Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuniverstii Jimmaa Irratti Gocha Suukkanneessaa Raawwataa Jiru Irratti Dabalee Har’a Dhukkaamsuu Eegale.

Aside

Amajji 16,2016)
Barattoota Jimmaa Yunibarsiitirraa Ukkanfamani bakki buuteensaanii dhabame kan maqaan nu ga’e kana gaditti katabneerra
1,Kennaa Daammana (Seera Waggaa 5ffarraa)
2,Abdiisaa Bantii (Nurs Waggaa 2ffaarra)
3,Abram (Nurs Waggaa 2ffaarraa)
4,Bultuu Fiqaaduu (Foklarii waggaa 3ffaarraa) kanneen hafan hedduun kan jiranidha barattoota kana dhabusaanii malee essa akka ga’an hiriyoonnisaan hanga har’a beekanii hin jiran

Baha Wallaggaa Sibu Siree naanno Gabaa Sanbataatti Amajjii 15,2016 FXG Gaggeefame.

Aside

Amajjii 16,2016)
Baha Wallaggaa Sibu Siree naanno Gabaa Sanbataatti Kaleessa FXG gaggefameen ummanni Oromoo biyya keenya barbaadna,mootummaan Wayyaanee nurraa haa ka’u jechuun dheekkamsuu fi dhadatnoon hiriira bahe.

Kana malees jala deemtota Wayyaanee kanneen ta’an milishoota naannichaa uummata gidirsaa jiran irratti uummanni barnoota sirreessaa kenneefii akka jiru Qeerroon gabaasa

Barattooti Qophaa’ina Biiftuu,Dargee Qophaa’ina NaqamteeHiriira FXG Bahaniin “Abbaan Biyyaa Oromoo” Dha Jechuun Gootummaan Waraana Wayyaanee Dura Dhaabbachaa Oolan.

Aside

Amajjii 15,2016 Guyyaa har’aa Barattooti qophaa’ina Naqamtee fi Mana barumsaa Daargee hiriira FXG bahuun gootummaan Waraana Wayyaanee dura dhaabbachaa oolan.

Barattooti kun dhadatnoo dhageessisaa turan Oromoon abbaa biyyaa dha,walabummaa keenya barbaadna. Oromiyaan biyya Oromooti. Mootummaa keenya tolfachuu barbaadna kan jedhuun dhadhatnoo dhageessisaa turan.

Haala kanaan barattooti mana barumsaa Daargee irraa baratooti kanneen kun hidhamuu dhagahama.

  1. Faana Amalawarq Bulii
  2. Leencoo Abdiisaa
  3. Simee Tafarraa
  4. Tafarii Dhangi’aa
  5. Biqilaa Baandaa

Goota Saba Isaa Oromoof Jecha Lubbuu Aarsaa Godhe, Geeggeessaa Jaal Abdataa Abdataa Olaansaaaf/Walaloo

Aside

12540529_1510388605923143_5360242150813297572_nLeelloo Sabaatiin,

Gaaffii abbaa biyyummaa, kan jaarraa oliif ture,

Baroota hedduuf ka’ee, deebii homaatu dhabe,

Hedduun itti dhumee, hedduun itti hidhame,

Harki itti ciramee, harmi irraa murame,

Akka harree fi gaangoo takaallaan oofamee,

Faanni ilaalamee, ilkeen lakkaawamee,

Mootummaa Ixoophiyaan, gabaatti baafamee, hedduun gurgurame(2)

Hiraarri kun hunduu, waan jiruuf har’a illee,

“Kun dhaabbatuu qaba !”, jedhee eerga murteessee,

Abdataa Olaansaa falmaa kan eegale(2)

Falmaan isaa kun, falmaa dhugaa ta’ee,

Hundumaa hiriirsee diina dura dhaabee,

Onnee abbootii isaatii dhalmayaan fudhate,

Kan sodaa hin beekne, homaa irraa deebine,

Haga funyaaniitti, diina qawwee hidhate,

Bakka lixxu dhowwee, kokkee isii qabee,

Diina wat-waachise, sodaa itti naqe. (2)

Maqalee fi Finfinneetti teessumma godhattee,

Ilmaa tigrootaa shira irratti xaxxee,

Gaaffii ummata Oromoo kan dhaabdu itti fakkaatee,

Wabii fi abdii borii, Oromiyaaf egeree,

Abdataa Olaansaa qacaleetti kutte(2)

Du’a isaa dhagahee, rifatuun holladhee,

Aariidhaan waadamee, garaan na gubatee,

Inimmaan ija irraa jigee gadi na yaa’ee,

“Gootaaf hin boowani haaloo bahuuf malee,”

Geggeessaa Abdataa Olaansaaf

 

Amajjii 15/2016 Miseensoti OPDO Taanii Sirnicha Keessa jira n Keessaa Godina Lix a Shaggar Aanaa Mida a Qanyiitti Hogganaa Wajjira Dargaggoota a fi Ispoortii kan t ure Kabbadaa Qoroo C amadaa FXG Waliin Ji rta Sababaa Jedhuun Hidhame.

Aside

Amajjii 15/2016 Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Ilmaan Oromoo Miseensota OPDO taanii sirnicha Keessa jiran Illee Oromummaan Yakkee Hojjettoota Hedduu Hidhaatti Guuruu Eegalee jira, Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Hogganaa Wajjira Dargaggootaa fi Ispoortii kan ture Kabbadaa Qoroo Camadaa Oromummaan Yakkamee Mormii gaggeffamaa jiru keessatti qooda qabda jedhamuun Humna Waraana Agaaziin Ukkaanfamee Mana Hidhaa Maaikalaawwiitti darbamee jiraachuun ifa taee jira.

Dargaggoo Kabbadaa Qoroo Camadaa Bara 2005/1997 Fulduraa yeroo garaagaratti Oromummaan Hidhamee dararama kan turee fi Bara 2005 Humnootaa Tikaan qabamee Maaikalaawwiitti hidhamuun dararama guddaa keessa kan turee fi Bara 2009 Kan Gadhiifamee fi Miseensa OPDO Yoo taate malee hin jiraattu jedhamuun Miseensa OPDO baruma kana tauun Wajjira Milishaa Aanaa Midaa qanyii irratti Ramaduun akka yakka raawwatuuf dargaggoota Oromoo Aanaa Midaa Qanyii waliin walitti buusuuf shira guddaan irratti dalagamuun ni yaadatama. Boodarraa dargaggoota biratti fudhatama qabaachaa gaafa inni dhufuu, Shakkii guddaa keessa galuun waajjira Milishaa irraa kaasuun Wajjira dargaggoof Isport irratti ramadamuun utuu hojjechaa jiruu, Sochii Warraaqsaa FDGfi Mormii Master Pilaanii Finfinnee keessatti qooda qabda jedhamuu Humnoota agaaziin Ukkaanfamee kan mana hidhaatti darbamee jiru tauun saaxilame, kana Malees Kaabinootni Aanaa Midaa Qaanyii, Calliyaa, Aamboo, GINcii, Jalduu, Xuuqur Incinnii, Gindabarat, Adaaaa Bargaa, Meetaa Roobii, Mogorii fi Dandii hundii rakkoo ilaalchaa qabduu, Fincila mootummaa irratti gaggeeffamu keessa harka qabdu jedhamuun hidhamuuf Doorsifamaa jiraachuun ibsame jira!!

Gubachuu alaabaa fashist Waayyaanneen wal qabatee magaalaan QASSOO har’a dirre waraanaatti of jijjiirte

Aside

Ammajji 15,2016
Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Magaalaa Qassoo keessatti dheengadda marsaa 3ffaaf kan eegale FXG hanga har’atti ummanni jabinaan injifatnnoo  galmeessaa kan jiru yoo ta’u,har’a amajji 15,2016 humna waraana uummata magaalattif baadiyyaa keessa tamsaasun kannen alaaba guban baasaa jechuun ummata dararaa kan jiru yoo ta’u hidhattoota baadiyyaas magaalaas meeshaa (qawwee) harkaa fuchuuf dhaadata kan itti bobba’e yoo ta’u gad ba’uuf ol galuun nutti ulfaate jechuun oduun achi as qari’e ifomsa.gabaasa guutuf walitti deebina

FXG Wallagga Naqamte Keessatti Itti Fufe

Aside

Amajjji 15,2016
Baha Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessatti Gootota Qeerroo Barattoota Oromootiin itti fufe kaleessa gara cabsoo kan eegalan dhaadannoo osoo hin baratin qorumsa fudhachuu hin dandeenyu jedhuu kan eegalan
qeerroon barattootaa Qophaa’ina Naqamtee har’as itti fufuuf akka eegalaniin humna waraanaa hidhannoo guuttatee jiruun kan bittinfaman ta’us akka itti fufan wal hubachiisaniiru

Aside

Amajji 15,2016
Baha Wallaggaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa Magaalaa Nuunnuu keessatti BBB haalaan hojirra oolunsaa nii yaadatama.
ji’a kana keessas barattoota magaalichaaf naannooshee yeroo hogantonni mana barumsaaf hoggantoonni aanaa “kottaaa qorumsa fudhadhaa”
jedhanitti “waan baranne waan hin qabneef qoramuu hin dandeenyuu” jechuun hokkora cimaa dhaqabsiisaa jiru

Magaalaa Naqamtee keessatti Barattoonni Qophaa’inni Naqamtee FXG Aakkuma Itti Fufanitti Jiru “Humni waraanaa dhaqaa gala nugaggeessu duuba nu hin deebisu.hanga bilisummaa gonfannutti qabsoo keenya itti fufna”jechuun sagaleen ala har’a galgala galmasaanitti sa’a 5:40tti magaalaa Naqamtee keessa hiriira tokkoon osoo walirraa hin citin sodaa tokko malee daandi konkolaata qabatanii FXG bifa haaraa ta’een osoo namas ta’ee kmkolaata wal gidduu hin baasin tokkummaan gaggeessaa turan. Humni waraanaa konkolaataan dubbatta waan jedhan fakkaatv yeroo hidhata guutuun bukkee deemaa turan.

Wallagga Horroo Guduruu Keessatti Abbootiin Seeraa Akka Baratooti Mana Kiraayeffatee Hin Teenye Murtii Dabarsan.

Aside

(Amajji 15,2016)
Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keeysatti hogantoota Aanaatin murtiin barattoota FXG kaasuu danda’uu jedhamanitti mana akka hin
kireessinee murtiin kenname.

Bule ka’ee mala itti FXG Fashalsu barbaaduuf(soquuf) kan hin ciifne jala deemtonni TPLF Horro guduru Wallaggaa Nannoo Amuru jedhamtu
keessatti abbooti mana magaala qaban hundinu akka mana barattoota qaroo qabanitti akka hin kireessine guyyoota darban muraasa keessa
murtii jabaa kennan.