dhaabni ykn jaarmayaan isa ijaaru jiraachuun barbaachisaa dha. Yoo kan uummata dura deemee isa ijaaruu fi karaa itti argisiisu hin jiraanne FDG’n gaggeeffamu firii hin qabaatu. Yoo ijaarame ummanni humna guddaa homtuu dura dhaabbachuu hin dandeenye tahee bakka yaade ykn galma qabsoo isaa ni gahata. Jaarmayaa ykn dhaaba malee baay’inni ummataa hamman tahullee milkaa’aa ta’uu hin danda’u. Ummanni yeroo diddaa adeemsisu of irratti amanuu fi shakkii malee qabsoo isaa fuula duratti deemsisuuf jaarmiyaan ykn dhaabni isa taliigu jiraachuun dirqama.
Ummatni Oromoos Wareegama gootota keenya biyya isaaniif jecha kufan xurree isaanii qabatee garbummaatti goolaba gochuuf, har’as ilmaan Oromoo baay’een kufanii kuffisuu filatanii qabsoo Bilisummaa Oromoo kallacha isaa ABO jalatti ijaaramanii akeekaa fi kaayyoo dhugaa ganamaa kan qabsaa’otni kumaatamni irratti wareegaman ammas dhalootni irratti wareegamaa qabsoo finiinsaa jira.

Fincilli Diddaa Garbummaas (FDG) diddaa ummatni Oromoo kabajamuu mirga isaaniif karaa nagaas godhaniif kallacha qabsoo uummata Oromoo dhaaba ABOtiin sadaasa 9/2005 waggaa 16n har’aa labsame. Gootota Barattoota Oromoo kan harqoota gabrummaa saba Oromoo irraa buusuuf jecha mormii FDG humna mootummaa dura dhaabbachuun gaggeessaa turan irratti iddoo fi haala adda addaatiin lubbuu isaanii qaalii dabarsanii daandii haqaa barbaacha kanneen wareegaman keessaa kan akka: Almaayyoo Garbaa, Gaaddisaa Hirphaasaa, Simee Tarrafaa, Shibbiruu Damissee, Malkaamuu Tarrafaa, Dirribee Jifaar, Jaagamaa Badhaanee, Kabbadaa Badhaasaa, Yaasiin Mahaammad, Alamuu Tasfaayee, Lammaa Anbassee, Caalaa Xiiqii, Abdallaa Haasan fi kan biroon seenaa dhiigaan barreessanii dhalootni lafee isaanii riqicha godhatee akka qabsoo galmaan gahuuf warra sodaa tokko malee daandii dhugaa qabatanii xurree goototaa irratti kufan hundayyuu seenaan ilmaan Oromoo bara baraan isaan ni yaadata.
Dhaloonni har’a jirrus qabsoo FDG dhaabni kallacha qabsoo uummata Oromoo ABOn waggaa 16n har’aa labse yeroo irraa gara yeroottis jabaachaa deemuun wareegamni gurguddaa fi ulfaataan hin dagatamne kaffalamus warreen qabsoo Oromoof jecha daa’imaa hanga mangudootti, misirroo hanga harmee ulfaatti, qaama miidhamaa irraa hanga hayyuu Oromootti, qotee bulaa hanga daldalaatti, barsiisaa hanga barataatti warreen bilisummaa Oromiyaaf jecha wareegaman ammas wareegamaa jiran gumaa isaanii bilisummaa Oromootiin deebisuuf har’as qabsoon FDG finiinsamuun qabsoon karaa nagaa balballi itti cufamuun dhalootni qabsoo hidhannoon daranuu jabaatee itti fufaa jira.
FDGn sadaasa 9/2005 dhaaba kallacha qabsoo uummata Oromoo ABOn labsame ummata Oromoo guutuu addunyaa biratti finiinaa as gahuun Fincila Xumura Garbummaas har’a Qabsoo Bilisummaa Oromoo falmaa karaa nagaa bira darbee, falmaa hidhannootiin finiinaa jira. Yeroo akkanaa keessatti FDG darban wal-yaadachiisuun, gama tokkoon hidhannoo seenaa ta’uun dhaloota qubee keenya ni boonsa; gama biraan immoo, ummati keenya qabsoo hidhannootti kan seene, karaa nagaa falmachuu yaalee erga itti milkaa’uu dhabee ta’uu mul’isa.
Sabni keenya waanjoo gabroomfattootaa of irraa kaasuuf, qabsoo Bilisummaa karaa nagaa finiinsamuun akka milkaa’uuf yaaliin gochaa turame wareegama ulfaataa qabsaa’ota Oromoo qaaliin kan itti dhabaman tahuu irraa kan ka’e fedhiin qabsoo karaa nagaa mirga ofii falmachuu sun milkaa’uu waan dhabeef, finciloota kanneen gara qabsoo hidhannootti ceesisuun dirqama ta’uu hubatee dhalootni kaleessa harka duwwaa FDG gaggeessaa ture har’a immoo murna Bilxiginnaatiin daandiin qabsoo karaa nagaa itti cufamuu irra darbee manaa baafamee ajjeefamuu, manneen barnootaa irraa qabamee hidhamuun kan isa yaaddeesse Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo karaa nagaa irraa gara qabsoo hidhanootti seenuun finciloota kanneen daran qindeessaa, haaromsaa fi humneessaa adeemuun barbaachisaa ta’uu agarsiisaa jira.
Fincila Diddaa Garbummaa FDG Sadaasa 9/2005 ABOn labsame waggaa 16ffaa baranaa yeroo kabajnuu fi yaadannu haala akkaan ulfaataa fi rakkisoo tahan murna abbaa irreetiin labsiin yeroo muddamaa labsamee ummatni keenyi yeroo daran afaan qawween ajjeefamaa, hidhamaafi saamamaa jirutti akkasumas qabsaa’otni Oromoo qabsoo daandii nagaa filachuun qawwee lafa kaayanii qalamaan qabsootti seenan dhugaan isaanii awwaalamee haqa dhabanii murtee seeraa tokko malee yakkamaan isaan yakkee waggootaaf manneen hidhaa adda addaa keessatti wayita hidhamanii dararamaa jiran yoo tahu, gama biraan immoo qarqara Bilisummaa irra geenyee garbummaa of irraa gatuuf garboomsaatti xumura gochuuf wayita qabsoon hidhannoo dhaloota qubeen Finfinnee marsee Oromiyaa bakkoota hedduun bilisummaa isaa afaan qawween gonfatee jirutti tahuun miira gaddaa fi gammachuun yaadannee oolla.
Qabsaa’ota FDG finiinsuu keessatti qooda isaanii bahachaa wareegaman ammas fincila hadhaawaa garbummaatti xumura gochuuf kuffisanii kufaa jiranii fi jaallan qabsaa’ota Oromoo haqni jalaa dhokattee manneen hidhaa keessatti dararaa ulfaataa keessa jiran wayita gaddaan yaadannu, lafee wareegamtoota keenyaa riqicha godhachuun bu’aa bahii hedduu booda abbaa irreetti xumura gochuuf qabsoo hadhooftuu geggeessanii gola Oromiyaa hundatti foolii bilisummaa agariisanii warreen kufanis hidhamanis bu’aan isaanii ulfa tahee dhalachuuf gahee jiraachuu isaatiin immoo guyyaa kana kka gammachuun yaadannu nu taasisa.
Walumaagalatti Fincila Diddaa Garbummaa FDG sadaasa 9/2021 waggaa 16ffaa isaa wayita kabajannee ykn yaadannee oollu hundi keenya bakka sirna kana itti gaggeessinutti kan wal yaadachiisuu qabnu: Imaanaa gootota sabboontota Oromoo fi qeerroo kufanii gaaffii ummata Oromoo, gaaffii mirga abbaa biyyummaa dhiiga isaanii irratti gadi naqan, lafee isaanii irratti caban yaadachaa, akeeka isaanii galmaan gahuuf waadaa keenya haaromsuudhaan irbuu seenuun taha.
Goota yaadachaa kaayyoo goonni kufeef galmaan gahuuf caalaatti hojjechuun kan hunda dursuu qabu yoo tahu, holola diinaaf gurra kennuu dhiisanii FDG waggaa 16 dura adda duree qabsoo Oromoo ABOn labsamee kan har’a dhiiga Qeerroo Oromootin FXGtti cehe fiixa baasuuf hojjechuutu imimmaan Oromoo haqa; isa santu dhiiga gootoota keenyaatti kabaja hora.
Jaallan keenya Fincila Diddaa Garbummaa irratti wareegaman yoomiyyuu yaadachaa lafee isaaniin Oromiyaa ni ijaarra; Bilisummaas dhiiga isaaniin ni barreessina!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 9/2021
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s