Baha Wallaggaa Qophaina Naqamteef Uummata Boordii Keeessa Jiraatanin FXG Daran Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Amajji 19,2016 Gareen murna bichuu TPLF tarkaanffi suukanneessaa fudhattus warraaksa banbanee jiruu dhaamsuu hin dandeenye ittu gochiisaani Warraqsa golee OROMIYAA arfaniin fininsise Qeerroon barattootaa Q/Naqamtee har’a ayyaanaan wal qabsiisani yeroo
“galaa!”jedhanitti Barattootarraa Diddaa guddaan dhaga’ame barattoonnis diddaasaanii dhaadannoo jajjaboon eegalan (“oso haadhoon keenya du’a jiruu dhiigasarra ejjenne hin ayyaanefannu ,harmeen keenya bo’a nuti gammachu hin hin qabnu ,nuti dhaloota qubeeti gabrummaan nu hin ta’u”) jechuun akkuma eegalaniin gaazaa nama imimaanessu gaddhiisan aarii guddaa keessa kan galche barattoota waliin dhaadannoo dhageessisa.

SBO AMAJJII 20,2016. Oduu, Gabaasa hiriira nagaa Newyork fi Gaaffii fi deebii miseensa Gumii Sabaa ABO Jaal.Dachaas Roobaa waliin kutaa lammataa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 18, 2016

Aside

Sirna Awaalcha Gooticha Barataa Oromoo Tolosaa Dhufeeraa Engineering Waggaa 4ffaa Yuniverstii Haromaayaa Loltoota Wayyaaneen Ajjeefame.

Aside

 

 

Gochi suukkanneessaan shamarran Oromoo sadii godina wallagga lixaa magaala Najjoo keessatti mana nama dhuunfatti waraana Wayyaaneen irratti fudhatamaa jira‏

Aside

Hidhaa fi gochi safuu cabsee fi suukkanneessaa saroota wayyaaneetiin uummata oromoo irratti gahaa jiru daran jabaatee itti fufe jedhu
Qeerroon godina wallagga lixaa aanaa Najjoo irraa ibsu.
Har’a Amajii 18/2016 addeessutti hidhaan barattootaa fi ummata irra gahaa jiru kan magaalaa Najjoo akkuma itti fufetti tahee gocha
suukkannessaa sharammaran magaala Najjoo irraa qabaman kanneen maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffaman waraana wayyaaneen erga qabamanii mana nama dhuunfaatti geeffamanii kaasee gocha gudeeddaa irratti raawwatanii hanga ammaatti poolisiin wayyaanee gocha kana irratti raawwataa akka jiru qeerroon gabaasee jira. isaan kunis
1. Ayyaantuu Malaakuu
2. Guddee Gammachuu fi
3. Ayyaantuu Camaduu kan jedhaman sadan kun harkaa waraana Wayyaanee keessatti miidhamaa akka jirantu gabaafame. Mana nama dhuunfaa keessatti waraana wayyaaneen dhokfamanii haala gaddisiisaa kan dubbachuun nama saalfachiisu irratti raawwataa kan
jiran yoo tahu isaan keessaa Ayyantuu Camadu qaamni ishee hir’uu tahee cabdee akka jirtu gabaasni dhufe ibsa.
Kannen maqaan isaanii nun gahin dhabamanis eessa jiraatuu isaanii kan hin beekamne shamarran hedduu akka tahes Qeeyroon gabaasee jira.

Barattooti Oromoo Baha Wallagga FXG Itti Fufan

Aside

Amajji 18,2016
Baha Wallaggaa Qopha’ina Naqamte,
Wamaa Hagaloo
Magaalaa Moxe, Ganda Baataa,Magaalaa Qassoo,Magaalaa Killoo,Ganda Baabbaa Kofalee keessatti sochiin FXG haalaan finiinsaa turan. Akkasuma Waamaa Hagaloo Baataa keessatti kannen jalee mootummaa ta’an irratti tarkanfi ummati fudhatee madoo taasisan

Gaaffiin keenya gaaffii Abbaa biyyummaa ti hiriyoonni keenya hanga hiikamanitti hin barannu jechuun Barattoonni qophaa’inaa Moxee ka aanaa Waamaa Hagaloo FXG irra oolan

Aside

Gaafa Amajjii 18,2016, Akka gabaasi Qeerroo  ibsutti magaalota Moxee fi Qassoo keessatti alaabaan Wayyaanee erga guggubameefi qabeennaa Wayyaanee irratti tarkaanfiin fudhatamee kaase humni waraanaa aanicha goolaa akka jiru beekamaadha

Barattooti fi jiraattonni ukkaamsamaa utuu jranii ilmaan Oromoo ajjeestanii utuu qarshii gaafattanii barachuu hin dandeenyu jechuun FXG mormii dhaan sagalee isaanii dhageessisaa oolan. Dhumarratti humni waraanaa achii bittimsuu fi Barattoonni hedduun ukkaamsamuus oduun achii nu qaqqabe ifa taasiseera.

Gabaasi Qeerroo Waamaa Adaree Wallewwaan warraaqsa ciccimoo ta’anin
(Hoo baala kusa’e
DH.D.O Maal nurra ka’e
Waayyaanne maal nurra ka’e
Hoo yaa abbaa jiksa
Nafxanyaan maaf nu cunqursa
Hoo yaa abbaa daale
Diqaalicha enyummaasatan wal’ale
Hoo yaa birrole
Homaa hin qabnu kobbee malee
Hoo yaa birrole
Gabronfataadhan kajeele jechuun kan eegalan dhumarratti tarkanfiwwan qabeenyaa diinaaf basaastota,jalewaan TPLF (OPDO) irratti fudhatani Waajjiraalewwan magaalatti keessaa heddusaani barbadeessan.gadhee nama madoo taasisani akka itti fufan waadaan galan keessattu barattootni ukkanfaman hamma gaddhiifanitti,alaabaa keenya hanga fannifanutti itti fufna jedhan.

Godina Wallagaa Magaalaa Giddaa Ayyaanaa FXG.

Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Mooraa Yuniverstiilee Keessaa Qabee Seeraan Ala Hidhe Kijibaan Dirree Waraanaa Irraan Qabe Jedheen Mana Murtii Irratti Yakkaa Jira.

Aside

Amajjii 19,2016 , Barattooti kun yeroo jalqabaaf 24 ka ta’an yoo ta’u,amma barattoota shan kan himataa jiru yeroo ta’u, adeemsi heeraa fi Seeraa kan hin eegamneefi maqaa Oromoo fi ABOtiin yakkamanii murna bicuu TPLF Tigiraayin humatamaa jiru. Barattooti kun amma mana yaalaa dhirkamuun,baay’ee kan miidhaman yoo ta’e illee haamileen oromummaa isaanii mana hidhaa maa’ikelaawwi fi Qilinxootiin utuu hin cabin mana Murtii Wayyaanee kanatti sodaa tokko malee uffata aadaa Oromoo uffatanii dhiyaatan

Himatamtoota Wayyaanee kana keessaa Barataa Magarsaa Warquu dhukkubaa fi dararaa irratti raawwatameen baay’ee hubamee kan jiru yeroo ta’u, Afaan Wayyaanee abbaa alangaa ka ifiin jettu himata irratti dhiyeessite gocha isaanii akka hin taane ibsaniiru.

Nimoonaa(Abbabaa) Urgeechaa yaada gartuu himatamtoota Abbabaafaa jedhaman kana irraa yaada Abbaa Seeraaf dhiyeessan ” maaster pilaaniin finfinnee itti himatamaa jirru mootummaan naannoo Oromiyaa uummati kan itti hin amannee waan ta’eef hojiirra hin oolu aantummaa uummata Oromootiif qabu nan mirkaneessa ” erga jedhee midhaa ga’e jedhuuf mootummaan naannoo Oromiyaa itti gaafatama haa fudhatu nuunis himanni keenya mootummaa federaalaan ilaalamuun hafee gara mootummaa naannoo tti nuuf haa deebi’uu ” yeroo jedhan abbaan seeraa garuu karaa qaama ilaaluu dhiyeeffachuu dandeessu nuun garuu qorannoo seeraa keenya addaan hin kunnu himata isinitti dhiyaateef guraandhala 14-16tti ragaa faccisaa akka dhiyeeffattan jechuun galmicha cufe

  1. Barattooti kun,Abbabaa (Nimoonaa)Urgeechaa   Haromaayaatti Barataa Injinrerii
  2. Magarsaa Warquu Barataa seeraa waggaa 5 ffaa Yuunibarsiitii haromaayaa
  3. Addunnaa Keessoo Barataa Adaamaa Yuunibarsiitii
  4. Bilisummaa Daammanaa Yuunibarsiitii Adaamaa

 Yeroo ta’u, wabii kuma kudhaniin alaa kan dhiyaate, Mo’iiboon Baqqalaa Garbaa Yuunibarsiitii Jimmaatti Barataa public health waggaa lammaffaati

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 16 January 2016

Aside

Dameen Yuuniversiti Awwaaroo Mootummaa Shororkawaaa Wayyaaneetiin Galgala Kana Gubataa Jira‏

Aside

Amajii 17,2016
Yeroo ammaa kanatti kaampaasiin yuuniversitii damee Awwaarooo harka diinaatin gubataa akka jiru Qeerroon gabaasaa jira.
Mootummaan shororkaawan mootummaan Wayyanee yeroo amama kanatti badiisa irra waan gaheef dhaabbilee barnootaa fi dhaabbata tajaajila uummataa ibiddaan gubaa akka jiru kan ragaadhaan bira gahamaa hubatamaa dhufedha. Har’a Amajii 17/2016 Amboo, dameen Yuuniversitii Awwaaroo doormiin dhiiraa fi kaaffeen nyaata barattootaa ibiddi humna waraana Wayyaaneen itti qabatee gubataa akka jiru amma sa’a 1 dura Qeerroon gabaasee jira.
FXG shawaa lixaa aanaalee garagaraatti ittisa gandaa fi poolisoota Oromiyaatin kan deggerameen fincila uummataatti makachuun gabaasni nu
gahe addeessa.