Ajjeechaan Karrayyuutti Abbooti Gadaa dabalatee  jumala uummataa keenyarratti rawwate Duula Oromoofi duudha isaa balleessuuf PP’n rawwatteedha!

Ajjeechaan Karrayyuutti Abbooti Gadaa dabalatee  jumala uummataa keenyarratti rawwate Duula Oromoofi duudha isaa balleessuuf PP’n rawwatteedha!

 Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo!

qeerroo1Sirni Afaan Qawween uummataa Oromoo bulchaa jiru Bilxiginnaan erga angoo biyyatti humnaan qabate agaami inni Oromummaa baleessuuf  rawwachaa jiru yeroo yeroon dabalaa akkuma dhufen Uummata Oromoos gatii guddaa kaffalchiisutti argama. 

Duudhaafi Aadaa sabaa tokko yoo cabsan salphatti Uummaticha cabsun niidanda’ama PP’nis tooftaa  kanaan Uummata Oromoo cabsuuf tarkanfi hadha’a uummaticha irratti fudhachuutti jira.

Uummata Oromoo yeroo adda addatti kutaan gargar qooduuf murni PP waan hin goone hin qabu sanatti milka’uu waan hanqateef Abbooti Oromoo Aadaafi sirna Oromoon qabu dhaloota dhaalchiisutti argaman garaa jabeenya guddaan ajjeessun Duudha , Aadaa Fi Eenyummaa Oromoo balleessuuf akka ta’e Ajjeechaan Karrayyuutti Abbooti Gadaa (Abbaa Bookuu) dabalatee dargaggoota bor Gadaa Micheelle dhaluun Gadaa fudhachuuf abdataman irratti rawwate argisiiftu guddadha. 

Sirnoonni yeroo hundaa Oromoo birratti gaddan yaadataman kanneen akka Miniliik, Hayilee Silaasee, Dargii fi EPRDF Duudhaa fi Aadaan Oromoo eenyummaan Oromummaa akka baduuf waan hin goone hin qaban.

Sirni daandii abbootti irree hordofu PP’nis gocha sirnoonni mootii kanneen akka Miniliik fi fakkattoonni isaa Oromoo irratti rawwachaa turan dabale rawwachuutti argama. 

Ajjeechan Mudde ,12021 Giddu Gala Oromiyaa Konyaa Shaggar Bahaa Aanaa Fantalleetti Oromoota Karrayyuu irratti rawwate gadda Onnee namaa cabsudha. Aggami Oromummaa , Duudhaa, Aadaa Oromoo balleesuuf sirni fashistii Koloneel Abiyii Ahmadin uummata Oromoo irratti rawwatedhas jenne amanna. 

Abbootti Gadaa Karrayyuu irratti xiyyeefachun ajjeechaan rawwatame sirna Gadaa Oromoo ajjeessuf abjuu PP’n qabu kan argisiisudha. Oromoonni Karrayyuu sirnooti dhufa darban osoo ajjeeffamu saamamuu Aadaafi duudhaa isaatti cichuun  tikfate kan har’a ga’edha. 

Oromoota Karrayyuu duudhaa Oromummaaf wardiyaa ta’an irratti tarkanfii Murni PP fudhate gadi jabeesine balalleefanna,duras niidhabbanna.

Yeroo amma kana Oromiyaan kallatti hundaan dhiigaa kan jirtu yoo ta’u murni PP fi Finxaleeyyii naannoo Amaaraa waltumsun  Oromoota Walloo, Wallaggaa, Gujii ,Karrayyuu fi Lixa Shaggar Noonnoo  irratti gocha sukkaneessa rawwachuutti argama. 

Gochii garaa jabeenya Uummataa Oromoo Wallaggaa, Lixa Shaggar Noonnoo, Gujii, walloo fi Karrayyuu irratti rawwataa jiru bor Oromiyaa guutuu keessatti rawwachuuf deema kanaaf Uummanni Oromoo kan durii caalaa dammaqe tokkummaa isaa eegatee Qabsoo isaa finiinsuun garbummaatti xumura akka godhu Qeerroon Bilisummaa Oromoo Waamicha dhiyeessa. 

Qabxii eejjannoo argaman gadiis baasna.

1,Oromoofi Oromiyaaf yeroon kun yeroo jirachuuf jirachuu dhabu waan ta’ef  Uummanni Oromoo kallatti hundan ofqopheesu qaba. 

2, Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan durii caalaa ijaarsaa isaa ciimsachuun  dirqama dachaa irra jiru ba’achuuf tokkummaan falma isaa dhumaaf ofqopheessu qaba. 

3, Uummanni Oromoo biyya alaaf keessa tokkumman kan durii caalaa  Waraana isaa WBO tumsun dirqama Oromummaa isaa akka ba’atu jenna.

4, akkuma yeroo adda addatti Waamicha gocha turre Ilmaan Oromoo Rayyaa Ittisa Biyyaa keessaa, Poolisii Federaalaa , Humna Addaa Oromiyaa, Poolisii Idileefi tika PP keessa jirtan yeroon itti gara sabaa keessani goorun Gaddafi gadadoo keessaa sabaa keessan baastan malee yerootti sirna kuffe jiru PPf wardiyaa taatan miti. waan ta’ef osoo yeroon hin darbiin Uummata keessanitti deebi’a WBO waliin Qabsoo Bilisummaa Oromoo akka  tumsitan dhaamna.

Dhuma irratti Oromoota Karrayyuutti Waraana Bilxiginnaan jumlan ajjeeffamaniif gadda nutti dhaga’ame ibsa Maatii, Firoota, hiriyyaa,fi uummata Oromoo balladhaaf jajjabina hawwina! 

Injifannoon Uummataa Oromoof !

Qeerroo Bilisummaa Oromoo !

Mudde 3 ,2021

Finfinnee Oromiyaa!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s