Gaaffiin keenya gaaffii Abbaa biyyummaa ti hiriyoonni keenya hanga hiikamanitti hin barannu jechuun Barattoonni qophaa’inaa Moxee ka aanaa Waamaa Hagaloo FXG irra oolan

Gaafa Amajjii 18,2016, Akka gabaasi Qeerroo  ibsutti magaalota Moxee fi Qassoo keessatti alaabaan Wayyaanee erga guggubameefi qabeennaa Wayyaanee irratti tarkaanfiin fudhatamee kaase humni waraanaa aanicha goolaa akka jiru beekamaadha

Barattooti fi jiraattonni ukkaamsamaa utuu jranii ilmaan Oromoo ajjeestanii utuu qarshii gaafattanii barachuu hin dandeenyu jechuun FXG mormii dhaan sagalee isaanii dhageessisaa oolan. Dhumarratti humni waraanaa achii bittimsuu fi Barattoonni hedduun ukkaamsamuus oduun achii nu qaqqabe ifa taasiseera.

Gabaasi Qeerroo Waamaa Adaree Wallewwaan warraaqsa ciccimoo ta’anin
(Hoo baala kusa’e
DH.D.O Maal nurra ka’e
Waayyaanne maal nurra ka’e
Hoo yaa abbaa jiksa
Nafxanyaan maaf nu cunqursa
Hoo yaa abbaa daale
Diqaalicha enyummaasatan wal’ale
Hoo yaa birrole
Homaa hin qabnu kobbee malee
Hoo yaa birrole
Gabronfataadhan kajeele jechuun kan eegalan dhumarratti tarkanfiwwan qabeenyaa diinaaf basaastota,jalewaan TPLF (OPDO) irratti fudhatani Waajjiraalewwan magaalatti keessaa heddusaani barbadeessan.gadhee nama madoo taasisani akka itti fufan waadaan galan keessattu barattootni ukkanfaman hamma gaddhiifanitti,alaabaa keenya hanga fannifanutti itti fufna jedhan.

Godina Wallagaa Magaalaa Giddaa Ayyaanaa FXG.

1 thought on “Gaaffiin keenya gaaffii Abbaa biyyummaa ti hiriyoonni keenya hanga hiikamanitti hin barannu jechuun Barattoonni qophaa’inaa Moxee ka aanaa Waamaa Hagaloo FXG irra oolan

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s